Finfinneetti sagalee gurra nama duuchaniif qaamni gurra kennu argamaafii?

Sagale-guddistuu

Madda suuraa, Getty Images

“Ummanni magaalaa Finfinnee wantota lama irratti ifatti osoo mariyatee gaariidha. Ifatti mariyadhaa. Paartii, filannoo maal maal jechuu dhiisaatii ijoollee keessaniif jedhaatii ifatti mariyadhaa.

Tokkoffaan sagaleedha... Turistoonni hedduun, namoonni hedduun, dhukkubsattoonni hedduun, namoonni hojii qaban hedduun Finfinnee keessa rafanii buluu hin danda’an.

Haala baayyisee nama gaddisiisuun, karaa amantii kamiiniyyu hidhata hin qabneen jeequmsa [faalama] sagalee baayyee guddaa ta’etu jira,” jedhan Ministirrri Muummee Abiy Ahimad (PhD) marii bakka-bu’oota ummata magaalaa Finfinnee waliin jalqaba Bitootessaa 2024 taasisaniin.

Kun dhugaadha! Daandiin, bakki waaqeffannaa, manneen dhugaatii, manneen daldalaa, warshaalee, konkolaataa, bakkeewwan ijaarsaa dabalatee gola Finfinnee sagaleen keessaa hin baane hin jiru.

Namoonni baayyeen magaalaa Finfinneetti faalamni sagalee jiraattotaafi tursitoota boqonnaa dhorkaa jiraachuun waan hin haalamnedha jechuun, dubbiin MM Abiy kun ‘dhiyeenyatti fala argamsiisinnaa?’ jechuun gaafatu.

“Guyyaa hojiirratti dadhabaa oolee manumatti galuu na yaaddessaa jira. Silaa manni halkan cinaachi ofii gadi ciisee yeroo itti boqochuu qabdu ture.

''Haata’u malee, galgalaarraa kaasee hanga lafti bar’iutti kallattii afraniin akaakuu sagalee meeqatuu nama jeeqa. Muuziqaa mana dhugaatii jettamoo, ‘qiddaasee’ bataskaanaa ykn bakkeewwan waaqeffannaa fagoofi dhiyoorraa osoo walirraa hin citiin ittiin bari’a.

Hirriba gahaa osoo hin rafiin lafti bariinaan juurta’aa biddeena waan ta’eef gara hojii deemna,” jechuun hangam akka faalamni sagalee boqonnaa ishee dhorke dubbatti Sannaayit Mesfin.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sannaayit [kan maqaan isaa jijjiirame] jiraattuu magaalaa Finfinnee naannoo Saarisiiti.

Sagaleen dhaga’amu saatiin murtaa’efii, akkasumas ‘kana caaluu hin qabu’ jedhamee safaramee osoo kaa’ameera ta’ee akka sanatti jireenya ofii sirreeffachuun ni yaalama ta’a kan jettu Sannaayit, guyyaa caalaa halkan jeequmsi (faalamni) sagalee hamaa ta’uu dubbatti.

Faalamni sagalee magaalaa keessatti baayyinaan manneen amantaa (bakkeewwan waaqeffannaa), manneen dhugaatii (manneen shubbisaa halkanii), sagalee beeyladoota manaa, konkolaataa, xiyyaara, warshaa, bakkawwan ijaarsaa, kkf irraa dhufa.

Faalama sagalee kana afaan Ingiliziitiin Noise Pollution ykn Sound Pollution jedhu.

‘Faalama sagalee’ jechuun sagalee hin barbaachifne, kan nama jeequ yoo ta’u, rakkoowwan fayyaa akka dhiphina sammuu, dhiibbaa dhiigaafi dhibeewwan jijjiirama hormooniitiin dhufaniif sababa akka ta’e qorannoon ni mul’isu.

Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) jedhutti, faalamni sagalee rakkoowwan fayyaa wal xaxoo yeroo gabaabaafi dheeraa fakkeenyaaf, hirriba nagaa hin qabne, rakkoowwan fayyaa onneefi hidda dhiigaan walqabatan, hojiifi barnootarratti si’aayina dhabuu, rakkoo dhaga‘uu horachuu, kkf sababa ta’uu osoo danda’uu hanga inni yaaddoo ta’u hubatamee xiyyeeffannaan malu hin kennamneef.

