Wanbadeen mana hidhaa Xaaliyaanii ansoolaadhaan rarra'ee miliqe qabame

Madda suuraa, EUROPOL
Dursaan garee wanbadee beekamaa Xaaliyaanii mana hidhaa Sardiniyaan irraa ansoolaa fayyadamuun miliqe, Faransaayitti irra deebiin qabame.
Maarkoo Raaduwaanoo qaama poolisii olaanaa Awurooppaa Yuroopooliin tarree yakkamtoota akkaan barbaadaman keessaa ture, Faransaayi magaalaa Koorsiikaa keessatti qabamuu qondaaloti Xaaliyaanii mirkaneessaniiru.
Namni kuni qoricha sammuu namaa hadoochuufi yakkoota biroon hidhaan waggaa 24 irratti muramee hidhaa ture jedhe Yuroopool.
Raaduwaanoon mana hidhaa akkaan eegamu keessaa bara darbe Guraandhala keessa ture ansoolaa baqaqsee waliitti guduunfuun ededarraan bu'ee kan baqatee bade.
Viidiyoon yeroo inni baqatu waraabame akka agarsiisutti Raaduwaanoon lafatti utaalee fiigee miliquun dura ansoolaa cituuf jedhurra rarra'ee keenyanirra asii fi achi jechaa ture.
Qondaaloti Xaaliyaan gargaaraansaa dhihoo Giyaanluugii Tirooyaanoo akkasuma kibba Ispeen iddoo Giraandaa jedhamutti qabameera jedhan.
''Poolisiin yakkamtoota baqachaa turaniifi balaa fiduu malan biyya alaatti qabachuun kuni yakka qindaa'eef mallattoo kufaatii guddaa dha,'' jedhan Ministarri Biyya Keessaa Xaaliyaanii Maatiyoo Peenteedoosii.
Raaduwaanoon nama ganna 40 yoo tahu hogganaa garee yakkaa Foogiyaa jedhamuu yoo tahu, Xaaliyaan keessatti gareewwan wanbadee Siisilii, Kaalaabriyaa fi Neeplees jedhaman itti aanuun sadarka arfaffaa irratti argama.
Gaafa Kamisaa iddoo Aleeriyaa jedhamu otoo inni shamarree tokko wajjin mana nyaataa tokkotti dhangaatti dhiyaatee otoo jiru dha qabame jedhe AFP'n.












