Itoophiyaan buufata waraanaa isheerratti haleellaa al-Shabaabiin yaalame qolachuu himte

Itoophiyaan yaalii haleellaa Al-Shabaab fashaleessuu himte

Madda suuraa, AFP

Itoophiyaan har’a yaalii haleellaa gareen al-Shabaab buufata waraanaa ishee irratti gaggeesse fashaleessuu himte.

Al-Shabaab Roobii ganama naannoo daangaa Itoophiyaa fi Somaaliyaa magaalaa Doollootti buufata humna waraanaa Itoophiyaa irratti yaalii haleellaa gaggeessuu ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa toora Tiwiiterii isaa irratti barreessera.

''Humni Ittisaa Biyyaalessaa Itoophiyaa gareen al-Shabaab haleellaa gaggeessuuf yaale osoo miidhaa guddaa hin dhaqabsiisiin ofirraa qolateera.

Humni Itiisaa Itoophiyaa garee haleellaaf ergame dhabamsiisuun meeshaa dhohinsaaf itti fayyadamuuf turanis hojiin ala godheera,’’ jedhe ibsi mootummaa Itoophiyaa.

Buufanni waraanaa loltoota Itoophiyaa Kibba Somaaliyaa magaalaa Doolloo irraa gara kiilomeetira lamaa fi sadii tahu fagaatee argama.

Miidiyaan mootummaa Somaaliyaa SONNA jedhamu akka gabaasetti humni waraanaa Itoophiyaa duula mootummaan Somaaliyaa hidhattoota al-Shabaab irratti gaggeessu deeggaran haleellaa garichaan isaan irratti yaalame fashaleessaniiru.

Al-Shabaab garee badanii balleessuu lama gara buufata waraanaa Itoophiyaa kanatti ergus, loltootni eegumsa irra turan dursanii barbadeessaniiru jedhe.

Haa tahu malee, miidhaan akkamii loltoota isaa irra akka gahe mootummaan Itoophiyaa homaa hin ibsine.

Miidiyaan SONNA konkolaataan badanii balleessitootni fayyadaman jalqabaa Toyota Surf Hilux galma buufatichaa irra gahuun boombii dhoosuun loltootni afur madaa’uu qondaala olaanaa mootummaa Somaaliyaa irraa mirkaneesseera jedhe.

Haa tahu malee, konkolaataa lammaffaan haleellaaf ergamte bakka buufatichaa osoo hin gahiin loltoota Itoophiyaan barbadaa’uu gabaase.

Loltootni Itoophiyaa, Somaaliyaa keessa buufatanii jiran qaama humnoota naannichaa garee Al-Shabaab irratti oppireeshinii gaggeessaniiti.

Mootummaan Somaaliyaa garee -Al-Shaab irratti marsaa jalqabaa oppireeshinii gaggeessa ture xumuruun marsaa lammaffaatti jira.

Oppireeshinii kana irratti loltootni biyyoota ollaa akka Keeniyaa, Itoophiyaa fi Jabuutii hirmaataa jiru.

Al-Shabaab tibbana buufata waraanaa loltoota Yugaandaa Somaaliyaa keessa jiru haleelluun miidhaa irraan geesiseera.