Lammileen Afrikaa Kibbaa poolisiirraa abdii kutatan meeshaa hidhataa jiru

Madda suuraa, AFP
Afrikaa Kibbaatti jiraataa magaalaa Johaannisbarg kan ta'e Milootishwaa Peensan waggoota ja'an darban keessa eessayyu yeroo deemutti shugguxiin isaa isarraa adda bahee hin beeku. Gara suuqii, mana jiimiifi manneen nyaataa yeroo deemu hunda hidhatee deema.
Yakkawwan ciccimoon guyyaa guyyaatiin kan keessatti raawwatamaa oolu Afrikaa Kibbaa keessatti shgguxiin hidhate viidiyoowwan YouTube irratti qopheessuuf Peensaniif waan murteessaa ta'edha.
"Falfaltuu waanan hin taaneef yoom akka haleellaan anarratti raawwatamu hin beeku," jechuudhaan waan itti dhufe ofirraa ittisuuf akka isa gargaaruuf yeroo hunda shugguxii hidhatee akka deemu Peensan BBCtti himeera.
"Ofirraa ittisuudhaaf shugguxii kiyya hidhachuudhaaf yeroowwan itti dirqame baayyeedha," jechuun halkan tokko hirbaata nyaatee yeroo deebiyutti waan qara qabuun sodaachisuun borsaa kiisa isaa keessa jiru jalaa fudhachuudhaaf yaalii taasifame yaadata.
Yeroo kun isa mudatetti shigguxii isaa baasee hattuu borsaa isaa irraa fudhachuuf ture billaa qabatee ture akka gatu taasisuun bakka balfa itti gatan keessatti darbateera. Haata'u malee, rasaasa tokkollee hin dhukaasne.
Peensan meeshaa waraanaa lakkoofsa isaanii hin ibsine hidhachuudhaaf kan dirqameef nageenya mootummaafi poolisiin biyyattii eegsisuuf hin dandeenye eeggachuuf qofa akka ta'e dubbata.
Yaada Peensan waliin kan waliif galtu jiraattuun Johaannisbarg Liinat Oksilay, balaan akka kanaa, "fuulaa fuulatti waliif bahuun dirqamadha," jetti.
Kanaaf, dubartoonni meeshaa hidhataniin waan itti dhufe akka ofirraa ittisaniif dhaabbata leenjisu hundeessiteetti.
Hddha meeshaa waraanaa 12 kan taate dubartiin Johaannisbarg umuriin ishee waggaa 52 ta'e kun "kophee bareedaa bitachuurra shiguxii haaraa bitachuun filadha," jechuun BBCtti dubbatti.
Dhaabbanni 'Girls on Fire' jedhamu dubartoota gudeedaman, saamaman ykn haleellaan kamiyyu kan gargaarudha. Afrikaa Kibaatti haleellaan saalaa dubartootarra addunyaarratti warraa baayyee hamaadha jedhaman keessaati.

