Guyyoonni dhi'uufi bari'uu didan kaampii waraanaa Awaash 7 akkamiin yaadatamu?

Bafiqaaduu Hayiluu

“Daay! Kophee keessan baafadhaa! Harka wal qabadhaa!” jechuun ajaji yeroo namaaf hin kennine tokko darbe.

Dukkanni, deemsi, dhiphinniifi beelli cilee isaan fakkeesseera. Shakkamtoonni garri caalaan waanti harkaa qaban hin jiru. Kophee godhatanii jiran atattamaan baasanii darbatan.

Ija isaanii sababa hanqina irribaatiin dunquqquu keessa jiruun eessa akka jiran hubachuufillee yeroo hin arganne.

Miilla isaanii qullaa cirrachaafi ashawaarra adeemaa mooraatti seenan. Gara galma bilookeetiin ijaarame tokkootti isaan geessan.

Galma sana keessa firaashiis ta’e hafaan, akkasumas kursiin tokkollee hin jiru ture.

“Nutti ga’isaa, jibba nuuf qaban nutti agarsiisaa turan. Lafa onaa naannoo sana jiru caalaa iyyi isaanii nama rifachiisa ture,” jedhan.

“Wanti dhandhamamuu fi afaan godhatamu omtuu hin jiru. Kutaa onaa keessa bakka ciisichaa malee, uffannaa tokko malee akka rafaniif ajajaman.

Lafa sanarra taa’an. Bor maaltu akka isaan eeggatu wanti beekan hin turre. Bakkuma taa’anitti qolee walitti hirkifatanii iji isaanii walirra bu’e.

Mirga namoomaarratti kan hojjetuu fi miseensa Zoon 9 kan ture Befiqaaduu Hayiluu ALI Fulbaana 22, 2009 tti du'a Ayyaana Irreechaa Bishooftuurratti mudate hordofee labsii yeroo muddamaa labsamee ture keessa to’atame.

Wanti ta’e akkana ture

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

ALI Sadaasa 2009 ganama sa’aatii 12፡30 irratti. Yeroon sun ALI 2009 du'a kabaja Ayyaana Irreechaarrattti mudatee hordofee mormii dhalateef labsiin yeroo muddamaa kan itti labsame ture.

Karra mana Befiqaaduutu rurukkutame. Yoo kaarra banuus humnoota nagaa uffata sivilii uffatan waliin walitti ba’an.

Isaanis “Gaaffiif waan si barbaadnuuf gara buufataa si geessuufidha!” jechuun nyaara guuraa gaaffii dhiyeessaniif.

“Poolisii ta’uu keessan akkamittin beekuu danda’a?” gaaffii jedhu miira sodaatiin dhiyeesseef.

Poolisiin tokko warqaa eenyummaasaa baasee erga agarsiiseen booda, gara buufata poolisii naannoosaa jiru, Buufata Poolisii Faransaay Lagaasiyoon geessan.

Duraaniyyu mootummaan irratti xiyyeeffatee waan tureef poolisiin to’atamuun Befiqaaduu hin naasifne ture.

Labsii yeroo muddamaafi barii ta’uu isaarraa kan ka’e naannoon sun callisaa ture. Befiqaaduun shurraabaafi tuuttaa, akkasumas kophee banaa godhateen ala harkatti waan qabateeru hin qabu ture.

Akkuma buufata poolisii gahanii waan jedhu erga irraa fuudhanii waaree booda gara Qajeelcha Poolisii Kutaa Magaalaa Yakkaa isa geessan.

Achis erga guyyaa tokko bulee booda barii isaa buufata poolisii ‘Marii’ jedhamu isa galchan. Achitti namoota hidhaa jiran torbatti makame. Namoonni achitti hidhamanii turan torbanuu labsii yeroo muddamaan walqabatee ture kan hidhaman.

Buufanni sun dhiyeenya kan baname fakkaata. “Naanni dhiyaatu yeroo baayyee ‘Dayyaas’ kan jedhamullee hin jiru,” jedha.

Kutaa baayyee nama yaaddessu sana turuun Befiqaaduu dhiphiseera.

Guyyaa tokko “maaloo gara bakka biraatti na jijjiiraa” jedhee kadhate. Deebiin kennameef garuu kan biraadha. ‘Bakki kaan kana caalaa hamaadha’ kan jedhu deebiseef poolisiin.

“Bakkeewwan kaan guutuudha. Gara Faransaayitti yoo si deebisnes achis guuteera. Guutuu isaarraa kan ka’e hidhamtoonni dabareedhaan rafu. Asi siif wayya,” ittiin jedhan.

