Keeniyaan lammii Itoophiyaa dabalatee namoota shororkeessummaan shakkite ifa goote

Madda suuraa, Kenya Government
Haleellaa tibbana magaalaa qarqara Garba Guddaa Indiyaa Laamuutti qaqqabeef Keeniyaan shakkamtoota 35 ifa goote keessaa lammiin Itoophiyaa akka jiru ibsame.
Ministeerri Dhimma Biyya Keessaa biyyattii eenyummaafi suuraa shakkamtoota kanaa ifa godheera.
Kanneen keessaa lammummaa Itoophiyaa, Tanzaaniyaa, Jarmaniifi Ingilizii qaban keessa jiru. Baay’inaan garuu lammiileedhuma Keeniyaati jedhameera.
Shakkamtoota maqaan isaanii eerame keessaa lammiin Itoophiyaa Jaangilee Huteyibaa kan Naannoo Somaaleerraa dhufe jedhame akka jiru mootummaan ibseera.
Dhimma kanarratti gama Itoophiyaan wanti jedhame hinjiru.
Kunneen daandiiwwan biyyattii garagaraatti fanjii kiyyeessuuniifi daandii Laamuu-Wituu-Gaarsan geessu gubbaa lammiilee nagaa ajjeesuun shakkaman.
Buufata waraanaa Ameerikaa Laamuu Maandaa Beeyitti dhaqqabeenis shakkamuun isaanii ibsameera.
Ministeerri Dhimma Biyya Keessaa Keeniyaa shakkamtoonni kunnneen ''kan hidhataniifi hamoo'' ta’uufi miseensa garee al-Shabaab ta'uu isaanii hime.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gareen hidhattoota al-Shabaab haleellaa raawwate jedhamee shakkameen Laamuufi bakka Bonii jedhamutti lubbuu galaafateera.
Ministirri Biyya Keessaa Keeniyaa Kituure Kindikii ‘’shakkamtoonni buufata poolisii dhihoo isaanii jirutti deemuun harka isaanii akka kennan gaafanna.
‘’Yoo harka kennuu baatan lafa jiran barbaannee waan isaaniif malu kenninaaf,’’ jechuu isaanii miidiyaa biyya keessaa sitiziin jedhamu gabaaseera.
Dabalataan, namni bakka isaan jiran odeeffannoo qabuufi qoodeef badhaasi guddaa garuu hammi isaa hin ibsamne akka kennamuuf ibsameera.
Haleellaa shororkeessumaa Keeniyaa keessatti baatiiwwan muraasa darban raawwate jedhameen lammiileen nagaafi humnoonni nageenyaa ajjeefamaniiru.
Mootummaan Keeniyaa akka jedhetti, kanneen badii raawwatan to’achuun murtee seeraa akka argatan wanti barbaachisu marti ni taasifama.
Gareen hidhattoota al-Shabaab yeroo dhihootti kaaba-bahaa darbees qarqara Garba Guddaa Hindiitti haleellaa cimseera.
Buufati hidhattoota kanaa Somaaliyaa yoo ta’u mootummaan Somaaliyaa haleellaa bal’aa irratti bane akka jiru ibsuun isaa ni yaadatama.












