Pirezidantiin Madagaaskar lubbuusaanii baraaruuf qeerroo jalaa dhokatan

Madda suuraa, Reuters
Pirezidantiin Madakaaskar Andirii Raajoyiliinaa erga fonqolchi irratti yaalamuu ibsanii booda ''bakka nagaa qabu'' dhokatanii jiraachuu ibsan.
Hiriira torbanootaaf gaggeeffamaa jiru irratti lammiileen biyyattii pirezidantichi akka aangoo gadhiisan gaafataniiru.
Ga'eesa umrii waggaa 51 kan ta'an Raajoyiliinaan ''gareen miseensota humna waraanaa fi aanga'oonni siyaasaa qindaa'uun na ajjeesuuf karoorsanii turan,'' jechuun ergaa karaa Facebook isaanii dabarsan.
Pirezidantichi bakka jiran hin ibsine, garuu gabaasi hin mirkanoofne tokko xiyyaara waraanaa Faransaayiin biyyaa ba'aniiru jedhe.
Taateen kun erga hiriirri yeroo dheeraaf ture, kan pirezidantii biyyattii aangoorraa buusuu kaayyeffate, hammaatee booda dhaga'ame.
Hiriirtota dargaggoota ta'an, kan maqaan ''Gen Z Mada'' jedhamu kennameef, kunneen dhaabsisuuf pirezidantichi baayyee yaalan, garuu hin milkoofne.
Mootummaasaanii hunda diiguun rakkoo walfakaataan lamuu akka hin uumamne waadaa seenanis dargaggoonni tarkaanfiisaanii kanatti hin quufne, hiriirri cimee itti fufe.
Dargaggoonni hanga pirezidantichi aangoo gadhiisanitti manatti hin deebinu jedhan.
Pirezidanti Raajoyiliinaan erga Roobii darbeetii hin mul'anne, waajjirri isaanii fonqolchi mootummaa yaalamaa jiraachuu ibseera.
Ergaan isaaniillee sirnaan uummata bira ga'uu hin dandeenye. Sababni ammoo jeequmsi hamaan waan jiruufi humni waraanaa TV biyyattii to'achuuf yaalii taasisaa waan tureef.
Ergaa karaa Facebook dabarsaniin Fulbaana 25 irraa eegalee fonqolchi mootummaa fi karoorri lubbuusaanii balleessuurratti xiyyeeffate jiraachuu ibsaniiru.
''Lubbuu koo baraaruuf bakka nagaa qabu keessa dhokachuuf dirqameera,'' jedhan.

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Dhuma torban darbeetti gareen waraanaa humna guddaa qabu, CAPSAT jedhamu, kan bara 2009 Pirezidant Raajoyiliinaa aangootti fide, aangoo pirezidantichaa gatii dhabsiise.
Gareen kun humna waraanaa hunda akka hooganu labse, ajajoonni garee kanaa gariin magaalaa guddoo biyyattii Antananarivo keessatti hiriirtotatti makamuun mormii dhageessisaa turan.
Hoogganaan waliigalaa waraana biyyattii, kan CAPSAT muude, Jen Demosthene Pikulas Wiixata darbe ajajoota waraanaa waliin erga mari'atanii booda humni waraanaa biyyattii tasgabbii bakkatti deebisuuf tokkummaan hojjetaa jiraachuu ibsan.
Wiixata galgala jeneraalichi TV biyyattiirra ba'uun akkaataa hookkarri biyyattii raasaa jiru kun itti furamuu danda'urratti dubbataa turan jedha ibsi waajjira pirezidantii irraa ba'e.
Biyyattiin amma garee humna waraanaa kanaan hoogganamaa jirti jedhan qondaalli paartii morkataa biyyattii, TIM, jedhamurraa eenyummaasaanii dhokfachuun BBCtti dubbatan.
Yeroo ammaa gareen mootummaa Raajoyiliinaa keessa turan hedduunsaanii gara biyya ollaa, Mooriishiyesitti baqataniiru.
Madagaaskar qabeenya uumamaan badhaatus, uummanni biyyattii dhibbeentaa 75 hiyyummaa keessa jiru.
Lammiileen biyyattii bishaan fi ibsaan deddeebi'ee baduu mormuun daandiitti ba'an. Booda hiriirri kun hoji dhabdummaa, malaammaltummaa fi qaala'iinsa jireenyaa mormuu dabalate.
Kanaaf mootummaan Raajoyiliinaa deebii kennuu waan hin dandeenyeef akka aangoo gadhiisu gaafachuu eegalan.
Erga hiriirri mormii kun eegale yoo xiqqaate namoonni 22 ajjeefamaniiru, 100 kan caalantu miidhaman.
Ragaa kana kan baase UN yoo ta'u, mootummaan biyyattii garuu dhara jedheera.
Madakaaskar erga bara 1960 walabummaashee gonfattee as warraaqsa uummataa hedduu keessummeessiteetti.
Mormii cimaan bara 2009 biyyattii keessatti gaggeeffame pirezidantii yeroo sanaa Mark Ravalomanana aangoorraa buusuun Raajoyiliinaa aangootti fide.

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Raajoyiliinaan umrii waggaa 34tti pirezidantii ta'an, kanaanis Afrikaa keessaa nama umrii xiqqaan aangoo pirezidantummaa qabate ta'aniiru.
Bara 2018 irra deebiin filataman.
Pirezidanti Raajoyiliinaan maatii sooressa ta'an keessaa dhalatan.
Siyaasatti osoo hin seenin nama biizinesii turan.












