Namoonni akkamiin mana hidhaatii miliqanii bahu?

Harka dallaa sibilaatti rarra'aa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Manni hidhaa bara 2000 dura hojiirra ooluu erga jalqabee namni miliqee keessaa akka hin baanetti hojjetame.

Manneen hidhaa panopticon jedhaman bifa geengoodhaan ijaaramanii hidhamtoota kutaa, kutaa isaaniirraa to'achuudhaaf dandeessisu ture.

Manneen hidhaa Alkaatiraaz hidhamaa qofaatti baasuun odola irratti hidhanii kaa'u.

Hidhamtoota yaaddeessoo dha jedhaman ammoo mana hidhaa eegdonni baaxii manaa ol ka'aafi shiboon irratti marame irraa qawwee gombifatanii eegu.

Haaluma akkasi keessayyuu namoonni mana hidhaatii karaatti miliqanii bahan ni argatu.

Waggaa kurnan muraasa dura hidhamtoonni Kaanaadaa lama funyoo heelikoptarii qilleensarraa huuristurraa gadi itti darbatame qabatanii miliqanii turan. Gaafa miliqan sana mana murtiittii dhiyaachuuf qophiirra turan.

Hidhamtoonni Beenjaamiin Huudan Baarbii fi Daanii Pirooveenkaal jedhaman kunneen mana hidhaa Seen Jeroom, Monteriyaal Kanaadaa jiru irraa miliqan.

Jarri haa miliqaniyyuu malee deebisanii garuu qabamaniiru.

Boodas mana hidhaarraa miliquun addunyaarratti kanneen mana hidhaarraaa miliquun beekamanitti makamaniiru.

UK, Kaaba Ayarlaanditti waggaa kurna darbetti hidhamtoonni al 250 mana hidhaatii miliqaniiru.

Hidhamtoonni taatee 100 oliin baatiidhuma miliqan keessatti deebi'anii qabamu.

Mala hidhamtoonni miliquuf fayyadaman

Heelikooptar

Bara 1997tti ajjeechaan balleessaa kan jedhame Paaskaal Pee heelikooptara fayyadamuun mana hidhaa Faransaay irraa irra deddeebiin miliquu ture.

Bara 2000tti heelikooptaraan miliqee, bara 2003tti ammoo hiriyyootasaa akka miliqan gargaaree. Yakkamaa akkaan eegamu tahus erga deebi'ee qabamee bara 2007ttis miliquu danda'ee ture.

Irra deddeebiin mana hidhaarraa miliquunis maqaan isaa ni dhahama.

Gargaarsa alaa

Ameerikaatti hogganaan Waraana Bilisummaa Gurraachaa(Black Liberation Army) Johaan Cheesmaard mana hidhaa Kilintan irraa bara 1979tti deeggarsa miseensonni garee ishee taasifameefin miliquu dandeesseetti.

Mana hidhichatti konkolaataa itti oofuu ishee fudhatanii bahuu danda'aniiru.

Funyoo huccuurra tofameen

Hidhamaan Jeefrii Makooy jedhamu ansoolaasaa irraa funyoo tolchee Mana Sirreessaa Maanhaatan irraa bara 1983tti miliqe.

Waggootaaf Niiw Yoork keessa dhokatee jiraachaa turus boodarrra garuu qabameera.

Bantuu qaruuraa

Ameerikaa Niiw Yoorkitti bara 2006tti yakkamaan Raaf Fiilips jedhamu bantuu qaruuraa fayyadamuun baaxii tarsaasee Mana Sirreessa Erii jedhamu keessaa miliqee baheera.

Tahus baatii shan booda deebi'ee qabame.

Keenyan uranii bahuu

Hidhamtoonni Hoosee Espinoosaa fi Otiis Bilan jedhaman keenya uranii mana hidhaa Niiw Jarsii keessaa bara 2007tti bahaniiru. Egdotaafi ergaa, ''Ayyaana gaarii'' jedhu barreessaniifit bahan.

Hidhamtoon maloota biroos fayyadamuun akka miliqan ni ibsama dhimma yeroo hunda milkaa'uufi balaa hin qabne garuu miti.

Hidhaatii miliquu dhaabuun danda'amaa?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hidhamtoonni mana hidhaatii akka hin miliqne akkamiin gochuun danda'ama jettanii yoo gaafattan, deebinsaa isa yaadamuun olitti wal-xaxaa tahuu mala.

Ronaald Kaartos qorataaa fi arkiteektii manneen hidhaa kaayyoo ijoo sadii qabuu jedha.

Isaanis: adabbii, eegumsaafi haaromsa dha. Mana hidhaa ijaaruu keessatti dhimmoota kana wal-madaalchisuutu danqaaa taha jedha Ronaald.

Ogeessonni manneen hidhaa dizaayin godhan yakkamtoonni balaafamoo tahan mana hidhaarraa akka hin miliqneef waan isaan godhantu jira.

Ameerikaa keessa manneen hidhaa ijoo 1,500 oliifi naannooo naannootti manneen hidhaa baayyeetu jira.

Eegumsi manneen hidhaa kunneen keessatti taasifamu ammoo dhimmoota garagaraa irratti hundaa'a. Kunis lakkoofsa hidhamtootaa fi gosa yakka raawwatan irratti hundaa'a.

Namoonni mana hidhaatii hangam tokko miliquu waan jedhu irratti odeeffannoo baayyee murtaa'aa tahetu jira.

Mana hidhaatii miliquun waan baayyee darbee, darbee mudatu yoo tahu sana booda yakki miliquu wajjin mudatus baayyee akka hin taane himu.

Qorannoon bara 2016tti hojjetame bara 2009 hidhamtoonni miliqan hundi deebisanii qabamaniiru.

Estar Van Giinkan Neezarlaand, Yunivarsitii Liidan, Piroofesar seera yakkaati.

''Kanneen mana hidhaatii miliqan baayyee warra boqonnaa fudhatanii bahantu achumaan hafa, '' jetti.

Kana jechuun manneen hidhaa eegumsa guddaa hin qabneetii warra bahani dha jechuu dha.

Eegumsa manneen hidhaa fooyyessuuf filannoowwan garagaraa fayyadamuun akka danda'amu ogeessonni yakka qoratan himu.

Estar, ''hariiroo namoota achi keessa jiraataniifi(hidhamtoota) hojjettoota gidduu jiru kaasu.

''Yeroo namni tokko sodaan itti dhagahamu ykn yaadda'uu adda baasuu danda'u?' jedhu.

Namoonni mana hidhaatii miliquun yeroo hundumaa dhimma ijoo dubbii tahu tahus, duubasaa garuu sirna kenninsaa haqa yakkaa wal-xaxaa tahetu jira.