US Somaaliyaatti hidhattoota al-Shabaab qilleensaan haleeluu himte

loltoota al-Shabaab

Madda suuraa, AFP

Humni Waraanaa US loltoota mootummaa Somaaliyaa deeggaruun haleellaa qilleensarraa raawwateen hidhattoota al-Shabaab 30 ajjeesuu beeksise.

Haleellaan kun magaalaa guddoo Somaaliyaa Moqadishoo irraa gara Kaaba Bahaatti km 260 fagaatee magaalaa argamu Galcad jedhamutti.

Guyyoota muraasa darban humnootni mootummaa Somaaliyaafi hidhattootni al-Shabaab magaalittii to'achuuf waraanatti turan.

Ajajaan waraana US damee Afrikaa haleellaan qilleensaa Jimaata raawwate kun wayita humni hidhattootaa 100 ta'u loltoota mootummaa Somaaliyaarratti haleellaa cimse ta'uu ibse.

Isa dura hidhattootni kun buufata waraanaa mootummaa biyyattii Galcad jiru haleeluun loltoota torba ajjeesanii turan.

Haleellaa kanaan loltootni ajjeefamuu Ministeerri Odeeffannoo Somaaliyaa ibsee ture.

al-Shabaab mootummaa gidduugaleessaa Somaaliyaa kan waraanuu eegale bara 2006 irraa eegalee yeroo ta'u, magaalaa Moqaadishoo keessaa ari'amuus kutaalee biyyattii adda addaa to'atee gibira sassaabuun of jabeessa, haleellaas raawwata.

Mootummaan Somaaliyaa Wiixata darbe magaalaa Harardhere jedhamtu kan bara 2010 irraa eegalee ulaa dhiyeessiin hidhattootaaf itti galu ture to'achuu beeksiseera.

Haleellaa Jimaata humni waraanaa US fudhate kanaan konkolaattotni hidhattootaa sadii barbadeeffamuu fi namni nagaan haleellaa kanaan miidhame akka hin jirre waranni US damee Afrikaa ibseera.

''Humni waraanaa ajaja Afrikaa al-Shabaab kan michuu al-Qaayidaa ta'ee nama ajjeesuun addunyaatti beekamu injifachuuf humnoota hirphuuf leenjii, gorsaafi gahumsa kennuu itti fufuu'' jedheera ibsa baaseen.