Yakkamaa mana hidhaatii miliqe qabuuf, diroonii, hilikooptariifi saroonni bobbaafaman

Madda suuraa, US MARSHALS SERVICE
US kutaa Penselviiniyaa keessatti yakkamaa hidhaan umrii guutuu itti murtaa'ee torban tokko booda mana hidhaatii miliqe qabuuf duulli guddaan gaggeefamaa jira.
Gaheessa ganna 34 lammii Biraaziil Daneloo Kavalkaantee Kamisa ganama mana hidhaa kaawuntii Chesteer keessaa dhabame.
Namni kun jalallee isaa joollee ishee xixiqqoo lama duratti waranee ajjeesuun yakkamaa jedhamee, torban tokko dura hidhaan umrii guutuu kan itti murtaahe.
Namni kun Biraaziil keessattis yakka nama ajjeessuun barbaadamaadha.
Hoogganaan yeroo mana hidhaa sanii Howard Hoolaand Kamisa ganama ibsa kennaniin yakkamaan kun akkamiin miliquu akka danda'e qorachaa akka jiran himan.
Namni kun hidhaa keessaa erga miliqee sa'aa tokko booda magaalaa xiqqoo naannoo sanitti argamtutti daandii gubbaa osoo imaluu mul'ateera.
Mana hidhaa kanarraa fagenya raadiyesii km 9 keessa uummatni jiraatu waayeen yakkamaa miliqe kanaa itti himamee, eeggannoo jabaa godhaa jedhamaniiru.
Barbaacha nama kanaatiif Poolisoonni hedduun saroota waliin kan bobbaafaman ta'us gahaa hin taane.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dirooniifi hilikooptarris barbaacha kana gargaaruuf bobbaafamaniiru.
Buchiinsi kaawuntii Cheester ''yoo isa argitan itti hin siqiinaa. 911 akka bilbiltan hadaraa jenna. Nama balaafamaadha jedhamee farrajameera'' jedhe.
Namni kun ajjeechaa kana kan raawwate bara 2021 yoo ta'u, haadha ijoollee ganna afuriifi torbaa yeroo 38 waraanee ajjeese.
Yakkamaan kun ajjeechaa sukkaneessaa kana ijoollee duratti erga raawwatee booda gara Verjiiniyaatti erga baqatee booda qabame.
Abbaan alangaa kaawuntii Chesteer fuula feesbuukii isaa gubbaatti odeeffannoo maxxanseen haati ijoolee ajjeefamtee kun jaalalleen ishee Biraazilitti yakka ajjeechaan akka barbaadamu erga bartee booda Poolisiif gabaasuuf itti dhaadattee turte jedheera.
Nami kun bara 2017'tti Biraaziil keessatti nama maallaqa liqeesseef tokko ajjeesuun shakkamee barbaadama.
Amma aanga'oonni naannichaa nama bakka yakkamaan kun jiru akeekeef badhaasa doolaara 10,000 akka kennan beeksisaniiru.















