Koronaavaayiras: 'Weerarri Covid-19 misirroota barana walfuudhuuf turan karaa lamaan miidhe'

Musuroota cidharra jiran

Madda suuraa, Getty Images

Oromoota biratti sirni fuudhaafi heerumaa waltajjii firoroonniifi hiriyyoonni fagoofi dhiyoo jiran irratti walgahaniifi gammadan bakka guddaa qabudha.

Qophiin cidhaaf taasifamus guyyaa walkaadhimatanirraa eegalee maatiin lamaan cidha bareedaa qopheessuuf dhama'u, misirroonnis waahillan filatanii gama gama isaaniin cidhicha bareechuuf qophiin taasifama.

Warri misirrichaa ji'a hedduu dursanii uwwisaa maatii misirrittiif oolu qopheefatu, bullukkoo, jaanoo, sabbataafi guftaa fa'a.

Waqtiin amma keessa jirru kuni yeroo itti namni hedduun cidhaan bultii ijaarratu, sirbi cidhaa bakka hundaa itti dhagahamu ture.

Dhibeen koronaavaayirasii chaayinaarraa ji'oota muraasa dura ka'e amma mana misirroota hedduu seenee qophii isaan waggaaf itti qophaa'aa turan jalaa gufachiisee, guyyaa cidha isaaniis yeroo hin beekamnetti dabarsee jira.

Jiraataa magaala Adaamaa kan ta'e dargaggoo Sisaay Dhugaasaa, ayyaana faasikaa barii fuudhee mana bahuuf yeroon qophaa'etti koronaan karoora kiyya akka hin malle godhe jedha.

Cidha isaatiifis kaadhimaasaa waliin qophii guddaa gochaa turuu fi wantoonni qophaa'an hedduun kisaaraa keessa seenuus hima.

"Wantoota cidha kiyyaaf barbaachisan hedduu qopheesseen ture. Gidduutti dhibeen tasaa kuni dhufee labsiin yeroo muddamaatis labsame. Labsiin kunimmoo sirnoota akka cidhaa kana waan dhorkuuf kanammoo cabsitee cidha gaggeefachuu hin dandeessu" jedha.

Yeroo cidhisaa dhihaaterraa kaasuun uffata, konkolaataa, galma cidhaa, waraabbiiwwan viidiyoo fi kanneen biroo dursee kaffaltiin raawwadhes sababa Kanaan faayidaa malee hafe jedha.

Guyyaa cidhaa kana hawwiidhaan eegaan ture kan jedhu Sisaay gammachuu guddaan hawwiidhaan eege kuni sababa Kanaan yoo gufatu miira namaa akka jeequs hima.

"Xinsammuu namaa baayyee nama miidha. Kankoorra kan maatiimmoo nicaala. Maatiin baayyee hawwanii guyyicha gammachuudhaan eegaa turan. Yeroo akkasiitti waan akka kanaa yeroo muudatu karoora namaas ni jeeqa. Sammuu namaatiifis gaarii hin ta'u," jedha.

Qubeellaa

Madda suuraa, Getty Images

Jiraattuu magaala Amboo kan taate Dubree Hawwii Guddisaas, cidhikoo torbee muraasatti galeetu sababa koronaavaayirasiitiin guyyaansaa darbe jetti.

"Cidhikoo faasikaa barii torbee lamatti ture. Sababa dhibee kanaatin yoo darbu nan gadde. Baayyee nama gaddisiisa. Garuummoo rakkoon kuni waan akka addunyaatti dhufedha waan ta'eef homaa gochuun hin dandahamu jedheen of amansiise" jetti.

Qophiin maatii fi kaadhimashee waliin taasisaa turteen guyyaan gammachuu kiyya guddaan gaheera jedhee osoon eeguu darbuun muudannoo dagatamu mitis jetti.

"Jireenya kiyya keessatti akka mudannoo addaattin ilaala. Gara fuulduraattittilee kanin haasa'u jechuudha. Dhibeen kuni sagantaa kiyya waan gufachiiseef waa'eesaa yeroon dhagahuyyu nan aara. Wanti akkanaa nitaha jedhees yaadee hin beeku" jetti.

Itoophiyaan sababa weerara koronaavaayirasiitiin labsii yeroo muddamaa ji'oota shaniif turuun walitti qabama namootaa fi sirnoota akka cidhaa kan dhorkite.

Misirroonni cidhi isaanii jalaa gufate kunneen cidhi isaanii ji'oota shan booda akka ta'uu danda'uufuu wanti nama amansiisu hin jiru jedhu. Sababnisaas dhibeen kuni yeroo kana keessatti too'atamamoo itti fufa kan jedhu waan hin beekamneef.

Koronaavaayirasiin dhibeensaa yaaddoo nutti ta'ee, gammachuu keenyas gufachiisuun karaa lamana numiidhe kan jedhan misirroonni kunneen warra akka isaanitiif dhaamsa qabu.

"Namoota akka kiyyataif kanin dhaamu wana kuni kan carraan fidee irra buusedha. Bara keenyarra carraan fidee buuse. Amma dursa ofeeguurratti xiyyeefachuu qabna. Yoo jiraanne waan kana bira darbinee cidha keenyatti dhufna. Kanaafuu jalqaba balaa kana biyyaa fi maatii keenyarra dabarsinee cidha keenya sana booda godhachuu dandeenya" jedhan.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa