Koronaavaayiras: Taanzaniyaan ‘qoricha Covid-19’ Madagaskaarirraa biitachuuf

Covid-Organics

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Covid-Organics

Pireezdaantiin Taanzaniyaa Joon Magufuulii, xiyyaara Madagaskaaritti eerguun dhugaatii aadaa qorichaa COvid-19’dha jedhame biyyasaaf fiduuf jedhu. Dhaabbati Fayyaa Addunyaa (WHO)n ammoo qorichii jedhame kun dhibee CXovid-19 kana wal'aanuu danda'uu isaaf raagaan tokkolle akka hin jirra beeksiseera.

Pirezdaantiin Kongoo- Biraazavilis dhugaatii kan biyya isaaf akka fidu waadaa seeneera.

Dhugaatiin kun biqilaa artemisiyaa jedhamu –kan qorichaa busaa irraa hojjatamurraatii hojjatama. WHO’n namotni ofiin of wal’aanuu akka dhiisaniif akeekkachiiseera.

Dhugaatiin Madagaaskaar baala biqiltuu kanaan dura qorichi busaa irraa hojjetamurraa hojjetame kun namoota 20 gadiirratti torban sadiif qofa erga yaalamee booda maqaa Covid-Organics jedhuun gabaarra ooleera jechuun qondaaalli waajjira pirezdaantii Taanzaniyaa Lova Hasinirina Ronoromaaroo BBCtti himaniiru.

Waa’ee dhugaatii Covid-Organics irratti, WHO’n ibsa BBCf ergeen “Covid-19 wal’aanufis ta’e offirraa ittisuuf namootni qoricha kamuu ofiin akka hin fayyadamne” akka gorsu ibseera.

Dhugaatiin kun biyyootii Afrikaa biroonis fudhatamaa jira.

Sanbata darbe Madagaskaar dhugaatii kan Ginii-Bisawoof ergiteetti.

Pireezdaantiin Madagarkaar dhugaatii kana Iquwaatoriyaal Giniifis erguuf akka jiran Tiwiitara gubbaatti barreesanii ture.

Pireezdaantiin Taanzaniyaa Joon Magufuulii haalaa itti weerara kanaaf deebii kennaa jiruun namoota hedduun qeeqameera.

Yeroo biyyootiin addunyaa sochii dhaabanii jiranitti inni garuu namootni bakkoota akka manneen amantaatti akka walitti qabamaniif jajjabeessera.

Akka WHO’n jedhutti weerara koronaavayirasii ittisuuf ejjennoo cimaa fudhachuuf Tanzaniyaan barfachuun ishee namootni dhibee kanaan qabaman akka dabalan taasiseera.

Biyyattii keessatti namootni 480 vaayirasichaan qabamuun isaani himamus Magufuuliin garuu lakkoofsi kun sirri akka hin taaneefi laabraatoorii biyyaalessaa akka shakkan dubbatu.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa