Lammiileen Ertiraa Sudaanitti baqatan dirqamaan biyyatti deebifamaa jiraachuu himan

Madda suuraa, Getty Images
Lammiileen Ertiraa Sudaanitti baqatanii jiran osoo waraana Sudaan dheessanii Kaartuum keessaa ba'aa jiranii dirqamaan gara Ertraa deebifamuu BBCtti himan.
Baqattoonni lammiilee Ertiraa ta'an 126,000 Sudaan keessa jiraatu. Hedduunsaanii miidhaa siyaasaa fi tajaajila loltummaa dirqamaa biyyattiin labsite baqatanii Sudaan koolu-galtummaa gaafatan.
Dubartiin Ertiraa Kaartuum irraa kaatee gara Kasaalaa imalaa turte osoo achi hin ga'in qabamtee biyyatti deebifamuu BBCtti himte.
Kasaalaan magaalaa Kaartuum irraa gara bahaatti kiilomeetira 415 fagaatee argama, lammiileen Ertiraa hedduun as keessa jiraatu.
Dubartiin kun BBCtti akka himtetti, osoo Kasaalaa hin ga'in kellaa sakatta'iinsaa irratti qaamolee nageenyaan erga dhaabsifamanii booda, lammiileen Sudaan ishee waliin turan bu'anii kara karaa bittinnaa'an.
Lammiileen Ertiraa konkolaataa sana keessa turan hundisaanii dirqamaan gara magaalaa daangaa Ertiraa fi Sudaan irratti argamtuu- Arbata-Asher geeffaman jette.
Bakka kanatti ugguramtee poolisoonni ishee qorataa jiraachuu fi duuba gara Ertiraa akka imaltu dirqamsiifamuu ibsite.
Haala kanaan gara biyya irraa baqatan- biyya mootummaa paartii tokkoo fi hunduu waraana keessatti ta'utti namoonni deebifamaa jiran hedduudha.
Lammiin Eertiraa UK jiraatu obboleettiin isaa quxisuu Sudaanitti warqaa koolu-galtummaa eeggataa jirtu fi gara Kanaadaa imaluuf osoo qophiirra jirtuu dirqamaan gara Ertiraa deebifamuu ibse.
Lammiileen Ertiraa hedduun waraqaa seera-qabeessa malee Sudaan keessa jiraatu, haala amma jiruun ammoo egereesaaniif akkaan yaadda'aniiru.
Gama kaaniin barattoonni Keeniyaa Kaartuum jiran tattaaffii isaaniin magaalattii keessaa ba'uu ibsuun, mootummaan akka waan isaan baraareetti himachuun dogoggora jechuun komatan.
Aanga'aan Keeniyaa tokko dippiloomaatonni biyyattii barattoonni akka nagaan Kaartuum keessaa ba'aniif haala mijeesseera jechuun tiwiitara irratti kan barreesse akka isaan mufachiise ibsan.
Aanga'aan kun barattoonni 29 nagaan Sudaan irraa gara Itoophiyaa seenuu ibsan.

Madda suuraa, roselinenjogu/ Twitter
Barattoota suuraansaanii tiwiitara armaan oliirratti maxxanfame keessaa tokko, Kaartuum keessaa ba'anii daangaa qaxxaamuruun Itoophiyaa, Gondar seenuutti kiisii isaanii keessaa maallaqa hanga doolaara 300 kaffaluu ibse.
Barattoonni kunneen imbasii Keeniyaa Itoophiyaa jiru erga ga'anii booda gargaarsa mootummaa Keeniyaa argatan.
Karaa irratti hidhattoota Sudaaniif matta'aa kennaa akka imalaa turan ibsan.
Bakka hedduutti ammoo humna addaa- RSF kan waraana mootummaan lolaa jiru miliquun darban.
''Imala salphaa hin turre. Guyyaa lamaaf hin nyaatin turre. Xiyyeeffannaan keenya lubbuu keenya baafachuu ture. Waraana sana jalaa lubbuun ba'uutti guddoon gammada. Garuu imbasii Keeniyaa Kaartuum jirutti baayyeen gadda. Yeroo rakkoo akkasiitti nu cinaa dhaabbata jedhee abdadheen ture,'' jedha barataan kun.












