Poolisiin machaa'ee hidhamtoota gadi dhiise hidhame

Poolisiin machaa'ee namoota 13 mana hidhaatii gadi dhiise

Madda suuraa, AFP

Zaambiyaatti poolisiin dhugee machaa'uun shakkamtoota 13 mana hidhaatii gadhiise.

Qondaalonni biyyattii akka ibsanitti poolisiin kun hidhamtoonni kunneen ba'anii ayyaana Bara Haaraa Awurooppaa akka kabajan eeyyameefii gadhiise.

Qorataan poolisii kun inispektar Taayitus Fiirii jedhama.

Buufata poolisii Leonard Cheelo jedhamu kan magaalaa guddoo biyyattii, Lusaakaa, keessatti argamu keessatti namoota shakkamanii hidhamanii turan erga gadhiisee booda ofiis baqatee miliquuf yaaleera.

Garuu boodarra poolisiin kun ni hidhame.

Namoonni poolisiin kun mana hidhaatii gadhiise 13 kunneen yakka haleellaa, saamichaa fi mana namaatti cabsanii seenuun yakka raawwachuun shakkamanii hidhaman.

Yeroo ammaa miliqanii jiru, poolisiin garuu isaan adamsuu itti fufeera.

Dubbi himaan poolisii Raayee Hamoonga poolisiin kun jala bultii bara haaraatti waahilasaa konistabil Saaraa Banda jedhamtu irraa ''miira machii keessa ta'ee furtuu kutaalee mana sirreessaa hunda humnaan fudhate,'' jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Haala Kanaan qorataan poolisii inispektar Taayitus Fiirii kutaalee dhiiraa fi kan dubartootaas bane hidhamtoonni akka ba'an ajaje. Bara haaraatti gammachuudhaan darbuuf walabummaa akka qaban itti hime,'' jedhe dubbi himaan poolisii kun.

Akka qondaala poolisii kanaatti namoota shakkamanii mana amala sirreessaa turan 15 keessaa 13 miliqaniiru.

Taatee sana booda poolisichis bakka sanaa miliqeera.

Taayitus Fuuruu waan mudaterratti hanga yoonaa yaada hin kennine.

Dubbi himaan duraanii pirezidantii biyyattii fi ogeessi seeraa Diksan Jeeree taatee kanarratti akkas jechuun yaadasaa Feesbuukii irratti ibse.

''Haala ture yeroon yaadadhu kolfatu na qaba. Qoosaa ajaayibaati. Ammoo bara 1997 keessas taatee walfakkaataan mudatee ture,'' jedhe.

Taatee yeros mudate sana wayita ibsu, ''bara 1997 jala bultii bara haaraa irratti abbaan seeraa yeroo sanaa Kabaazoo Chaandaa namoonni shakkiin hidhaman 53 akka gadhiifaman ajaje. Gariisaanii poolisiin akkaan hamoo ta'uusaanii ibsee ture,'' jedhe.

Namoonni kunneen bara 1992 irraa mana hidhaatti ugguramanii turan, garuu mana murtiitti dhihaatanii hin beekan, haalli kun daanyaa kana baayyee mufachiisnaan tarkaanfii sana akka fudhate ibse.

''Haqni barfate, haqa dhabameen walqixa,'' jedhee ture.