Sudaanitti namni yakka waraanan hidhamee ture mana hidhaa al-Bashir keessa jiranii miliqe

Madda suuraa, Getty Images
Qondaala siyaasaa duraanii Sudaanfi yakka jabaa dhala namaarratti raawwateen Mana Murti Yakkaa Idila Addunyaatin barbaadamaa kan ture jaallansaa waliin mana hidhaatii miliquun nun barbaadinaa jedhe.
Ahimaad Haruun namoota mana hidhaa Koobar magaala Kaartumitti argamu keessatti hidhamanii turan keessaa tokko yoo ta'u kanneen Mana Murtii Yakkaa Idila Addunyaatti himanni irratti baname keessayi.
Waraana Sudaanitti gaggeeffamu kanaan namoonni heddu mana hidhaatii miliquun akka hin oolletu himama.
Qaamoleen wal-waraanan lamaan sa'aatii sa'aatii 73'f waraana dhaabuf tole jedhanis waraanni itti fufeera.
Kanaan dursa si'a heddu tole ni dhaabna jedhanii baay'ee osoo hin turin walitti dhukaasuu eegalu ture.
Jalqaba torban kanaa manni hidhaa pirezidaantin duraanii Sudaan Omar Hasan al-Bashir itti hidhamee ture cabuu ibsamee ture.
Namni yakkaan sarbama mirga dhala namaan himatame Ahmad Haruunis mana hidhaa kanaa miliqee bahe.
Ahmad Dilbata darbe miidiyaatti akka himetti inniifi namoonni bara bulchiinsa al-Bashiir aangorra turan mana hidhaatii miliquu mirkaneessun manni murtii Sudaan gaafa hojii eegale mana murtiitti akka argamu ibseera.
Ergaa sagalee miidiyaa hawaasarratti gadi lakkiseen mana hidhaa sana keessaa gaafa bahan eegdota mana hidhaatin haalli akka mijateef dubbate.
"Sababa yaaddon nageenyaa, hanqinni bishaanii, midhaanifi waldhaansaa jiruuf akkasumas mana hidhaa Koobar keessatti hidhamtoonni heddu du'aniif of-oolchuuf jennee achii baane," jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waraana waliinii Daarfuriifi Kordofaan Kibbaa keessatti haleellaa sukaaneessaa mootumman fudhatee ture irratti Ahmad Haarun yeroo aangorra ture gahee guddaa qaba.
Bara 2003 Daarfuritti duguuggaa sanyii raawwatameen bara 2007 Manni Murtii Yakkaa Idila Addunyaa himannaa irratti banuun barbaadamaa ture.
Yeroo sana Ahmad Haarun Ministeera Dhimma Biyya Keessaa ture.
Yakka gudeeddii, ajjeechaa, hiraarsufi nama dhabamsiisuu fa'aatu irratti dhiyaate.
Sudaanitti qindeessaa UN kan ture Mukaash kappilaa Ahmad Haruun yoo ibsu, nama balafaamaa fi deeggartoota heddu qabu akka ta'etti.
Ahmad al-Bashir aangorraa erga kaafamee booda bara 2019tti to'annoo jala oole.
Duraan pirezidaantii Sudaan kan ture al-Bashir, amma ganna 79 kan guute yoo ta'u hospitaala waraana biyyattiitti hidhamee jira. Waraanni kun osoo hin ka'in dura mana hidhaa duraan turee baafamee achi geeffame.
al- Bashir Sudaan, Daarfuritti ajjeechaa jumlaa, gudeeddifi yakka namoomaa namoota nagaarratti raawwachuun Mana Murtii Yakka Idila Addunyaatti himatamee jira.
Waraana amma Sudaanitti gaggeeffamee jiru kanaan, Humni Addaa Jeneraal Mohaamad Hamdaanin gaggeeffamu manneen hidhaa shan cabsee yakkamtoota mana hidhaatii yaasera jedhamee himatama.
Nama yakka sarbama mirga dhala namaatin himatamee jiru Ahmade Haarunis mana hidhaatii akka miliqu kan godhe gareedhuma Humna addaa kana akka ta'e ministeerri dhimma biyya keessaa Sudaan ibse.
Humni Addaa (RSF) garuu himannaa kana hin fudhatu. Inumaayyuu humna waraanatu bulchiinsa al-Bashiir aangotti deebisuuf namoota aangawoota bara bulchiisna al-Bashir turan mana hidhaatii baase jedha.
Humni waraana biyyattii gamasaan kana haalee jira.
Waraanni sa'aatii 72'f akka dhaabatu ta'uun ammoo biyyoonni heddu lammiileesaanii Sudaan keessaa akka baasan taasisaa jira.
Waraana torban lammaffaa qabateen hanga ammaa namoonni 459 ajjeefamaniiru.
Kumaatamaan kan lakkaa'aman ammoo waraanicha baqachuun gara biyyoota ollaatti baqachaa jiru.












