Rakkoo nyaataa Madagaaskaar: Akkamiin dubartiin tokko ganda ishee beelarraa oolchite

Madda suuraa, Sira Thierij/BBC
- Barreessaa, Kaateriin Biyaruhanga
- Gahee, Africa correspondent, BBC News
Dhamaatii Loharanon goote gadda namoota baay'ee Madagaaskaar naannoo isheen jiraattu keessatti mudate irraa akka bilisa taatu godheera.
Gogiinsi yeroo dheeraaf gara Kibba odola Madagaaskaar keessatti mudate namootni miliyoona 1.3 tahan hanqina nyaataaf akka saaxalman gochuun namootni 28,000 tahan ammoo beelaaf saaxilamaniiru.
Gariin adunyaa irraa beela yeroo jalqabaaf sababa jijjiirama qilleensaan mudate jedhu. Garuu kun yaada wal falmisiisaas taheera.
Garuu gandi Loharanoo Tsimanananda jedhamtu bakka isheen hoggantuu hawwaasaa taate ammoo waan hamaa kana jalaa baraaramteetti.
Bakkichi magaalaa naannichaa Androy, Ambovombe jedhamtu irraa konkolaataadhaan imala dadhabsiisaa daqiqiaa 45ti. Sababni isaa ammoo naannichi bakka gogiinsaan akka malee hubame waan taheef.
Konkolaataa keessa teessee yoo ilaaltu daandii cirrachaan guute kana irratti obsa dhabda. Teessumni lafaa mul'atu ammoo mukeen irraa dhumanii bubbee hamaaf laficha saaxileera.
Waanti tokkoyyuu asitti biqila jedhanii yaaduun ulfaataadha. Garuu Tsimananandan achumatti teessuma lafaa addaati.
Seeqqni Loharano ammoo ishee dhiisii naannoshee bareecha.
Hojjaan ishee gabaabduu garuu cimtuudha. Nama jalqabaa ollaashee irraa akka gaggeesituutti nan fila jettee yaaddu miti.
Garuu dafteema gara mooraa isheetti na simachuun hamma qe'eekoo natti fakkatutti natti dhagame.
Beelaan baay'ee miidhamnee turre. Ni dhaabna garuu yeroo baay'ee achumaan hafa,'' jette dubartiin ganna 43.
Waa'ee goginsa bara 2013 qabee mudatee yaadachuun yoo himtu.
Garuu gargaarsa dhhaabata tola ooltummaa naanichaa 'Agro-ecological Centre of the South (CTAS)' jedhamuun haalli kun hunduu jijjirameera.
Akkuman achi gaheen Loharanoon gaaddisa mukaa jalatti yeroo gabaabaaf barsiisaa turte.
Suuraa tooftaalee qonnaa agarsiisan qabachuun oollaashee fi abbaa warraashee Mandilimana waa'ee oomishaalee goginsa dandamatanii fi tooftaalee biyyee deebisanii itti gabbisan barsiisaa turte.
'Ciree, laaqanaa fi irbaata qabna'
Waggoota torban darbaniif dhaabbanni CTAS jedhamu haala akkamiin midhaan akka mishingaa, garbuu fi boloqqee gosa adda addaa lafa cirrachaa irratti biqiluu danda'an oomishuun danda'amuu fi akkaataa biyyee gabbisan irratti deeggarsa gochaaf tureera.
Jiraattotni gandichaas haala akkamiin bubbee oomisha isaanii miidhuu danda'u akka ittisuu danda'an barataniiru.
''Amma ciree, laaqanaa fi irbaata qabna,'' jette Loharanoon.
Karaa tokko shumburaa dheedhii, baaqelaa, ataraa fi dinnicha [mixaaxisa] qabna. Amma ijoolleen isaanii garaan isaanii guutee oola.
Dhaabbatni CTAS jedhamu akkasuma hojii kana Kibba Madagaaskaar gandoota 14 keessatti hojiirra oolchuun abbootii warraa 10,000 ol gargaareera.
Ha atahu malee dhaabbatichi nama hunda gahuu waan hin dandeenyeef ammayyuu fedhii guddaatu jira.
Magaalaa naannichaa Ambovombe keessa ammoo miira waraanatu mul'ata. Bakka xiqqooo dhukkeen guute tokko keessa jarri tokko godoo buufatanii jiru. Isaan kan baqatan garuu beela malee waraana miti.
Akka Loharanofaa oomishuu waan hin dandeenyeef lafa qonnaa qabanii fi horii isaanii gurguruun jiraatu.
Falmii Jijjiirama Qilleensaa
Uummatni naannichaa qabeenya isaa qofa miti goginsa kanaan kan dhabe. Mahosoaan haadha warroota isaa keessaa tokko fi ijoollee isaa waliin achi jiraata. Akkuma goginsi jalqabeen ijoollee isaa gara dhumaa jiran afur waggaa sadii dura jalaa akka du'an hime.
''Beelaan gandichuma keessatti du'an. Guyyuma guyyaan tokko tokkoon najalaa du'an. Torban tokkoof homaa hin nyaanne. Waan nyaannus waan dhugnus hin qabnu.''