Haala kanaan guyyaa shan bakkuma sanatti dabarse Befiqaaduun. Guyyaa já’affaarratti ammoo beellamni mana-murtii qabameeru waan tureef gara Qajeelcha Poolisii Kutaa Magaalaa Yekkaa geessan.

Tilmaamni isaa gara duraan turetti deebiyuu ture. Wanti karoorfame garuu waan biraa ture. Akka atoobusii seenu ajaji kennameef. Eessa akka isa geessuuf turan wanta beeku hin qabu. Atoobusii seene.

Atoobusichi magaalaa keessa nanna’uu jalqabe. Hidhamtoota bakka jiranii deemee funaanaa ture. Waaree irraa kaasee hidhamtoonni magaalattii keessa maneen-hidhaafi buufata garagaraa keessa turan Befiqaaduutti makaman.

Gara galgalaa atoobusichi imala jalqabe. Hundumtuu waan ta’aa jiru wallaalee yaadaan badeera.

Atoobusiin isaan qabatee jiru wayita fucaan isaa gara Tulluu Diimtuutti naannefatetti qalbiin isaa waan tokko itti himte. Awaash!

Befiqaaduun isaan dura namoota kaampii loltuu Awaash keessatti hidhaarra turan dubbisee beeka. Kanaaf ture eessa akka isaan geessuuf ture kan tilmaameef.

Awaash Arbaa

Deemsa gara Awaashitti

Befiqaaduun hidhamaa ta’ee gara sana yeroo deemu kun kan jalqabaasaati. Isaan dura hojiin isaa waan ilaallatuuf namoota bakka sanatti hidhaa turan dubbisee waab beekuuf gidiraa bakka sanaa yaadee dhiphachuu jalqabe.

Imalli sun baayyee suuta ture. Maaliif akka suuta deemamu isaaf hin galle ture.

Yeroo daandii saffisaa buufata kaffaltaatti dhiyaatu atoobusichi qarqara daandii qabatee dhaabbate. Yeroo naannawaa sana ilaalutti atoobusoonni kan inni keessa jiru fakkaatan lama dhaabbatanii arge. Suuta suutaan atoobusoonni kunneen shan ta’an.

Wal eegaa hundi isaanii toora tokko qabatanii imala isaanii itti fufan. Atoobusii Befiqaaduun keessa ture sana keessa dubartoonnillee akka jiran ni yaadata.

Wayita lafti dhiyaa deemetti hunduu jeeqabuu jalqaban. Eessa akka isaan geessan, maaliif akka isaan geessan kan isaanitti hime hin jiru.

Befiqaaduun akka jedhutti, isaan haa turuutii shofeeronni atoobusicha konkolaachisaniyyu eessa deemaa akka jiran waan beekan hin fakkaatan ture.

Yeroo maqarra gahanitti garamitti akka goran poolisoota eegan gaafachaa ture garama akka deeman kan hubatan.

Poolisoonni ammoo waama isaan ajajurraa bilbilaan gaafatu ture.

Kun namoota atoobusicha keessa turan hedduuf yaaddoo guddaa uumeera.

“Baqqaa bakka ta’e nu geessanii nu rashanuuf jechuun hanga yaada hamaa ta’e kanaatti kanneen yaadanillee turaniiru,” jedha.

“Eessa deemaa jirra?” jedhanii yeroo gaafatanitti itti hin himaman. Atoobusoonni kunneen wal eegaa ture kan deeman. Atoobusoonni kunneen konkolaataa Piikaa-aap matarayyasii camadataniin marfamanii deemu ture.

Haalli ture baayyee sodaachisaadha. Callisaafi dhiphina sana cabsuudhaaf tokko tokko waan akka qoosaa wa’ii daddarbatu ture. Qoosaan sun garuu takkaama ‘billic’ jettee baddi ture. Baayyee kolfa namarra hin turredha.

Erga karaa gara Awaash geessu qabatanii maqanii booda “garam seennu” jechuun gaafatan shofeeronni. Kan deebii isaaniif kennu hin turre. Warri kallattii itti deeman himanis bilbila hin kaasan ture.

Shofeeronnis, hidhamtoonnis, eegdonnis waan godhan wallaalan, bitaa itti gale. Boo’ichati jalqabe. Eessa geessanii nu gambisuuf laata? Jechuun muddamni ta’e.

Erga takka rakkatanii booda warri kallattii agarsiisan bilbilan. Yeroo lafti garaa waariitti siqu Awaash 7 qaqqaban.