Daa'immaniifi namoonni dhukkubsatan faalama sagaleetiif addatti saaxilamoodha. Sababiin isaa ammoo, yeroo baayyee manneen-barnootaafi hospitaalonni bakkeewwan sagalee jeequu danda'an jedhaman dhiyootti argamuu danda'u.

Kana malees, daa'immaniifi namoonni dhukkubsatan mana jireenyaa keessattis taanaan kutaa hawaasaa kaan caalaa rakkoo kanaaf saaxilamoo akka ta'an qorannoon ni mul'isa.

Biyyoonni addunyaa hedduun rakkoo kana hubatanii hubannoo hawaasaa cimsuun, seerota baasuun, akkasumas tarkaanfiiwwan biroo fudhachuun haala rakkoon kun itti hir’achuu danda’urratti hojjechuun milkaa’aniiru.

Fakkeenyaaf, biyyi ollaa Keeniyaan bara 2022 keessa bataskaanonniifi masjiidonni magaalaa guddoo biyyattii, Naayiroobii keessa jiran yeroo kadhatan ykn sagadan sagalee nama jeequ akka xiqqeessan itti himame hojiirra oolchaniiru, ittis milkaa'aniiru.

Yeroo sanatti bulchaa magaalaa, Naayiroobii kan ta'an Aab Joonsan Sakaajaa abbootii amantii wajjin wal argee mariyachuun seera sagalee waldaaleefi masjiidota keessaa bahu to'atu baasuuf akka jiran beeksisanii ture.

Baayyina ummataatiin tokkoffaa kan taate Naajeeriyaatti faalamni sagalee yaaddoo dabalaa buludha. Wantonni faalama sagaleetiif sababa ta’en hedduun jiraatanis, biyyattii keessatti dhaabbileen amantaa kan akka waldaalee Kiristaanaa warra ijoodha.

Akka Labsii Istaandardiifi To’annoo Naannoo Biyyaalessaa Naajeeriyaa 2007 jedhutti, wiirtuuwwan waaqeffannaa keessatti sadarkaan sagalee hayyamamu inni olaanaan 75 dB (dessii beel) ta’a.

Haata’u malee, akka qorannoon tokko kutaa biyya Naajeeriyaa Poort Koort jedhamu keessatti gaggeeffametti, sadarkaan sagalee manneen amanaa warra Peenxeqostaal keessaa bahu duraafi duubaan mana keessattiifi alatti 95.1 db fi 79.5 db yoo ta’u, waldaa Ortodoksii keessaa ammoo duraafi duubaan mana keessaafi alatti 93.6 fi 77.9 akka ta’e mullisa.

Mootummaan Neejeriyaa rakkoowwan faalama sagalee kana ilaalchisuun labsiiwwan akkasii baasuun tarkaanfiiwwan fudhachaa turus, ammallee waan hedduu hojjechuun akka jiraatu amana.

Amantaa ofiii walabummaan gaggeeffachuun barbaachisaa ta’uutti kan amanu mootummaan Naajeeriyaa, labsiiwwan faalama sagalee hir’isuuf ba’an akkuma jiranitti ta’ee hariiroon waldaalee Kiristaanaafi ummata naannawaa jiran faalamni sagalee akkamitti akka ilaalamuu qaburratti gahee olaanaa qabaata jedha.

Kanaaf, waldaalee Kiristaanaafi ummata gidduutti ifatti waliin dubbachuufi waltumsuun walabummaa amantaa kabajaa dhiibbaa faalamni sagalee hir’isuu waan danda’uuf biyyattii keessatti gama kanaan irratti hojjetamaa jira.

Kondomiiniyeemii keessatti ammoo ‘cittoorratti fanxoodha’…

Finfinneetti rakkoon faalama sagalee hawaasa manneen jireenyaa waloo (kondomiiniyeemii) keessa jiraataniif addatti yaaddessaadha.

