'Chaayinaan Raashiyaaf meeshaa waraanaa kennuu dandeessi' - Antoonii Biliinkan

Madda suuraa, Getty Images
Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan Chaayinaan waraana Yukireenif meeshaa waraanaa fi rasaasa Raashiyaaf kennuuf yaadaa jirti jechuun akeekkachiisan.
Bilinkan CBS'tti akka himanitti, duraanuu dhaabbileen Chaayinaa Raashiyaaf ''deeggarsaa meeshaa waraanaa hin taane'' kennaa jiru.
Odeeffannoo haaraan ammoo Beejiing ''deeggarsaa meeshaa waraanaa'' kennuu akka dandeessu agarsiisa jedhan.
Haalli kun ammoo Chaayinaaf ''bu'aa hamaa'' akka qabaatu akeekkachiisan.
Chaayinaan gama isheen gabaasaalee Moskoon meeshaalee waraanaa ishee gaafattee jedhan haaltee jirti.
Pirezidaantiin Chaayinaa Shii Jiinping michuu pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin yoo ta’an, weerara Raashiyaa hanga ammaatti hin balaaleffanne.
Garuu waldhabdee keessatti giddu galeessa ta’uuf yaaleera, akkasumas nagaa akka uumamufis waamicha dhiyeessee jira.
Bilinken CBS waliin kan dubbatan erga Samata konfarsansii Nagaa Muuniik irratti Dippilomaatii olaanaa Chaayinaa kan ta'an Wang Yi waliin wal arganiin booda ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tiba wal arganiittis ''Chaayinaan Raashiyaaf deeggarsa meeshaa waraanaa kennuu ni danda’eess jechuun yaaddoo guddaa'' akka qaban ibsu dubbatan.
“Hanga har'aatti dhaabbileen Chaayinaa... deeggarsa meeshaa waraanaa hin taane akka Yukireen keessatti itti fayyadamaniif Raashiyaaf yoo dhiyeessan agarreerra. Yaaddoon amma qabnu ammoo deeggarsa meeshaa waraanaa kennuuf akka jirtu odeeffannoo qabnurratti hundofneeti.”
Karoora Chaayinaan kana ilaalchisee US odeeffannoo akkamii akka argatte bal’inaan hin ibsine.
Chaayinaan maal dhiyeessu akka dandeessu Ameerikaan waan amantu ilaalchisuun yoo dubbatan ammoo, adda durummaan meeshaa waraanaa akka ta’u dana'u dubbatan.
Ameerikaan dhaabbata Chaayinaa kan suuraa saatalaayitii Yukireen dhaabbata Wagner Group jedhamufi kan Raashiyaadhaaf loltoota kumaatamaan lakkaa’aman dhiyeessuuf kenne jechuun qoqqobbii irra kaa’eera.
Bilinken CBS'tti akka himanitti, “Chaayinaa keessatti dhugaatti dhaabbilee dhuunfaafi kan mootummaa gidduu garaagarummaan hin jiru,'' jedhan.
Chaayinaan Raashiyaadhaaf meeshaa waraanaa yoo kennite, sun "rakkoo hamaa nufis ta'e hariiroo keenyarratti" fida.
Ameerikaan jalqaba baatii Guraandhalaatti afuuffee basaasaa kan Chaayinaati jedhamtu erga kuffifteen booda hariiroon Waashingitan fi Beejiing gidduu jiru baduu eegale.
Gami lachuu jechoota aarii walitti deddeebiisaa kan turan yoo ta'u, garuu ammoo lammanuu taatee kanaan qaana'anii gara fuulduraatti tarkaanfachuuf akka qophaa'an fakkaatu.
Haata'u malee Chaayinaan humnoota Raashiyaa Yukireen keessaa gargaaruuf meeshaa waraanaa yoo dhiyeessite, hariiroon Ameerikaa fi Chaayinaa baayyee hammaataa ta’a.
Akeekkachiisni Bilinken kunis Chaayinaan akkas akka hin goone dhorkuuf kan ta'e fakkaata.
Akkasumas Bilikan Chaayinaan qoqqobbii biyyoonni lixa dinagdee Raashiyaa kufisuuf irra kaa'an akka dandamattuuf gargaaruun ishee Ameerikaa yaaddeessuu dubbataniiru.
