Itoophiyaatti waa'ee gammoojjii namoonni jumlaan itti hidhaman, Awaash Arbaa, maal beekna?

Namoota lafarra taa'aniifi polisoota

Waggoota kurnan dabran Magaalaa Finfinnee keessa sarbami mirgaa hamaan bakki itti raawwachaa ture waa’ee Maa’ikalaawii hedduun himameera.

Ammoo mana hidhaa magaalaa Jigjigaa keessaa ‘Jeel Ogaadeen’ jedhamee waamamuus dhageenyeerra.

Biyya labsiin yeroo muddamaa yeroo yeroon itti labsamu Itoophiyaatti, bakka namoonni hedduun itti hidhaman kaampii waraanaa Awaash hangas mara hin dubbatamne.

Awaash Arbaa barkurnee sadan dabran keessa namoota yeroo mormii fi labsii atattamaatti to’annoo jala oolan jumlaan adabuuf hojiirra ooleera.

Namoonni BBCn dubbisee fi yeroo bulchiinsa ADWUI fi Badhaadhinaa achitti hidhamanii bahan, sarbama mirgaa irratti raawwateen bakkicha “Gaannama lafarraa” jechuun ibsu.

Awaash Arbaa keessa maaltu jira? Kaampiin waraanaa kun wayita hundaa’u bakki turtii hidhamtootaa tureeraa? Shakkamtoonni gara Awaashitti maaliif guuramu?

BBCn kaampiin waraanaa kun ennaa hundaa’u qondaalota waraanaa aangoorra turan, akkasumas falmitoota mirga namoomaa dubbisuunii fi ragaalee kaan ilaaluun odeessa kana qixeessineerra.

Bulchiinsi Hayilasillaasee kufuun Dargiin oggaa aangoo qabatu, wani hunduu isaaf mijataa hin turre.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jijjirama kana hordofee muddama siyaasaa keessa kan seente Itoophiyaan, humnoota siyaasaa gidduutti lolli hamaan dhalateera. Kanneen keessaa taateen ‘Goolii Diimaa’ ni eerama.

Mootummaan waraanaa yeroosii gama bahaa fi kibbaan weerara Somaaliyaa; gama kaabaan ammoo riphee loltoota Ertiraa; keessaan ammoo qabsoo Ihaappaa fi Ma’isooniin guddoo qoramaa ture.

Yeroo kanatti ture Awaash Arbaa aara galfii Dargii kan isaaf tahe.

Awaash Arbaa magaalaa guddoo Finfinneerraa km145 fagaachuun Naannoo Affaar keessatti argama.

Qilleensisaa ho’aa, lafis cirracha.

Loltoota leenjisuuf teessumni lafaafi qilleensisaa mijataa akka tahe ni himama. Dabalataanis weerara Somaaliyaa fi riphee loltoota kaabaa qolachuufis lafa toludha.

Haatahu malee, kaampichi ennaa hundaa’u kanaaf oola jedhamee kan yaadame akka hinturre, hundeeffamasaa kanneen beekaniifi maqaakoo naa dhoksaa kan jedhan qondaalonni waraanaa duraanii BBCtti himaniiru.

Bakkichi jalqabarra dhaabbanni daandii hojjetu wiirtuusaa godhatee kan itti dhimma bahaa ture tahuu himu.

Kaampichi daandii Finfinnee-Asab ijaaruuf dhaabbanni ijaarsaa ‘Trump’ jedhamu kan hojjetedha.

Kaampaaniin kun bu’uurrisaa biyya Jarmaniidha. Ijaarsa ennaa obbaasu naannicha dhiisee bahe.

Kun sirna Dargii hanqina maallaqaa qabuuf carraa gaarii ture.

Kaampichi manneen gaggabaaboo bilookeetiin ijaaraman qaba ture. Bakka bishaan daakan dansaa fi manneen nyaataa, akkasumas tajaajiloonni akka akkaas keessa turan.

Naannichi garuu mana barnootaa, wiirtuu yaalaa, iddoo waaqeffannaas tahe kaanis kan hinqabne gammoojjii ture.

Mandarri Arbaa jedhamus hojjettoota daandichaaf nyaata dhiyeessuuf namoota garas imalaniin hundaa’e.

Awaash Arbaa

Mootummaan muuddamarra ture Dargiin kaampii dhaabbati ijaarsaa dhiisee bahe keessa, loltoonni akka galan gochuun raayyaa kumaalaa isa jalqabaa leenjise.