Kondomiiniyeemii keessatti namoonni heddumaatanii waliin waan jiraataniif bakka kaan caalaa aadaa wal danda’uu addaa gaafata. Akka fedhanitti osoo hin taane, bifa ollaa bitaafi mirgaa, akkasumas irraafi jalaan jiran itti dhiyoo jiran hin jeeqneen jiraatu.

Barrihun Kabbadaa (maqaan kan jijjiirame) jiraataa kutaa bulchiinsa magaalaa Nifaas Silk Laaftoo, kondomiiniyeemii ‘Addis Ababaa’ jedhamuun beekamu kan naannoo Hayilee Gaarmentitti argamu keessa jiraata

Gamoo kondomiiniyeemii keessa inni darbii gara olii keessa jiraatu isa gara gadii jiraatuuf akka hin jeeqneef of eeggannoo taasisaa jiraachuu kan dubbatu Barrihun, mana ijoolleen keessa jiran taanaan ykn qophiin addaa gaafa jiraatu of eeggannoo waliif taasifamurra darbeeyyu wal jeequun ni jiraata jedha.

“Namni baayyeen hangam yoo ture halkan rafuu hin oolu ykn waariirra hin darbu waan ta’eef kana akkumasaattiyyu wal dandeenyee ni jiraanna.

Haata’u malee, sagaleen halkan guutuu diidaa dhufu garuu ‘cittoorratti fanxoo’ isa jedhan nutti ta’eera,” jedha.

Muuziqaan halkan mana dhugaatii keessaa ba’us akka durii ta‘uu baatus, ammallee naannoo manneen jireenyaatti rakkisaadha kan jedhu jiraataan kun, karaa koree mooraa keessa qabaniin qaama mootummaa [aanaatti] yeroo gara garaatti iyyachuun hanga tokko foyyaa’uu hima.

Manneen amantaa kondomiiniyeemii keessatti ykn itti dhiyootti banamaa jiran halkan hirriba isaan dhorkaa jiraachuu hima Barrihuun, bataskaana dhiyeenya mooraa isaanii keessatti baname tokko akka fakkeenyaatti kaasuun.

MM Abiy hawaasa Finfinnee bakka bu’na waliin waajirasaaniitti haasaa yeroo taasisanitti kan kaasanii turan komiidhuma jiraattonni kaasaa jiran kana fakkaata.

Barsiisawwan manneen amantaa Islaamaafi Kiristaanaa keessa jiran faayidaaf ta’uu qabu malee dhukkubsataan akka hin rafne dhorkuuf ta’uu akka hin qabne kaasan MM Abiy.

“Rafuun baayyee rakkisaadha. Waamichi Azaanaa kan taasifamuuf ‘kottaa sagadaa’ jechuufidha. Ergaa biraa kamiyyu hin qabu. Ergaan isaa warri hin dhaga’iin saatiin ga’eeraa kottaa jechuudha. Sun akkaataa warra kaan jeequun yoo ta’e, waan ta’u natti hin fakkaatu.

Waan daangaa darbetu jira, irratti mariyadhaa. Addunyaa kamirrayyu hin jiru. Biyya Musliimaa ykn biyya Kiristaanaa isa dhumaa warra jedhaman keessayyu shaakalli akkasii kun hin jiru.

Morkiin isaa sodaachisaadha. Osoo irratti yaadnee haala sirrii ta’een goonee gaariidha,“ jechuun dubbatan.

Sagalee Islaamaafi kan Kiristaanaa wal biratti dhaga’uun eebbadha kan jedhan MM Abiy, "nu barbaachisa, nuufis mallattoo ittiin adda baanudha," jechuun ibsan.

"Haata’u malee, bifa tokko isa kaaniin ykn nama biraa jeequun osoo ta’uu baatee gaariidha. Osoo irratti mariyattanii [gaariidha]. Seera osoo baafnees gaariidha," jedhan MM Abiy bakka-bu'oota ummata Finfinnee waliin marii taasisan irratti.

Akkuma Ministirri Muummee Abiy Ahmad jedhan, faalama sagalee magaalattii boqonnaa dhorku kanatti seerri iggitii/daangaa tolchu bahee jiraattonni magaalattii boqotuu laata? Bullee ilaalla.

Meeshaa sagale guddistuu

Madda suuraa, Getty Images