Madda suuraa, AFP
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dubartiin yeroo ulfa turtetti mannisheerratti saamichi gaggeeffamee isheefi mucaashee waggaa ja'aa duratti abbaan manaashee itti dhukaafamee kan rukkutame gargaarsa barbaacha dhaabbatichatti makamteetti.
Akkaataa meeshaa waraanaa fayyadamanirratti leenjii kan kennitu Oksilaay akka jettutti, " Namoonni amma ofii isaaniirraa kan hafe eenyuyyu akka waan tokko isaanirraa hin ittifne hubachaa jiru."
Meeshaa waraanaa ilaalchisee seerri Afrikaa Kibbaa lammileen biyyattii dhoksanii qabannaan meeshaa hayyama qabu hidhatanii socho'uu danda'u.
Qorannoon dhaabbata meeshaa hidhachuu mormu 'Gun Free South Africa' jedhamu waggaa sadii dura gaggeesseen lammileen biyyattii miliyoona 2.7 ta'an meeshaa waraanaa qabu. Kana jechuun ammoo lammilee Afrikaa Kibbaa gaheessota ta'an keessaa dhibbentaa saddet hidhataniiru jechuudha.
Duula yakka irratti taasifamu yeroo ilaalamu poolisiin Afrikaa Kibbaa mo'ameera.
Yakkawwan ajjeechaa waggoota 20 keessatti isa olaanaa ta'etu mul'ate. Daarektarri sochii meeshaan waraanaa babal'achuu mormu Adeellee Kirisstan BBCtti akka dubbatanitti, yakki Afrikaa Kibbaatti dabalaa jiraachuu qofa osoo hin taane, haleellaawwan meeshaa waraanaatiin "amalli isaanii jijjiiramaa jira," jedha.
Yeroo ammaa kana haleellaawwaniifi ajjeechaawwan jumlaa meeshaa waraanaatiin raawwataman "mallattoo" Afrikaa Kibbaa ta'aa jira.
Afrikaa Kibbaa keessatti lammileen meeshaa waraanaa hidhachuudhaaf hayyama argachuudhaaf umuriin isaanii waggaa 21 ol ta'uu, leenjii itti fayyadama meeshaa waraanaa bal'aa ta'e, qoramaatawwan baayyeefi qorannoo sammuu fayyaa taasisuun isaan barbaachisa.
Kanaaf, hayyama meeshaa waraanaa qabachuu argachuun dheeraafi adeemsa nuffisiisaa ta'uu danda'a.
Afrikaa Kibbaatti "meeshaa waraanaa hidhachuun of oolchuudhaaf gahee qaban murteeffachuudha," jechuun BBCtti kan dubbate gorsaa meeshaa waraanaa Giidiyoon Jubaartiidha.
Afrikaa Kibbaa keessatti aadaan meeshaa waraanaa qabaachuu sirna bittaa warraa adii hanga 1994 ture jalatti bu'uura kan qabate seenaa walitti bu'insa tureenidha. Boodarra meeshaa waraanaa hidhachuun hayyamamulleen warri gur'achaa garuu waggoota dheeraatiif meeshaa hidhachuu hin danda'an ture.
Koloneeffattoonni Awurooppaa gara Afrikaa Kibbaa meeshaa waraanaa qabatanii kan seenan bara 1600 keessa yoo ta'u, qubbattoonni warri Daach kan dhaalan Afrikaaners hanga har'aatti abbummaa meeshaarratti garaa garummaa uumee tureera.

Madda suuraa, LYNETTE OXLEY
Gabaasni kutaa imaammataafi qorannoo Poolisii Afrikaa Kibbaa akka agarsiisutti, bara 2014 keessa biyyattii keessatti lammilee meeshaa hidhatan keessaa dubartoonni harka dhibba keessaa 19 ni ta'u ture.
Kiriisten akka jettutti, gosti namoota meeshaa waraanaa abbummaan qabatanii jijjiiramaa jiraatulleen, yaadni hidhachuu yeroo sirna gita bittaa keessa ture, keessumaa dhiirota warra adii umuriin isaanii deeme ta'ee itti fufeera.
Mootummaa hedduminnaan warra gur'aacha of keessaa qaburraa amantaa waan hin qabneef, jaarsoliin adii Afrikaa Kibbaa, "kan isaan ittiin ofirraa ittisan meeshaa waraanaa hidhatanii jiraniinidha," jetti.
Yeroo ammaa kana namoonni baayyeen waan isaanitti dhufu ofirraa eeguudhaaf, poolisii amanachuu dhiisanii gara dhaabbilee dhuunfaa nageenya eegsisaniitti deebiyaniiru.
Milootishwaa Peensaniif Afrikaa Kibbaa keessatti meeshaa waraanaa hidhachuun baayyee itti yaaduu dhimma barbaachisu osoo hin taane, murtee salphaadha. Shigguxiiwwan isaas meeshaa qaalii ofii isaatiifi maatii isaa waan itti dhufurraa ittiin eegu akka ta'e ibsa.












