Lammiilee Madagaaskaar sababa beela hamaan 'dhoqqee nyaataa jiru'

Lafa hongeen rukutame, Madagaaskaar

Madda suuraa, Reuters

Kibba Madagaaskaar bakka lammiileen waggoota kurnan afurii oliif hongeefi beelaan dararamaa jiranitti namoonni waan nyaatan dhabanii 'dhoqqee nyaachuu' eegalan.

Sagantaan Nyaataa Addunyaa (WFP) rakkoon beelaafi hongee waggoota kurna afur caalan lakkoofsise yeroo ammaa daran hammaataa jira jechuun akeekkachiise.

Daarektarri jaarmiyaa kanaa David Beasley, tibbana bakka rakkoon mudate dawwataniiru.

Namoonni walakkaa miiliyoonaa caalan balaa hongee fi beelaan dararamaa jiraachuu kan ibsan qondaalli kun, namoonni 800,000 ta'an ammoo balaa kanaaf saaxilamuuf jiru jedhan.

Aab David gara kibba Madagaaskaar imaluu waan daawwataniin akkaan rifachuu dubbatu.

''Wanta ijaan argetti baayyeen rifadhe. Daa'imman lafee fi gogaa malee foon irra hi jiru. Maatiin waan nyaatan dhabuurraa kan ka'e dhoqqee nyaachaa jiru.''

Balaa suukanneessaan hawaasa nama dubbatuuf hin qabnee fi fageenyarra jiru mudachaa jiraachuusaa hawaasi addunyaa akka qubaatu dhaaman.

Rakkoo kana jijjiirama qilleensaatu fide kan jedhan qondaalli Sagantaa Nyaataa Addunyaa kun, ''hongee waggaa waggaan naannawa kana mudatutti hawaasa qe'eerraa mancaasee waan nyaatu dhabsiise malee dogongora isaaniitiin waan raawwate miti,'' jedhan.

Biyyoonni humna qaban lammiilee beelaan dhumaa jiran kunneen gargaaruun itti gaafatamummaa akka dhala namaatti irra jiru ba'achuu qabus jedhan.