Loltoonni duula deeman lakkoofsi isaanii wayita haphachaa dhufetti, loltoota dabalataa leenjisuuf Gamtaa Soviyetii yerosii irraa deeggarsa argachuun manneen bilookii 10 hojjetaman.

Akka qondaalonni waraanaa duraanii kunniin jedhanitti, manneen jireenyaa kunneen wanti hundi kan guutameefi ture ennaa tahu, ajajootaa fi gorsitootaaf ijaaraman.

Lakkoofsi leenjitootaas dabale jennaan ariitiin bilookiin tokko keenyaan isaas baaxiin isaatis qorqoorroo tahe ijaarame. Kanaan boodas ‘Akkaadaamii shuumii gadaanaa’ jedhamuun ifatti hundaa’e.

Ajaja kana kan kennanis amma baqannaan Zimbaabwe kan jiraatan walitti qabaan Dargii Mangistuu Hayilamaariyaam turan – ALI 1970tti.

‘Akkaadaamii qondaaltota sadarkaa gadaanaa’

Kaampii kana keessa kan leenji’an qondaalota sadarkaa gadaanaarra turanidha. Isaan kunis raayyaa lafoo kanneen hoogganan jechuudha.

Wayita sanatti Wiirtuu leenjii kana hoogganaa kann turan Letanaal Konoleen Alii Hajii Abdullaahii turan.

Turtii keessas kaampiiwwan leenjii iddoo garagaraa jiran bulchuufi hojiilee dhaabaa irratti rakkoon dhalachuu isaatiin, ALI 1971tti mandarri waraanaa Arbaa jedhamu hundaa’e.

Qondaalota waraanarra miidhaman, akkasumas kanneen taankii fi mekaanaayizdii keessa qooda qaban galchuun kaamppiu afur keessatti leenjiin eegalame.

Ergasii Akkaadaamii shuumoota sadarkaa gadaanaa tahuun hafee ‘Mana barumsaa loltummaa fi tajaajila teknikaa‘ jedhamuun guddate.

Ittisni qilleensaa Bishooftuu ture, leenjiin waraana mekaanaayizdii Adaamaa tureefi humni taankiifi madfii achuma Awaash turan bakka tokkotti walitti qabuun, ALI 1972tti mana barnootaa loltummaa guutuu tahe.

Awaash Arbaa iddoo dandeettiin loltootaa ittiin qoramuu fi leenjiif mijataa akka tahe angawoonni waraanaa kunniin ni himu.

Kaampiin kun biyya keessarraa dabree jeneraalonni biyyoota alaallee keessa akka leenji’an ragaaleen ni mul’isu.

Biyyi kolonel Mangistuun amma keessa taa’an Zimbaabweetti, kanneen bilisummaaf falmatan leenjii fi meeshaalee kan argatan kaampii kana keessaa ture.

Kana malees Afrikaa Kibbaa fi Sudaan Kibbaa irraa dhufanii haala walfakkaatuun leenjii fudhachuun, hidhannoo guuttachuun kanneen deebi’anis turaniiru.

Ajajoonni waraanaa leenjicha kennanis kanneen Gamtaa Soviyeet duraanii fi Kuubaatti leenji’anii kanneen deebi’an turan.

Mooraa sana keessa Afaanonni Raashiyaa, Ispaanish fi Ingiliizii dubbatamu turan.

Barruu BBC ilaalerratti haala taa’ee jiruun Jeneraal Alii Haji Abdallaa ajajaa isa jalqabaa turan. Achiis Kolonel Hayila TasfaaMikaa’el, Jeneraal Tasfaayee Tirfee, Jeneraal Mogas Baqqala, Kolonel Ijjiguu Laaqaw, Birgaader Jeneraal Kaasaayee Camadaa, Jeneraal Hayyaloom Araayaa walitti aansuun ajajoota wiirtuu kanaa tahuun tajaajilaniiru.

Xiyyeeffannoon odeessa kanaa Awaash Arbaa tahus waa’ee Awaash 7s gabaabumatti haa kaasnu. Bara Dargii keessa kaampiin Awaash 7 buufata Birgeedii 100ffaa daandii guddicha Finfinnee-Asab to’atu akka ture qondaalonni waraanaa duraanii kun nutti himan.

Akka isaan jedhanitti, hojiin birigeedii kanaa tokkichi eegumsa daandii ture. Waajjira olaanaa eegumsa daandichaas ture.

