Bataskaanonniifi masjiidonni Keeniyaa sagalee jeequ akka 'hir'isan' akeekkachiifaman

Madda suuraa, AFP
Bataskaanonniifi masjiidonni Keeniyaa magaala Naayiroobii keessa jiran yeroo kadhatan ykn sagadan sagalee nama jeequ akka xiqqeessan itti himame.
Bulchaa magaalaa guddoo Keeniyaa, Naayiroobii kan ta'an Aab Joonsan Sakaajaa abbootii amantii wajjin wal argee mariyachuun seera sagalee waldaaleefi masjiidota keessaa bahu to'atu baasuuf akka jiru beeksise.
Joonsan Sakaajaan kana kan jedhe ergaa fuula tiwitara isaa irratti barreesseni.
Sababa jiraattonni halkan hirriba dhabne jedhanii irra deddeebiin iyyataa turaniif magaalaan Naayiroobii yeroo dhihoo as manni dhugaatiifi sirbaa naannoo mana jireenyatti akka hin banamne dhorkitee turte.
Bifuma wal-fakkatun jiraattonni sagalee guddaan bakka waaqeffannaatii bahu nu jeeqaa jira daangaan itti haa godhamu jechuun iyyataa jiru.
Bulchaan magaalaa Naayiroobii Joonsan Sakaajaa mana dhugaatiifi muuziqaa halkanii cufuun dura irra deddeebiin haasofsiisaa akka turan himan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
"Manneen dhugaatiifi muuziqaa si'uma tokkotti cufne miti. Dursinee irra deddeebiin itti dubbanne. Tole ni fudhanna jedhanii turan.
Garuu kaan isaanii hojiirra oolchuu didan. Sana booda nutis tarkaanfii fudhanne," jedhe Sakaajaan.
Dhimma sagalee guddaa manneen amantaa keessaa bahuu ilaalchisee bulchaan Naayiroobii yaada kenneen iddoowwan waaqeffannaa cufuun dura isaan wajjin haasaa taasisuu akka barbaadu hime. Naayirobiin magaala waldaaleen warra wangeelaa sagalee muuziqaa guddaa fayyadaman keessatti argamanidha.
Guyyaa kadhataafi halkan guyyaa sagantaa waaqeffannaa qaban sagalee muuziqaa guddaa fayyadamu jedhamu.















