Rayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa haleellaa al-Shabaab ofirraa qolachuu ibse

Madda suuraa, FDRE Defense Force
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa haleellaa loltoota al-Shabaab dursee ofirraa qolachuu ibse.
Hidhattoonni al-Shabaab Somaaliyaa bakka Roob Dirree jedhamutti haleellaa irraan ga'uuf aggaamuu kan ibse Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa, ''karoorri al-Shabaab guutummaatti fashaluun raayyaan ittisaa loltoota saanii barbadeesseera,'' jechuun toora Feesbuukii isaarratti barreesse.
Hoogganaan kutaa waraanaa haleellaan irratti aggaamamuu ibsamee Koloneel Fayyisaa Ayyalaa ''Hidhattoonni kunneen konkolaattota fanjii fe'an sadii fi namoota fanjii hidhatan 12 of keessaa qabu,'' jedhan.
Gareen al-Shabaab kun hidhattoota 450 qabatee akka haleellaa gaggeessuuf bobba'e himata kan jedhu ibsi Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa, hidhannoo fanjii fi miseensota jedhaman barbadeessuu ibseera.
''Miseensonni raayyaa ittisaa kutaa waraanaa sana keessatti argaman humna badii qaqqabsiisuuf aggaame kana barbadeessuun karoora diinaa fashalsaniiru,'' jedhan Koloneel Fayyisaan.
Qondaalli waraanaa Shaambal Xilaahun Damisee gamasaaniin, gareen kun humna hidhate hedduu fi fanjii konkolaattotatti fe'ee badii raawwachuuf bobba'us loltoonni Itoophiyaa qindoominaan hojjechuun irra aananiiru jedhan.
''Loltoonni kutaa waraanaa lamaa qindoomanii hojjechuun humna al-Shabaab badiif qophaa'e dursuun barbadeessaniiru,'' jedhan qondaalli waraanaa kun.
''Ammas taanaan bakka hidhattoonni al-Shabaab jiran hunda adamsuun balleessinee naannawa kanatti nageenya ni mirkaneessina,'' jedhan
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hidhattoonni al-Shabaab Somaaliyaa fi biyyoota baha Afrikaa keessa socho'uun daangaa Itoophiyaa kallattii bahaan jiru gooluudhaan yeroo hedduu maqaansaa ka'a.
Gareen kun yeroo garaagaraatti kutaalee baha Itoophiyaan jiran keessaa nageenya balleessuun burjaajii uumuuf yaalus garuu miseensota raayyaa ittisaan barbadaa'eera jedha ibsi gama Itoophiyaatii ba'e.
Dhuma torbee darbee irratti al-Shabaab loltoota Itoophiyaarratti haleellaa banuun namoota hedduu ajjeesuu miidiyaaleen gabaasaniiru.
BBCn addatti odeeffannoo kana argatee hin mirkaneeffanne.
Akka Sagaleen Ameerikaa (VOA) gabaasetti Dilbata darbe gaafa Fulbaana 17, 2023 konkolaataa loltoota Itoophiyaa fe'ee ture irratti al-Shabaab haleellaa raawwachuun miidhaa geessiseera.
Haleellaan kun Somaaliyaa naannawa Kibba lixa Bakook jedhamutti raawwate jedha gabaasi kun.
Tibbanuma ammoo hogganaan al-Shabaab Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa waggaa tokko dura ajjeeseera jedhe, Somaalilaand keessaa sochii shororkeessummaa hogganaa jiraachuun dhagahameera.
Ministeerri Haajaa Alaa Somaalelaand Sanbata Xiqqaa darbe ibsa baaseen hooggantoota al-Shabaab keessaa tokko Fu'aad Mohaammed bulchiinsa Laasanaadoo keessatti sochii shororkeessummaa hoogganaa akka jiru ibse.
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Adoolessa bara darbee hogganaa dadammaqinaa fi piroopagaandaa garee hidhattootaa al-Shabaab Fu'aad Mohaammed dabalatee namoota biroo sadii duula gaggeesseen ajjeesuu beeksise.












