Ameerikaan ‘afuffee basaasaa’ Chaayinaatti dhukaasuun garba Atlaantiik irratti kuffiste

Afuffee Chaayinaa UStti argamte

Madda suuraa, Reuters

Ameerikaan afuffee guddaa Chaayinaan buufataalee waraanaa US keessa jiran akka basaasuuf ergite jette dhukaastee kuffiste.

Waajirri Ittisaa US jeettiin loltuu afuffee kana qaama bishaanii daangaa Ameerikaarra jirrutti gadi buusteetti jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ministeerri hajaa alaa Chaayinaa boodarra, ‘’waan tahetti gadduu ibsuun Ameerikaan afuffee siivilli namni keessa hin jirre haleeluu ni morminaa,’’ jechuun ibsa baaseer.

Miidiyaaleen US afuffeen kuni dhohinsa xiqqoon booda galaana irratti yoo kufu agarsiisaniru.

Jeettiin F-22 misaayela AIM-9X Sidewinder jedhamuun itti dhukaasuun, naannoo sa’atii 8:39tti gaafa Sanbata qarqara galaanaarraa maayila shan fagaatee kufee jedhan qondaaloti ittisaa Ameerikaa.

Caccabaan afuffee kanaa qaama bishaanii, dhihoo qarqara galaanaa Maayiraatil, Kibba Kaarolaatinaatti meetira 14 gadi lixeetu kufee, kunis gadi-fageenya isa tilmaamneen gaditti dha jedhan qondaaloti.

Waraanni biyyattii yeroo ammaa caccaabaa fageenya hamma km11 tahurratti kukkufee deebisanii walitti qabaa jiru.

Doonii lamaafi kireeniin tokko caccabaa afuffee kanaa walittii qabuuf iddichatti argamaniiru.

Ibsa Peentaagoon kenneen qondaalli gameessi US, ‘’ afuffee basaasaa Chaayinaa irraa of eeguuf tarkaanfiiwwan muurteessoo yeroo fudhataa turetti, odeeffannoon afuffee daangaa US dhufe irraa guurre hojii tikaa keenyarrtti bu’aa qaba, ‘’ jedhan.

‘’Afuffee kana sakatta’uufi qorachuu dandeenyeerra, suni immoo unuuf bu’aa qaba,’’ jedhan qondaalli kuni.

Erga afuffeen kuni daangaa Ameerikaa irratti Kamisa darbe mul’attee, itti dhukaafame haa kuftu jechuuun pireezidantiin biyyatti Joo Baayidan irratti dhiibbaan taasifamaa ture.

Erga afuffeen kuni kufteen booda, ‘’haala milkaa’aa taheen gadi-buusaniiru, ogeessota balalii kana raawwatan galateeffachuun barbaada, ‘’ jedhan pireezidantichi.

Ibsa sa’atii muraasa booda kenneen ministeerri hajaa alaa Chaayinaa, ‘’gama Chaayinaan afuffeen kan siiviilii akka taheefi akkasumas haala hin tilmaamamneen daangaa US seenuu irra deddeebiin himneerra,’’ jedhan.

Erga afuffeen kuni mul’attee rakkoon dippiloomaasii illee hordofeera, Ministirri Dhimma Alaa Antoonii Billinkan imala Sanbbattan kana gara Chaayinaa taasisuuf turan ‘’gochaa itti gaafatamummaan hanqate,’’ jechuun deemsa isaanii haqaniiru.

Qondaaloti Chaayinaa garuu afuffeen kan basaasaa tahuu haaluun, meeshaa haala qilleensaa raaguufi karaa irraa kaatee achi galee dha jedhan.