Kufaatii Dargiin booda ADWUI’n aangoo ennaa qabatutti, bakkichatti kaampiin haarayaa ijaaramuun, wiirtuu leenjii ajajootaa tahuu akka hinoolle qondaalonni dubbisne ni tilmaamu.

kaampii waraanaa Awaash 7

Hidhamtoonni guuramaa kan hidhaman maalirratti?

ADWUI’n aangoo erga qabatee booda naannoo shaakalli dhukaasaa itti gaggeeffamaa turetti manneen ammayyaa ijaaramanii jiru.

Manneen jireenyaa abbaa darbii lamaa leenjistootaa fi maatii isaaniif ijaaraman.

Qondaalli waraanaa duraanii ji'oota muraasa dura kaampii kana daawwachuu himan, "kan duraan ture guddatee fi fooyya'uun arge" jedhan.

Haa ta’u malee, manneen gaggabaaboo kaampii daandii guddichaaf ijaaraman akka mana hidhaatti itti fayyadamu jedhan.

Akka isaan jedhanitti, namoota kaampii keessatti hidhuun bara ADWUI’n aangoorra ture eegale.

ADWUI’n mormii ALI bara 1993 fi 1997tti mudaterratti Awaash Arbaa kaampii Dhidheesaa, Xoollaayi fi kaampiwwaan waraanaa biroo keessatti namoota hidhaa akka turan dubbatu.

"Warri amma biyya gaggeessaa jiran isaan durirraa baratanii mana dulloomaatti nama hidhuuf itti fayyadamaa jiru" jedhan.

Labsii yeroo atattamaa walqabatee namootni jumlaan hidhaman manneen kanneen keessatti hidhamanii mirgi isaanii sarbamaa akka jiru qaamoleen mirga namoomaa falman gabaasaniiru.

Namoonni yeroo adda addaatti bakka sanatti hidhamuun dararaan qaamaafi xiinsammuu irra gahuu himatan bakkicha "Guantanamo Bay", kan US shakkamtoota al-Qaayidaa murtii malee itti hiite waliin wal bira qabu.

Qondaalli waraanaa duraanii BBC’n dubbise "bara Dargii manni hidhaa akkasii hin turre" jechuun bara sana buufata poolisii fi karchalleetu ture jedhu.

Bara Dargii miidiyaaleen walabaa, dhaabbileen mirga namoomaa biyya keessaa fi dhaabbileen mormitootaa waan hin jirreef, yeroo sanatti maaltu mooraa keessatti akka raawwatame waan xiqqootu beekama.

Ogeessa seeraa fi falmaa mirga namoomaa kan ta'an Yaareed Haayilamaariyaam, "Kaampii waraanaa kun bara Dergiittillee tajaajila kanaaf ooluun isaanii gaaffii hin qabu" jedha.

Namoonni himannaa Shororkeessummaa himataman kaampii waraanaa gidirfamuu kaasan.

Obbo Yaareed ogeessa seeraa fi Daarektara Giddugala Falmitoota Mirga Namoomaa Itoophiyaati.

Mana Maree Mirga Namoomaa Itoophiyaa (Esmegu) keessatti qorataa olaanaa ta’uun waggoota saddeetiif hojjetaniiru.

Dhimma kaampii waraanaa kana keessatti raawwatan muraasa qorataniiru.

Bara ADWUI heerri, miidiyaa fi dhaabbileen mirga namoomaa tumaaleen mirga namoomaa jiraatanis miseensota paartii mormituu haaromsaa jedhamuun kaampii waraanaa keessatti akka hidhame yaadata.

Dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti jeequmsi wayita ka’u ykn waldhabdeen paartilee siyaasaa waliin walqabatu yommuu uumamu namoonni shakkamtoonni mooraa waraanaatti geeffamu.

Obbo Yaareed ammallee kun hin hafne jedhu.

“Qorannee hiina malee hiinee hin qorannu’’

MM Abiy Ahimad waggoota shan dura mormii biyyattii keessatti dhohe booda gara aangoo qabatan, hidhamtoota siyaasaa gadhiisuun ji'oota jalqabaa aangoo isaanii keessatti kan leellifaman turan.

Akkasillee jedhan: "Nuti sakatta'uu fi hidhuu malee hidhuu fi hin qabnu" jedhan MM Abiy.