Akkuma atoobusiirraa bu’aniin utre kophee isaanii baasanii akka gataniif kann ajajaman.

Halkan sunis akkuma wal walitti hirkatanii rafanitti dhume. Karri galma sanaa rurukkutame. Eegdonni hidhamtootaa turan.

Kaadhimamtoota ‘Kuntaakuntee’

Lafti bari’ee akkuma xiqqoo tureen tokkoo tokkoo isaaniif qarabaa/’millaaciin’ isaaniif kennameef. Walii walii keessanirraa rifeensa keessan aadaa jedhaman. Akkuma ajajaman sanatti namni kan isaa cinaa jirurraa rifeensa aade.

Yeroo mataa wal aaduu xumuran, “ka’aa harka walqabadhaa!” kan jedhu ajaji afaal loltoota bakka sanaarraa hin dhibne gurra isaan duuche.

Aduun Awaash sammuu rifeensi irraa aadame qoruu jalqabe.

Ho’a kanaan, “loltoonni uffata dandbii isaanii hunda akkamiin akkamiin uffachuu akka danda’anillee na ajaa’iba ture,” jedha Befiqaaduun ho’a hamaa bakka sana ture yeroo ibsu.

Ajaja kennameef fudhatanii deemuu akkuma jalqabaniin bakkuma jiranitti akka dhaabbatan ajajaman. Ajajni ture kan loltuuti. Asiifi achi jechuun hin jiru.

Kana gidduutti gama keessatti iji isaa waan tokkorra bu’e.

Gara gajallaatii harka walqabatanii, harka isaanii tokkoon ammoo jarkaanii keelloo qabatanii darggoota baayyee darbaa jiran.

Yaada isa fudhatee deeme sana keessaa kan isa baase ammoo hidhamaa isa cinaa jiru tokko ture. “’Kuntaakuntee’ hin fakkaatanii?” jedhe hidhamaan sun.

Daaraa fakkaataniiru. Kanateeraan uffatan irratti xuraa’ee cicciteera. Miilla qullaa turan. Miilli isaanii babbaqaqeera. Mataan isaanii ‘malaaxaadha’. Malaaxaa isa ture. Malaaxaa awaarri, qilleensiifi ho’u itti furuu darbedha.

Kuntaakuteen maqaa taatoo fiilmii ‘Rutis’ jedhamu keessa jiru yoo ta’u, nama Afrikaa warra garba gurguraaniin Ameerikaa geeffamedha.

Kuntaakunteen gabaa walakkaatti olkaan isaanii agarsiisaa, sarbaan isaanii safaramee, hojjaafi qoleen isaanii lakkaa’amee addabaabaayiitti caalbsaaniin kan gurguraman seenaa gur’aacha Afrikaa taatoo agarsiisudha.

Kuntaa kuteen gidiraafi dararama gur’aachotaa ifatti agarsiiseera.

Dargaggoonni Befiqaaduun gama keessatti arge sun Kuntaakutee warra garbda daldalaniin gurguramaa turan fakkaatu.

Turtii booda akka hubatetti dargaggoonni sun isaaniin dura guyyoota 40 kaampicha keessatti dabarsaniiru.

Jarkaanni keelloo harkatti qabatanii turan ammoo kan ittiin bishaan waraaban ture. Befiqaaduunfaa bakka isaanii kaa’anii of ilaalan. Kaadhimamtoota Kuntaakutee!

Dargaggoonni sun akkuma darbaniin Befiqaaduufaa miilla qullaa korokonchiifi cirracharra hokkolaa akkuma harka walqabataniin gara bosonaa geessan.

Kan gara bosonaa isaan geessaniif ammoo akka bobbaa ba’aniif ture.

Beelaafi uumamaa

“Wal cinaa tarree galaatii bobbaaf taa’aa.”

Bo’oodha. Kan irraan gadee qotamedha. Fooliin isaa ofitti nama hin butu. Garuu uumamni foolii badaa sanaan olidha. Teessuma keessan gara bo’oo sanaatti naanneffadhaatii wal cinaa taa’uun bobbaaaf taa’aa ajaji jedhu darbe.

Kanaaf jabina kan qabu hin turre. Nama qaanessa, nama naasisas ture. Namni bobbaaf taa’e hin turre. Boolii furdaa dhiisnee achuma wal maddii tarree galletti fincaan qofa fincoofne,” jedha.

Guyyaa jalqabaa waan ta’eef wanti nyaatanis waan hin turreef yeroof obsuu filatan. Boruuf garuu bakki dhaqan hin jiru.

