Awaash 40: 'Bineensa ‘morma dheera’ reeffa baasa jedhamu ari’aa bulla ture’

Nama mana hidhaa keessa jiruu

Namni nuti ngeenya isaaf jecha eenyummaa isaa hin ibsine, mana hidhaa buufata waraanaa Awaash 40’tti argamu keessa guyyoota afurtamaa ol dabarsuu hima.

Namni kun Nannoo Amaaraatti waldhabdee hidhatoota Faannoofi humna waraanaa giddutti uumame hordofee, labsiin yeroo muddamaa labsamee gara guyyoota afur booda magaalaa Finfinnee keessatti humnoota nageenya mootummaan to’annoo jaluu dubbata.

Akka namni kun jedhutti “hidhattoota Fannoo waliin hidhata qabda” himata jedhuun ture kan to’atame.

Haala ittin to’annoo jala oolfamee fi yeroo Awaash 40 turetti waan isa mudate akka armaan gadiitti himeera.

Namni kun yeroo ammattis yaaddo nageenya qaba waan jedheef, maqaa isaa dabalatee odeeffannoowwan eenyummaa ibsuu danda’an akka hafan taasifameera.

Attamiin manaa to'atame?

Halkan naannoo sa’aatii 6:00 ture. Qaamoleen nageenya tokko tokko dallaa irra yaabani mana inni jiraadhu seenan. Maatiinkoo namoonni ol seenaan kun qaamolee nageenya ta’uusaanii yoo hubatan, ajaja mana murti gaafataniin, garuu, kan deebii kennuuf hin turre.

Maatiinkoo qondaaltonni kun sababa hirmaanna siyaasaa kiyyaan ana barbaadanii akka dhufan hin wallaalle. Ta’us harmeenkoo ajaja mana murtii malee mana keenya seenuun isaanii guddaa ishee arseera. Irra deebiite waraqaa mana murti gaafatteen. Yeroo labsii muddamaatti kun akka hin gaafatamne hin hubanne ture.

Gaaffiishee kanatti kan aaraan qaamoleen nageenya harmeekoo yemmu rukutan hokkorri uumame. Sana booda kutaan keessa ture baneen gadi ba’e.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Konkolaataan na fudhatanii gara Komiishinii Poolisii Federaalaa Meeksikoo jirutti qajeelani. Bakkan jiraadhu fagoo waan tureef, daandii jidduu yeroo ga’an na buusanii na reebuu eegalani.

“Faannoon si oolcha yoo ta’e mee ilaalla!” naan jechaa turani irra daddeebiin. Qaamoleen nageenya waliin turan utuu ilaalanii “fuulasaa hin rukutiinaa! Fuulasaa hin rukutiinaa!” jechuun yeroo isaan dubbatan qofan dhaga’e.

Fuulakoorra mallattoon reebicha tokkollee akka hin jiraanneef ture fuulasaa hin rukutiinaa kan waliin jedhan. qaamookoo biraarra na rukutan.

Halkan nannoo sa’aatii 8:00 komiishinii poolisii geenye. Halkan achumatti bari’e. Barii sakkata’iinsaaf jedhanii gara manaa nageessani. Manakoo sakkata’ani. Wanti argame homtuu hin turre. Garan turetti na deebisani.Sana booda halkan sa’atii 10:00 hanga 11:00 gidduu yeroo jirutti kaateenaatiin (sibiilaan) hidhamee shakkamtoota biroo waliin gara Awash 40’tti imala eegalle.

“Maatii keenyatti himnaatii, eessa nu geessaa jirtu?” jennee gaafannullee “nutiyyuu hin beeknu, callisaa deema” deebii jedhu ture kan arganne.

Guyyaa naannaa sa’aati 5:00 irratti achi geenye.

Akkuma geenyeen ammas qorataan jecha keenya nurraa fuudhe. Haala fayyaakoo yemmuu nagaafatan, sababa reebicha narra ga’een haafura baafachuun akka natti cimuun itti hime. Asumatti wal’aansa ni argatta jedhanii ol nagalchani.

“Miseensota mana maree waliin walitti makame”

Moraa balbala irratti barreeffama ‘Ministeera Ittisaatti Wiirtuu Leenjii Ajaja Lixaa’ jedhu kan arganne, dhuma magaalaa Awaash 40 irrati gara bitaatti dachaanee gara km12 erga imallee boodadha. Moora bareedaadha.

