Walabummaa booda imala waggaa 30 Afrikaa Kibbaafi hiree ANC filannoof eegamaa jiruu

Madda suuraa, Getty Images
Afrikaa Kibbaa filannoo gaggeeffachuuf dhiyaatteetti. Waggoonni dimokiraasii 30 keessa darbite maal fakkaatu? Sirni Appaartaayidii warra gur’aacha hacuucaa ture erga burkutaa’een booda jijjiirama akkamiitu dhufe?
Gaazexeessituun BBC Noomsaa Maaseekoo waan yaadattu duuba deebitee kaasteetti.
Haati kiyya yeroo jalqabaatiif filannoorratti kan hirmaatte bara 1994 ture. Yeroo kaardiishee korojoo keessa buustu , “Kaardii mana hidhaa keessaa ittiin ba’uu” akka ta’e itti dhaga’amaa turuu ibsite.
Yeroo sanatti umuriinshee wagga 43 ture. Akkuma lammileen Afrikaa Kibbaa miliyoonaan lakkaa’amanii yeroo jalqabaatiif ture filannootti kan hirmaatte.
Filannoo qabsoon hidhannoo waggoota kurnan baayyeetiif sirna gita bittaa sanyii warra adii leellisuufi gara jabinaan beekamu jalaa ba’uuf taasifame dhaledha.
Yeroo sanatti baayyee daa’ima waanan tureef warri filannoo raawwachiisan akka nama filateetti quba kiyya halluu akka dibadhuuf naaf hayyamanii ture. Haati kiyyaafi gur’aachonni bilisa ba’uu hordofee mootummaa ofiisaanii filachuun maal akka ta’e argiteetti.
Filannoo dura hokkara siyaasaa hamaan ni jiraata yaaddoon jedhu tureera. Johaannisbarg gama bahaan kan jirtuufi naannoo ani jiraadhu Kiwaa-Tiimaatti qilleensi gaazii imimmaanessuun guutamee ture.

Madda suuraa, AFP
Konkolaataawwan loltuu mana keenyatti dhiyoo halkaniifi guyyaa deddeebiyaa ture. Fageenyarraa ammoo sagaleen dhukaasaa ni dhaga'ama ture.
Guyyaa filannoo dura osoo hiriyyoota kiyya waliin taphataa jirruu konkolaataan adii tokko T-shartoota, kubbaafi alaabaa fe'atee dhufe.
Paartii kanadha egaa bara 1948 gara aangootti kan dhufe. Paartii kanadha sirna Appartaayidii kan garaa garummaa sanyii seeraan tumee hojiirra oolche.
Baayyeen keenya isaan dura kubbaa haaraa harkaan qabneeyyu hinbeeknu. Kanaaf, bilisaan waan nuuf kennameef baayyee gammadnee ture. Gammachuun keenya garuu baayyee hin turiin hafe.
"Aktivistoonni farra Sirna Appartaayidii "Jaallan" jedhaman hunda nurraa fuudhan. T-shartoota sana nurraa butanii fuudhanii guban. Kubbaawwan sana ammoo billaadhaan tatarsaasan.
"Kanaan booda diinarraa waan tokko hin fudhatiina," jedhamnee ifatamne. Gaddinullee garuu sababiin isaa nuuf galee ture.
Guyyaan itti sagalee kennan gahe. Guyyaan isaa callisaafi wanti sokoksu tokkollee hin turre. Guyyaan isaa aduu ta'ullee qilleensi isaa sodaafi yaaddootiin kan guutame ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Buufanni filannoo kollejjii barsiisotaa tarree mana keenya fuula duratti argamu keessa ture. Alaabaawwan cuquliisaafi adii nageenya labsan ol qabamanii mirmirfamaa turan. Bakka bu'oonni paartii siyaasaa uffata halluu paartiisaaniitiin faayame uffatan manaa manarra deemanii mana rurukkutaa ummanni bahee akka filatuuf kakaasaa turan.
Hiriirri akka hiddaa/funyuu kiiloomeetira baayyee dheeratee ture. Dargaggoonniifi gaheessonni hiriiranii harkasaanii ol fuudhanii "Sikuluulekiilee" jechaa turan. Jechi kun afaan Zuuluutiin "Bilisummaa keenya gonfanne" jechuudha.
Miira addaatu natti dhaga'amaa ture. Poolisoota adii fardarra taa'anii yeroo darban argee dhokachuun ammaan booda akka na hin barbaachifne hubachuukootiin wanti hunduu natti salphate.
Sanyiin saree Jarman Sheefered jedhamu ammayyu nan sodaadha. Poolisoonni Appartaayidii hojii suufuufi eegumsaaf itti gargaaramuun alatti ijoollee taanee yeroo jirru sababii tokko malee saroota sana nutti gadhiisu ture.
Waa'ee qabsoo bilisummaa magaalaa Soweetoo safara Orlaandoo Weest jedhamuu yaadannoo gaarii hedduun qaba.
Bara 1994 Kongirasiin Biyyaalessaa Afrikaa (ANC) mo'atee pirezidantii kan ta'an Nilsan Maandellaafi Phapaahsiin olaanaa Deezmoond Tuutuu daandii yeroo tokko irra jiraatan Viilaakaaziirratti Saakumzii Maaqubeelaa restoraantii beekamaa qabu.]"Turiizimiin Daandii Viilaakaaziitiif bu'aa baayyee buuseera. Afrikaan Kibbaa maal akka taate arguudhaaf turistoonni dhufan oliifi gadi deemanii yeroo daawwatan argeen nyaata gurguruu jalqabuufan murteesse," jedhe.
Maqubeelaan waggoota 30 darban yaalii taasisan gaggeessitoota biyyattii waliin walfakkeessu.
"Waggoonni 30 darban mootummaa keenyaaf yeroo yaalii turan. Isaan barachaa waan turaniif qabxii isaaniif kennuu ni dandeenya."
"Carraa hojii 500 uumuukootiif, akkasumas yaaliin kiyya jijjiirama akka fide baruukootiin 'uffee' jedheen rafa."