Akkuma harka walqabataniin gara bishaan boombaa isaan geessanii erga dhiqataniin boda gara galmicha qullaa Zanatti isaan galchan. Achitti ammoo daabbuu isaaniif darbatemte qabatu.

“Daabboo darbatamtuuf butachuu”

Saatii cireedha. Cireen isaanii daabboo tokko sha’ee kubbaayyaa walakkaa waliin ture. Sha’een sun maaliif kubbaayyaa walakkaa ta’ee safarameef ifa miti. Sha’ee kubbaayyaa walakkaatiin daabboo gogaa tokko fixuun rakkisaa ture.

Sha’ee kubbaayyaa walakkaa sun qaama addabbii sanaa fakkaata. Befiqaaduun kana hubachaa kan dhufe hangi sha’ee snaa turtii keessa dabalaa waan dhufeefidha.

Galma sana keessa teessumniifi minjaalli gola keessa tuulaman jiraatanis, galmicha keessa dhakaan irra gadi taa’na tokkollee hin jiru.

Akka daa’imaa lafa maramanii taa’anii ture kan nyaatan. Daabboo akka kubbaatti isaaniif darbatame butacha, yoo lafa buutes awaara irraa haxaawwatanii nyaachuun dirqama ture.

“Kaayyoon kanaas tuffiifi salphisuudha,” jedha Befiqaaduun.

Gara guyyaa galma sana keessaa isaan baasan. Qilleeensi bulluqaa Awwaasha namatti hin fuudhiin. Lafarra tarreen taa’na.

Maqaan isaanii waamamee wal keessa makuun garee gareedhaan ijaaraman. Warri gareen ijaaraman kutaa tokkotti galan. Befiqaaduun akka yaadatutti maqaawwan garee sanaamaqaabishaaniitu itti baayyata ture. Isaan keessaa tokko ‘Abay Hayil’ tokkodha.

Kutaan isaaniif kennaman siren wal walirratti tolfame keessa jiru. Firaashii garuu hin qaban. Komborsaatoo qofa! Ta’us garuu halkan isaan dura dabarsan waliin yoo ilaalamu siren komborsaatuu qabu kun baayyee foyyaa’aadha.

Sirreeffamoota

"Maatiin eessa akka jiran hin beekan ture"

Akkuma Befiqaaduu tasa manaa ba'anii uffata ofirraa qabaniinqofa kan achiin hafan jijjiirraa malee ishee uffatan sana waliin hafuu malee filannoo biraa hin qaban.

Befiqaaduun osoo uffata hin jijjiirrattiin bubbuleera. Yeroo itti cimetti mutaantaan keessaan surree jalatti uffatu dammeessoftee jennaan ofirraa baasee gatee surree qofaan tureera.

Boodarra poolisiin tokko dhoksaatiin bitee kenneeraaf.

Befiqaaduun akka jedhetti, guyyoota 33 achi keessatti dabarse hunda uffata tokko qofaa ture kan uffate.

Turtii isaa kana keessatti qaama kan dhiqates si'a lama qofa ture. Innis 'Kutaakuntee' ta'ee argame. 'Kuntaakutee' gamatti ilaalaa ture sana fakkaate.

Turtii kana hunda keessatti maatiin isaan gaafate omtuu hin turre.

Shakkamtoonni yeroo labsii muddamaa keessas ta'e yeroo labsiin ala qabaman abokaatoofi maatii waliin wal arguun mirga namoomaa qabaatanis maatiisaaniis ta'e abokaatoaa waliin wal arganii hin beekan ture.

Maaliin akka himataman, maaliif akka mana-murtiitti hin dhiyeeffamnes wanti beekan hin turre.

"Dhiphisuu, yaaddessuufi akka waan gatii hin qabneetti akka of yaadan gochuun kaayyoo isaati," jedha Befiqaaduun.

Befiqaaduun guyyoota baayyeen booda eessa akka jiru maatiisaatti kan hime karaa poolisii mutaantaa keessaa dhoksaan bitee isa gargaare sanaadha.

Yeroo tokko tokko miseensonni Komaand Postiin yeroo sanaa ergu hidhamtoota tokko tokko yeroo bilbilchiisan taajjabeera. Isaan alatti garuu filannoon ittiin maatii waliin quba-walqabaachuun danda'amu hin turre. Namni isaan gaafatu hin turre.

