Jigjigaatti abbaan mucayyoo ganna 11 gudeedamuun haala suukaneessaan ajjeefamtee maal himan?

Faaxumaa Ugaas, Jigjigaatti gudeedamuun ajjeefamte

Madda suuraa, BBC Somaalii

Naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaa keessatti abbaan mucayyoo ganna 11 gareedhaan gudeedamtee haala suukaneessaan ajjeefamtee ''haqan barbaada’’ jechuun BBC'tti himan.

Magaalaa Jigjigaa bakka aanaa 13 jedhamuun beekamutti, mucayyoon ganna 11 Faaxumaa Ugaas erga gareedhaan gudeedamtee booda funyoodhaan hudhamtee kan ajjeefamte Dilbata darbe Hagayya 21/2015 ture.

Ajjeechaa suukaneessaa intala isaaniin lapheen isaanii kan cabe Obbo Ugaas Arab jabeessanii haqa mucaa isaanii akka barbaadan BBC'tti himan.

''Ani miidhamaadha. Haqa nan barbaada. Mucaakoof qofa osoo hin taane kana dura gochaa wal fakkaataan kan lubbuu isaanii dhabaniifis haqi akka bahu jabeesseen gaafadha’’ jedhan.

Mucayyoo kun erga funyoodhaan hudhamuun ajjeefamtee qorannoof reeffi ishee gara hospitaala Kaarraa Maarraa geeffameera.

Bu’aan qorannoo garuu osoo fannifamtee hin ajjeefamiin dura dirqiin gudeedamuu ishees agasiise jedhan abbaan ishee.

Poolisiin naannoo Somaalee yakka ajjeechaa fi gudeeddii Faaxumaa Ugaasiin namoota shake afur to’annoo seeraa jala oolchuu himeera.

Poolisiin naannoo Somaalee yakka ajjeechaa fi gudeeddii Kanaan shakkee namoota to’ate afur irratti qorannoo gaggeessaa jiraachuu fuula Feesbuukii isaa irratti barreessera.

Mucayyoon kun mana jireenyaa ishee keessatti gudeedamuu kan himan abbaan ishee iyya dhagahanii hirriba keessaa akka ka’an BBC Afaan Somaaliitti himaniiru.

''Yeroo sana kutaa ciisichaakoo keessa ciiseen ture. Mana keessa ana malee namni guddaan gara biraan hin turre. Mucaakoo bira deemee yoon ilaalu afuura baafataa hin jirtu.

''Laphee isheerra gadi qabuun akka afuura baafattuuf yaaleera. Morma isheerra yeroon ilaalus funyoon morma isheetti xaxamee hudhamteetti. Funyicha irraa kutees gara mana yaalaattan geesse,’’ jedhan.

Ogeesonni fayyaa garuu lubbuun ishee darbuu mirkaneessuu dubbatan.

Abbaan mucayyoo kanaa BBC Somaaliitti akka himanitti intala isaanii kan gudeedee ajjeese ''hojjettoota’’ isaaniiti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hojjattoonni suuqii suphaa mobaayilii isaanii keessatti mindeeffamuun hojjatan, afur shakkamuun to’annoo jala olfamaniiru. Hojjataan koo tokko badeera’’ jedhan.

Komishiniin poolisii naannoo Somaalee namoonni afur gareedhaan erga guddeeddii raawwatanii booda ajjeechaa raawwachuun kan shakkaman to’annoo seeraa jalatti akka argaman beksiiseera. Komishinichi maatii inatala tanaasif haqa akka argamsiisuu dubbatan.

Naannoo Somaaleetti Komishininerri Komishinii poolisii naannichaa, Meejeer Janeraal Abdii Alii Siiyaad namoonni gochaa kana raawwatan seerri akka isaan irratti hojiirra oolfamu himuun, maatiin haqa akka argatu BBCtti himan.

Ajjeechaan kana hordofuunis Wiixata darbe Magaala Jigjigaa keessatti dheekkamsi olaanaan mudatee ture. Namoonni ajjeechicha raawwatanis, ‘‘namoota saba gara biraa irraa ta’aniidha’’ jedhamusaa hordofees hookkarri ka’ee akka ture himame.

Ollaa maatiin shammarree ajjeefamte tanaa bakka keessa jiraataniitti jiraattootaafi poolisii jidduutti wal dhabden umamuun ibsameera.

Poolisiinis namoota dheekkamaa turan bittinsuuf jecha gaazii imimmaaneessaa fayyadamunsaa dhagahameera.

Mormii jidduugala Jigjigaattis umameen konkolaatawwan hedduu irra miidhaan qaqabuun kan ibsame yoo ta’u, guddeeddiifi ajjeechaa ol adeemtu tanarratti raawwatamen wal qabate hokkaraafi jeequumsa uumameen namoonni 50 ta’an to’annoo jala oolfamuusaanii odeeffannoon BBC Somaalii argate ni mul’isa.

Pooliiin hawaasni haalawwan tasgabbii dhabiinsatti geessan irraa akka of qusatan gaafateera.

Yeroo ammaatti magaalaa keessatti haala tasgabbaa’aa ta’etu jira kan jedhame yoo ta’u, qorannoo ajjeechaa ol adeemtuu tanaa irratti gaggeeffamu akkuma xumurameen ifa akka taasifamu ibsaniiru.