'Afuuffeen basaasaa' Chaayinaan qilleensa US keessa balaliistee fi biyyoota lameen walitti buuse maali?

Madda suuraa, Getty Images
Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antonii Bilinken Chaayinaan ''afuuffee ergama basaasaa of keessatti qabatte'' qilleensa US irra balaliinsuun''gocha fudhatama hin qabnee fi itti gaafatamummaa kan hin qabneedha,'' jedhan.
Mufannaa kanarraa ka'uun isa Beejiingi daawwachuuf ka'an dhiisan.
Karoorri daawwannaa haqame kun waggaa dheeraa booda Chaayinaa fi US kan walitti fidu ture.
Antonii Bilinken Chaayinaa daawwachuuf kan karoorsanii turan Guraandhala 5 fi 6, 2023 ture.
Dhimmoonni ijoon irratti mari'achuf turanis dhimma nageenyaa, dhimma Taayiwaan fi waa'ee Covid-19 ture.
Chaayinaan gamasheen afuuffeen qilleensa US irra balaliisaa turte akka qondaaltonni US jedhan osoo hin taane, haala qilleensaa qorachuuf ergama kan qabduudha jette.
Taateen kun wayita mufii fi walqoollifannaan US fi Chaayinaa gidduutti hammaataa jirutti mudachuun ammoo dubbicha daranuu arbeesse.
Afuuffeen ykn balloon jalqabaa qilleensa US irra osoo balaliituu kan argamte Kamisa darbe gaafa Guraandhala 1, 2023 ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Borumtaa isaa guyyaa Jimaataas afuuffeen basaasaa Chaayinaa kan dhibiin daangaa qilleensaa Ameerikaa Kibbaa keessatti argamuu Pentagon beeksise.
Afuuffeewwan Chaayinaa kunneen qilleensa US keessa balali'uun ergama basaasaa kan qabuu fi ''birmadummaa biyya keenyaa kan sarbuudha,'' jedhan Aab Bilinken.
Guyyaa Kamisaa qondaaltonni Ittisaa US afuuffee odeeffannoo walitti qabduu fi ergama basaasaaf deemaa turte olka'insa fagoorraa hordofaa akka turan ibsaniiru.
Biyyoota lameen gidduutti walbasaasuun haala kanaan hammaataa deemuu jechuun hariiroon isaanii daran laafuu mul'isa.
Afuuffeen basaasaa kun daangaa olka'iinsaa xiyyaarri keessa balali'u ol darbee balali'aa ture.
Humna waraanaas ta'e uummata nagaarraan miidhaan geessise akka hin jirre Pentagon ibseera.
Chaayinaan gamasheen taateen kun mudachuutti gadduun, dhimmicha furuuf qondaaltota US waliin akka mari'attu ibsiteetti.
Chaayinaan kaayyoon afuuffee kanaa qorannoo haala qilleensaaf ta'uu ibsitus, qondaaltonni US isa kana gonkumaa hin fudhanne.
Chaayinaan kaayyoo basaasaaf afuuffee kana qilleensa US keessatti gadi lakkifte jedhu.
Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidanis dhimma kanarratti tarkaanfiin Antonii Bilinken sirrii ta'uu ibsuu isaanii dubbi himaan White House ibseera.
Haala akkasii keessatti yeroo kana Chaayinaa daawwachuun sirrii miti jedhan.
Pireezidantii duraanii Donaald Tiraamp dabalatee qondaaltonni paartii Rippabilikaan hedduun US akka afuuffee kana rukuttee buustu gaafataniiru.
''Afuuffettii rukutaa buusaa,'' jedhan Tiraamp karaa miidiyaa hawaasummaa dhuunfaa isaanii- Truth jedhamuun ergaa barreeffamaa gabaabduu maxxansaniin.
Chaayinaan dhiheenya kana afuuffeewwan qilleensarra gadhiisuun ergama waraanaa, odeeffannoo qilleensaa, ergama basaasaa fi guddina teeknooloojiif akka dhimma itti baatu dhaadataa jirti.
Bara 2022 keessa ministeerri ittisaa Taayiwaan afuuffee Chaayinaan daangaasaanii keessatti gadhiiste adda baasuu ibseera.