Naannawaa Awaash 7 sana suuqiin jiraachuu, manni nyaataa jiraachuun, manni sagadaa Kiristaanaa ykn Masgiidni jiraachuusaa wanti beekan hin turre.

Wanti yaadatu yoo jiraate kaampii keessa turan duubaan sagalee hadiida baaburaafi hojjetoota ijaarsaa gammoojjii kana keessatti mul'atan qofa ture.

'Itti hin deebiyu!'

"Kan achi gale hunduu ni cuuphama" jedha Befiqaaduun. Cuuphaa kan jedhu ammoo 'leenjii haaromsaa' kan jedhamudha.

Barreeffamoonni sirnichaa kanaaf jedhamanii qophaa'an namaaf dubbifamu. Leenjistoonni ammoo poolisoota Federaalaati. Leenjii sana fudhachuu dhiisuun hin danda'amu.

Moojuliin leenjiin jalqabaa mata-duree 'itti hin deebiyu' jedhu qaba ture. Moojuloonni kaanis turaniiru.

Waa'ee guddina dinagdee Itoophiyaan galmeessitee, kan ibsan, 'humnoota alaa' kan balaaleeffatan, durirraa kaasaanii seenaa Itoophiyaa kan seenessan, waa'ee Heera mootummaa Itoophiyaa, akkasumas waa'ee haaromsa Itoophiyaa kan ibsan turan.

Moojuloonni leenjii kunneen mootummaa yeroo sana ture kan leellisaniifi seenessa isaa kan himan turan.

Yeroo leenjiiwwan kanneen kennanitti, 'biyyattii keessatti mormiin maaliif baayyyate?' kan jedhu baruudhaaf gaaffii isaan gaafachaa akka turan kan yaadatu Befiqaaduun, booda garuu isa dabalatee namoota yaada kennanirratti 'yaada leenjistootaa jijjiiruuf hojjechaa jirtu' kan jedhu sodaachisuufi dorsisuun irra gahaa akka ture dubbata.

Befiqaaduun akka jedhetti, gochasaanii kanarraa yoo kan of hin qusanne ta'e tarkaanfiin akka irratti fudhatamu isaan akeekkachiisanii ture. Isaan booda waan isaan jedhan dhaga'uun ala wanti deebisan hin turre.

Akka Befiqaaduun ibsutti, 'cuuphaan sun' warra siyaasa beekaniif hojjechuu baatus warra mormiirratti hirmaatanii hin beekne, warra oduu dhaga'uumaaf tasa ba'anii butamanii achi galaniif, akkasumas warra hin baratiiniif hojjechuu akka danda'u tilmaamama.

Yeroo kanatti rifeensi isaanii guddateera. Leenjicha xumuraa akka jiran yeroo hubataa dhufan gara jireenyasaaniitti akka deebiyan abdatan. Fuulasaanii cooliqerraa abdiin xiqqoo mumul'achuu jalqabeera.

'Cuuphaan' xumurame. Eebba isaaniirratti T-shartiin 'itti hin deebiyu' [ayidegamiim] jedhu irratti barreeffame qoodameef.

Qulqulluu waan ta'eef waa'een barreeffama isaa dhimmasaanii hin turre. Battalumatti fudhatanii ufffatan. Turtii ji'a tokkoo ol booda qaamni isaanii uffata haaraa argate.

Eebba bulee Awaash 7 gadhiisanii deemuuf atoobusii isaaniif qophaa'e seenan. Atoobusoonni kunneenis fuula isaanii yeroo gara Finfinneetti naanneeffatan dhugaayyu itti hin fakkaanne ture.

***

ALI bara 2009 bakka hidhamtoota tursiisan Awaash 7 keessatti waan dabarse kan nuuf qoode Befiqaaduu Hayiluu, miseensota Zoon 9 keessaa tokko ture.

Befiqaaduun barruu 'Wuyiyit' jedhu hiriyyoota isaa waliin qopheessee maxxansiisaa ture. Michoota isaa Zoon 9 kaan waliinis jaarmiyaalee idil-addunyaa mirga namaaf falamanirraa badhaasa argateera.

Asoosama 'Children of Their Parents' jedhu barreesseera. Asoosama isaa kanaanis dorgommii Badhaasa Og-barruu Afrikaa mo'ateera.

Befiqaaduun warra Wiirtuu Guddina Mirgootaafi Dimokiraasii (CARD) jedhu waggaa afur dura hundeessan keessaas tokkodha.

Befiqaaduun barreeffama kabaja mirgoota namaaf barbaachisu ilaalchisuun barreessuun irra deddeebiin hidhameera.