Yeroo sanatti hidhamtoonni kumoota kudhaniin lakkaa’aman guutuu biyyattii keessatti manneen hidhaa keessa turan kan hiikaman yoo ta’u, qorataan dhaabbata Amnesty International kan turan Obbo Fisha’aa Takilee lakkoofsi namoonni gadhiifaman 45,000 akka ga’e dubbatanii turan.

Haa ta’u malee, kun yeroo gabaabaaf ture.

Sana booda hidhaa jumlaa fi sarbama mirga namoomaa gabaasa idilee dhaabbilee mirga namoomaa biyya keessaa fi idil-addunyaa ta’an kaafaman ta’e.

Obbo Yaareed, "Haasaan MM Abiyi haasaa duula filannoo, fudhatama ummataa biratti argachuuf godhmeerraa adda miti" jedhan.

Sababni namni ragaa malee akka hin hidhamne, qorannoo malee akka hin hidhamne, haqa akka hin mulqamnee fi mirga wabii akka hin dhowwamne gochuun tola osoo hin taane dirqama heeraan kenname ta’uu himu Obbo Yaared.

Haa ta'u malee dhiittaan mirga namoomaa biyyattii keessatti mul’atu fi haasaan Ministira Muummee kutannoorraa kan madde akka hin taaane agarsiisa jedhu.

Mootummoonni namoota nagaa kaampii waraanaatti maaliif hidhu?

Waggoota kurnan darban keessatti, angawoonni Itoophiyaa hidhamtoota kaampii waraanaatti geessu.

Kunis bakka jumlaan hidhuuf mijaawaa waan ta'eefi eegumsa cimaan waan jiruuf akka ta'e himama.

Gama biraatiin kaampiin waraanaa kun iddoowwan uumamaan rakkisaa ta’etti waan hundaa’aniif, namoota hidhaman irratti dhiibbaa xiinsammuu uumuuf, namni akka isaan ihin gaafanne, akkasumas miidiyaalee fi falmitoota mirga namoomaa jalaa dhoksuuf ta’uu himama.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa miseensota mana maree fi hidhamtoota biroo Awaash Arbaatti erga daawwatanii booda gabaasa isaanii keessatti, Giddugalli Tursiisa Poolisii Federaalaa Finfinnee waan dhiphateef bakka tursiisaa yerootti geeeffamu poolisiin akka itti hime ibse.

Obbo Yaared sababa labsii yeroo muddamaa biyyattii keessatti hidhaan jumlaa waan jiruuf, manneen hidhaa idilee isaan keessummeessuuf gahaa miti jedhan.

Kanaaf manneen kuusaa, kaampii waraanaa dabalatee, manneen barnootaallee dhimmarra oola.

‘Uumama akka gidirsaatti…’

Awaash Arbaan bakka leenjii loltootaati malee namoota nagaatif bakka mijataa miti.

Naannoon sun baayyee ho'aadha. Busaa keelloo dabalatee naannoo weerara busaaf saaxilamaadha.

Namni hojiif gara naannoo sanaa deeman kamuu bakka of eeggachuu qabanidha. Bakka durgoon gammoojjii hojjattootaaf itti kaffalamudha.

Haa ta'u malee, hidhamtoota bakka nyaata, bishaanii fi iddoon dhaqna dhiqannaa gahaa hin jirre tursuun uumama akka dararaatti itti fayyadamuu akka ta'e Obbo Yaareed dubbata.

Namoota nagaa kaampii waraanaa keessatti hidhuun bu’uura seeraa hin qabu kan jedhan Obbo Yaareed, leenjiin waraanaa akka adabbiitti itti fayyadamaa turan gabaasonni bahan eeran.

Obbo Yaareed yeroo waraana Tigiraay gaazexeessitoota mooraa waraanaa Awaash Arbaatti hidhaman irra dhiittaan mirga namoomaa hamaan akka qaqqabe himan.

"Hanga ammaatti miidhaan xiinsammuu isaan hin dhiifne" jedhan.

Haata'u malee waa'ee sarbamawwan mirgaafi miidhaa jidduugala mana sirreessaa Awaash Arbaa keessatti ni raawwatamu jedhaman kanneen ilaalchise,e bulchiinsi biyyatti duraan tures ta’e kan ammaa wanti jedhe hin jiru.

[Seenaa namoonni dhuunfaa iddoowwaan tursiisa kaampii waraanaa Awaash Sabbaatti fi Awaash Arbaa keessatti argamanitti hidhamanii gadhiifaman nutti himan gabaasa keenya ittaanuun isin biraan geenya.]