Dallaa hin qabu. Galmisaa garuu balbala sibiilaa qaba. Mooraa sana duuba laga Awaashitu jira.

Mooraa sana keessa addababayiin guddaa jira. Naannaa sana manni nyaataa leenjifamtootaa jira. Sana yeroo dabarru kusaaleen qorqorrootiin ijaaraman jiru. Boodarra inni tokko kuusaa meeshalee, kaan ammoo bakka loltoonni ganan itti hiidhaman akka ta’en dhaga’e.

Man-kuusaaleen kunneen akka dabarreen galma bal'aa tokko jira. Nuun achi nu galchan.

Galmi kun bakka Kiristaan taaddaalaa, Yohaanis Buyyaaloo akkasumas miseensi mana maree magaalaa Finfinnee Kaasaa Tashaagar fa'aa itti hidhamanidha.

Namoonni hidhamuun galmicha keessa turre waliigalaan namoota 66 taana. Naannichi hedduu waan ho'uuf uffata uffatanii buluus tahe ooluun ni ulfaata.

Ganama cireef daabboo fi shayee, guyyaa fi galgala ammoo ittoo misiraa daabboodhaan nuuf kennama.

Guyyoota 45 tahaniif rakkoo guddaan nyaanni keenya jijjiiramuu dhabuu isaa ture.

Qulqullaa'uuf jecha qofa guyyaatti si'a lama galma keessaa akka baanu nuuf eeyyamama. Erga Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa dhufee nu daawwatee torbanitti re'ee tokko nuuf qalaa turan. Garuu gahaa hin turre.

Ganama sa'a 1-1:30 fi gara galgalaa ammoo sa'a 11:00-12:00 gareedhaan nu qooduun hiranii fincaaniif gara bosonaatti nu fudhatanii bahu.

Bosona keessa awwaalaaf kan qophaa'an kan fakkaatan boolli gara 50 tahan jiru. Achitti qulqulloofna ture.

Sa'a kanaan ala namni fincaan isa qabate qaruuraa bishaaniitti kuusuu yoo tahe malee carraa biraa hin qabu.

Ho'a kana irratti bishaan gahaa dhuguu dhiisuun ammoo ulfaataa ture. Bishaan gahaa yoo dhugde fincaantu jira waan taheef namootni baay'een akan to'achuuf echa hin dhugan ture. Kun garuu ulfaataa ture.

'Bineensa reeffa baasa'' jedhamu waliin wal'aansoo wal qabuu

Galmi keessatti hidhamne bilookeettii irraa hojjetame. Balbala isaan fuulduratti ammoo bakka awwaalchaa kan fakkaatan gara 100 tahanii fi mallattoo dhagaa irra taa'eetu jiru.

Halkan yoo balballi cufame waan ho'uuf balbala xinnuma itti deebisnee dhiisna.

Ibsaan ifu ammoo jeneretera irraa waan taheef qusachuuf natti fakkaata halkan sa'a 4:00 booda ni dhaama.

Yeroo dukkanaa'u kana bineensi eegeen ishee dheeraa, gurraattiin balbala haalaan hin cufamne kana bantee nutti galti.

Bineensa kana baasuuf wal'aansoon godhamu guddaadha. Isa irratti ho'a waan taheef hantuunni, boftii fi kaan manicha galuun waan nu naasisaniif hirribni ijatti nu hin dhufu.

Dabalataan shaakalaaf jechuun dhukaasni halkan guutuu dhagahamaa bullus jira.

Nyaata gahaa, bishaanii fi hirribni gahaan wareegaanuu hin argamu. Qaama keenya dafqaan nurratti tortore kana hooqaa bullus furmaanni dhufu hin jiru.

“Qaama keenya dhiqachuuf dabareen kan nu gahu guyyaa kudhaniin.'' Isayyuu kan dhiqannu mana keessatti osoo hin taane sharaa diriiruun keessatti nyaannu duubaan dirree irrattidha.

Kabaja keenya kan gadi buusudha haalli isaa. Kana irratti rakkoo fayyaa guddaatu jira. Maatii keenya waliin wal hin arginu. Poolisiin federaalaa ji'atti al takkaa nama eegumsarra jiru jijjiiruuf yoo dhufu ergaa maatiin nuuf kaa'an fidee dhufa.