Waggootiin dimokiraasii jalqabaa abdii kan namatti hiran turan. Bara aangoo Maandellaa jalqabaarratti hirmaatanii kan turan Taaboo Imbeekiin filannoo itti aanu mo'ataniiru. Hawaasni sivilii, yaada ofii bilisaan ibsachuufi pireesiin walabaas ni guddate.
Turtiin 'caaqulaa' ANC dhumachaa jiraachuu namoonni hedduun akka mirkaneeffatan dubbatu.
Malaammaltummaafi wal-morkii keessootiin raafamaa jira. Biyyattiin rakkoo hoji-dhabdummaafi yakkawwan baayyachuun gufuu guddaa itti ta'aniiru. Namoonni baayyeenis tajaajilawwan bu'uuraa akka bishaaniifi ibsaa dhabanii rakkachaa jiru.
Bu'aan dimokiraasii Maaqubeelaan argatan naannoo Viilaakaavii Sentirraa baayyee babal'atee deemuu hin dandeenye.
Konkolaataan daqiiqaa 10 yoo deeman Kiptaawon keessatti baayyee kan hin qulqulloofne ykn qullaa kan ta'an manneen fincaanii (booliiwwan) sosocho'anitu daandiirra hiriiranii mul'atu.
Naannoowwan jireenyaa manneen dhugaatii Shiibiins jedhamuun beekaman baayyeetu mul'ata malee manneen barnootaa hin jiran. Shamarran kana keessa darbuudhaaf wallaansoo keessa jiru.
"Dimokiraasiin waggaa 30 anaaf waayyu jechuu miti. Wanti itti kun kabajamuuf tokkollee hin jiru," jechuun balbala manasheerra dhaabbattee dubbatti Taasniimaa Silvaster.
"ANC wanta hojjedheera jedhu waanan hin argineef bara kana sagalee kennuudhaaf hin yaadne," jechuun dubbatti dubartiin waggaa 38 fi haadha ijoollee sadii.
"Hojii, bishaan qulqulluufi mana fincaanii hin qabu. Aartuufi nama abdii hin qabne ta'eera."
Seenaan Silvastar haala Afrikaa Kibbaa har'aa ta'ee mul'ata. Warra hin qabneefi warra qaban gidduu garaa garummaa jiru bal'aa ta'eera.
Chaartariin bilisummaa bara 1955 kan mallatteeffame Kiliiptaawonittidha. Chaartarichi kan qabsaa'onni mul'ata bilisummaa Afrikaa Kibbaatiif qaban itti kaa'anidha.
Hariiroo jiraattonni Kiliiptaawon wabsoo bilisummaa ture waliin qaban akka dagatametti itti dhaga'ama.
"Yeroo dheeraatiif dagatamnee turre. Keewwatawwan Chaartarichaa 10 keessaa tokkoon isaaniillee safara kanatti hojiirra ooluu dhabuun isaanii baayyee nama gaddisiisa," jechuun dubbata daawwachiisaa naannoo sanaa kan ta'e Nitookoozoo Duubee.

Madda suuraa, BBC/THUTHUKA ZONDI
Xiinxaltuu siyaasaa Teesaa Dums ayyaana waggaa 30ffaa guyyaa walabummaarratti gaaffiiwwan jajjaboo ilaalcha keessa galuu qabaniti jiru jetti.
"Namoonni ijaarsa biyya keenyaa bu'uurarraa akka hin jijjiirretti ilaalu," jechuun ibsiti.
"Amma kan darbe waliin wanti baayyee wal fakkaatan tokko tokko ifatti kan mul'atan jiru... Walqixxummaan dhibuun haala yaddessaa ta'een itti fufeera. Bara dimokiraasii jedhame kana keessatti ammoo caalaayyu dabaleera."
Rakkoo jiru kan agarsiisu fakkeenya tokko eeruun ni danda'ama. Hakiimonni dhibbaan lakkaa'aman hojii waan hin arganneef magaalota gurguddoo biyyattii keessatti mormii dhageessisaa jiru.

"Baayyee kan abdii nama kutachiisudha. Lammileen Afrikaa Kibbaa kunuunsa fayyaa barbaadanillee sirna burkutaa'aa jirudha kan qabnu.
Kanaafidha kan hakiimonni 800 mana taa'an," jechuun dubbatti ogummaa fayyaatiin hojii waan hin arganneef hojii biraaf yeroof kan jalqabde doktar Mumtaaz Imiraan-Tomaas.
Keessumaa dargaggoonni jijjiirama gaafachaa jiru. ANC dimokiraasii cimsa amantaa jedhu jijjiiraa jiru.
Eenyuunillee hin filannu jechuun warrii abdii kutaniiru jiru.
Lammileen harki caalan warra akka haadha koofi bara Appartaayidii keessa jiraatanii bu'aan filannoo isaaniif gale garuu ammallee filannootti amanu.
Yeroo filannoon marsaan torbaffaa gaggeeffamu mucaa koo waggaa ja'aa qabattee bakka jalqaba sagaleeshee itti kennite buufata filannoo Kiwaa-Teemaatti hiriirtee sagalee kenniti.