Daldalli Chaayinaan Raashiyaa waliin qabdu guddachaa kan dhufe yoo ta’u, Chaayinaan gabaa boba’aa, gaazii fi cilee Raashiyaa gurguddoo qabdu keessaa tokkoodha.
US dabalatee miseensonni NATO taankii dabalatee, meeshaalee waraanaa, rasaasaa fi meeshaalee adda addaa Yukireeniif ergaa jiru.
Xiyyaara waraanaa erguu irraa of qusataniiru. Bilinkan US biyyoota biroo jeettiiwwan akka dhiyeessan gargaaruu fi dhiisuu irratti dubachuu hin barbaanne
“Sirna meeshaa waraanaa addaa ta'e kamiyyuurratti akka hin xiyyeeffanne baay'ee ifa turre,” jedha.
Haata'u malee, biyyoonni lixaa Yukireen ''ji'oota dhufan keessatti'' haleellaa Raashiyaan irratti raawwachuuf deebii kennuu akka dandeessuuf waan ishee barbaachisu akka qabaattu mirkaneessuu akka qabdu dubbataniiru.
Raashiyaan yeroo ammaa naannolee baha Yukireen, bakka lolli hamaan itti gaggeeffameen babalafichuuf yaalaa jirti.
Wang kaleessa Muuniik keessatti akka jedhanitti, Chaayinaan waraana Yukireen kanaaf ''hojii malee cinaa hin dhaabbanne, yknis ibidda irrattis boba'aa hin darbanne'' jechuun Rooyitars gabaaseera.

Madda suuraa, Getty Images
Chaayinaan sanada waldhabdee kanarratti ejjennoo ishee ibsu ni maxxansiti jedhan Wang.
Sanadnichis walabummaa daangaa biyyoota hunda kabajamuu akka qabu ni ibsa jedhan.
“Lola kana dhaabuuf carraaqqii akkamii gochuu akka dandeenyu hunduu, keessattuu hiriyyoonni Awurooppaa tasgabbiidhaan yaaduu akka jalqaban yaada kooti,” jedhan.
Itti dabaluudhaanis "humnoonni tokko tokko mariin akka milkaa'u, ykn waraanni dafee akka xumuramu hin barbaanne fakkaatu" jedhan illeen garuu eenyu akka jechuu barbaade hin dubbanne.
Pirezidaantiin Chaayinaa, Shiin Guraandhala 24, waggaa tokkooffaa weerara Raashiyaan Yukireen irratti raawwatte irratti “haasawa nagaa” taasisuuf beellama qabaachuu isaanii Miinistirri Dhimma Alaa Xaaliyaanii Antooniyoo Tajaaniin himaniiru.
Obbo Tajaaniin raadiyoo Xaaliyaaniitti akka himanitti, haasaan Shii Raashiyaa osoo hin balaaleffatin nagaa akka waamu Rooyitars gabaaseera.
Walgahii isaanii irrattis Bilinken fi Wang waldhabdee Afuufee basaasaa Chaayinaa US irratti dhukaafame jedhame irratti ka’aa jiru irrattis jechoota ciccimoo wal jijjiiraniiru.
Bilinkan walgahii kanarratti US ''waan walabummaa keenya sarbamu kamiifuu akka hin obsine'' ibsuun ''gochi itti gaafatamummaa hin qabne kun lammata uumamuu hin qabu'' jedhan.
Bilinken CBS'tti akka himanitti, ''sagantaan afuuffee hordoffii'' Chaayinaa kan ardilee shan keessatti argame biyyoota biroos yaaddesseera
Waang ammoo dubbiin kun ''faarsi siyaasaa US'n oomishame'' jechuun ''Chaayinaa ugguruu fi ukkaamsuuf mala hunda fayyadamaniiru'' jechuun himate
Chaayinaan afuuffee basaasaa erguu haalteetti.
Akkasumas Sambata ganama Beejiing Ameerikaan dhima afuuffee kana irratti falmii yoo hammeessite ''bu'aa dubbii hammeessuu akka qabaatu'' akeekkachiifteetti.
Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaan dhimmicharratti ''hanga dhumaatti hordofti ni taasifte'' garuu ammoo ''US dhimmicha fayyadamuuf cimte'' jechuun Rooyitars gabaase.