Qofaakoo lafa onaatti waanan hafe natti faakkate. Isarratti doorsifni isaa salphaa miti. ''Raayyaa Ittisa Biyyaa tuqxanii nagaan jiraachuufii?'' nu jedhu.

Namoota mana hidhaa jiran

“Galma qullaa keessa taa'umsa hirkoo hin qabne irra na kaa'anii rafan''

Awwaash 40 keessatti qormaanni guddaan tokko qoranno halkanii isaaniiti.

Halkan nama barbaadan waamanii qoratu. Kun narras gaheera. Galma qullaa keessatti taa'umsa hirkoo hin qabne irra na kaa'uun hariiroo Faannoo waliin qabu irrati deddeebisanii na gaafatan.

Waan jettan kana waliin hariiroo homaa hin qabu, hin beeku jennaan deebii an kennuufiin kan nuffe fakkaata. Eegduu biraa tokko waamuun ilaaliinii jedhee rafe.

Taa'umsa hirkoo hin qabne kanarra osoon dugdi na hollatuu taa'ee turee halkan walkkaan darbe.

Qorannoo akkasii kana torban tokkoof walitti aansun akkas gochuu danda'u. Sana booda dugdi akkamiin haa hojjetu?

Mooricha keessa kilinika sadarkaa jalqabaa malee hin jiru. Gaafa baay'ee nu dhukkubedha kan gara magaalaa Finfinnee nu geessan. Miseensonni paarlaamaa yeroo hedduu dhukkubsachuu isaanii argeera.

Obbo Yohaannis Buyyaaloo sababa ho'aan miilli isaanii madaa'uun deemuu dadhabanii ture. Dhibee biraas yeroo dhukkubsatan argeera. Garuu yaalii gahaa yeroo argatan hin argine.

Dhibeen natti cimnaan gara Komishinii Poolisii Federaalaa magaalaa Finfinnee jiruutti na deebisan.

Haala kaan ji'a tokko erga hidhamee ammoo haaromsa jechuun hidhamtoota kaan waliin akka leenji'u tahe.

Leenjii haaromsaa hin fudhannu jennee waan wal falmineef booda maqaa isaa gara 'marii'' jedhuutti jijjiiran.

kaampii waraanaa Kolfee jirutti torban tokkoof leenjii nuuf kennan. Leenjichi waa'ee nagaa fi kutannoo mootummaan nagaaf qabu irrattidha.

Leenjicha irratti yaada keenya bilisaan kaasuun waan nuuf eyyamamuuf nus dubbachaa turre. Warri leenjisanis yaada keenya nurraa fudhachaa turan.

Leenjiin kun akak Jimaataarra xumuramee, Sanbata lamaan achuma turree Wiixata irra hiikamtaniittu gara mana keessaniitti galaa nu jedhan. Himataa fi murtii tokko malee ji'a afuriif erga hidhameen hiikame.

Naannoo Amaaraatti walitti bu'insa hidhattoota Faannoo fi humnoota nageenyaa mootummaa gidduutti dhalate hordofee ji'a jahaaf kan turu labsiin yeroo muddamaa kan labsame ALItti Hagayya 28 bara 2015 ture.

Labsicha hordofee miseensonni mana maree, paartii mormituu fi kaan namoota hedduutu hidhame.

Heddun isaanii kan tursiifamanaii fi hidhaman ammoo kaampii Awwaash 40 jedhamuun beekamu kana keessadha.

Bulchiinsa paartii Badhaadhinaa dura kan ture ADWUI bakka kana hidhaaf itti fayyadamaa ture. Bulchiinsa MM Abiy keessas walitti bu'insaa fi waraana biyyatti mudate hordofee gaazexeesitootaa fi namoota shakkan bakka kanatti murtii fi himata tokko malee hidhaa jiru.

Bakka kanatti sarbamni mirga namoomaa guddaan akka raawwatus miidhamtoonni ni himu.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa bakkicha daawwates poolisiin qabinsa mirga namoomaa irratti fooyya'insa akka fidu waadaa galuufii ibsaa turan

Miseensonni Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa hidhaman abukaatoo isaanii fi maatiidhaan akka wal hin argine taheera.

Mana murtiitti akka hin dhiyaannee fi himanni isaan irratti dhiyaates akka hin jirre BBC'n Afaan Amaaraa maatii fi abukaattota isaaniirraa odeeffateera. Mootummaan hanga ammaa kanarratti waan jedhe hin qabu.