Madda suuraa, Sira Thierij/BBC
Mahoson ijoolleen isaa gariin magaala deemanii kadhachuun akka nyaataa fi bishaan bitanii galan natti hime.
Gargaarsi mootummaan kennuuf homaa isaan nu hin fayyadne jedhe.
Mootummaan bakkeewan miidhaman kanneeniif deeggarsa akka dhiyeessuu himuun bu'uuraalee misoomaa yeroo dheeraa haala naannichaa jijjiranis akka diriirsu ibseera.
Haa tahu amlee pirezidaanti Rajolinaan ariitiin furmaata kennuu dadhabuu irraa kan ka'e rakkoon walirati dabalame miidhaa guddaa geesisuun qeeqamu.
Namootni gariiin ammoo seenama keessatti naannichi ni qoollifatama jechuun himatu.
''Bara waraana kolonii Faransaay irratti godhamaa ture uummatni naannoo Androy akka riphee lolaatti koloneeffattoota faransaay irratti qabsaa'aa turan,'' jedhe haayyuun seenaa Dr Tsimihole Tovondrafle.
Kan irraa ka'uun warra Faransaay naannicha misoomsuu hin barbaadan jedhan.
''Daandii akkamiin akka hojjetatan hin yaadan. Erga bilisummaan as Madagaaskaar keessatti dhimma siyaasaa tahee tureera.''
Namootni kaan mootummaan ariitiin deeggarsa kennuu dhiise jechuun yoo qeeqan ministeerri eegumsa naannoo ammoo kanarraa yaada adda tahe qaba.

Dr Baomiavotse Vahinala Raharinirina hongeen kun maddi isaa jijjirama qilleensaati.'' Kun ilaalcha Sagantaan Nyaata Adunyaa rakkinichi sababa jijjirama qilleensaan mudate jedhuun waliin wal simata.
Gabaasni goginsa Madagaaskaar irratti World Weather Attribution dhiyeenya bahe fi qorannoo saayintisti Dr Rondro Barimalala of keessati hammate ammoo kana faalleessa.
Qorattootni kunneen akka jedhanitti dhiyeenya hammi roobaa qaqal'achuu fi fuulduratti gogiinsa fiduu carraan qabu dabalus hammi roobaa dhiyeenya kana xiqqaachuun garuu dhiibbaa dhalli namaa jijjirama qilleensaa irratti fide waliin wal hin qabatu jedhan.
Sababa hanqina roobaa maleeyyuu waggoota dhufanittis namootni kumaatamni dhiibbaa isaa kana waliin inuma jiraatu.
Ganda ishee jijjiiruuf hojii Loharanoon hojjetteen amma hawaasni ishee rakkoo namootni baay'een ittiin rakkatan jalaa bahuu isaaniitti baay'ee gammaddeetti.
Garuu namootni baay'een gargaarsa dhabuu isaaniin baay'ee gadditi.














