Dureewwan biyyoota Baha Afrikaa afur al-Shabaabiin 'adamsuufi balleessuuf' walta'an

Madda suuraa, Farhan Jimale
Bulchitoonni biyyoota Baha Afrikaa afur yaa'ii Somalia-Frontline States Summit irratti hirmaatan al-Shabaabiin Somaaliyaa keessaa adamsuufi balleessuurratti walta'an.
Dureewwan Itoophiyaa, Somaaliyaa, Keeniyaafi Jabuutii yaa'ii duula al-Shabaab irratti gaggeefamu irratti mariyachuuf magaalaa Moqaadishootti wal arganii turan.
Dureewwan kun ammas naannolee Somaaliyaa keessatti harka hidhattoota al-Shabaab jala jiran waliin ta'uun duuluun bilisa baasuuf waliigalaniiru jedhe dubbii himaan mootummaa Somaaliyaa Farhaan Jimaalee.
Yaa'iin dhimma kanarratti Moqaadishootti wayita gaggeefamuu eegaletti magaalaa guddoo Somaaliyaa Moqadiishoo keessatti haleellaa boombiin raawwatee ture.
Bombiin si’a afur gubbaatti dhohe naannawa masaraa mootummaan haalaan eegamu rukute jedhame malee xiyyeeffannoo haleellichaa fi miidhaa qaqqabe irratti odeeffannoon dabalataa hin argamne.
Marii kanarratti hirmaachuuf Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad dabalatee pirezidantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo fi kan Jibuutii Omaar Gillee argamaniiru.
Mariin kuni yeroo mootummaan Somaaliyaa hidhattoota michuu al-Qaayidaa ta’un isaanii himame irratti tarkaanfii cimsaa jirutti ta’ame.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad marii kanaan cinatti qondaaltota waraanaa Itoophiyaa miseensota garee nagaa kabachiisaa Gamtaa Afrikaa jalatti bobba'an waliin mariyachuu ibsaniiru. Adeemsa duulichaa irratti ibsi kennamuufis dubbatan.
Haaluma walfakkaatun Pireezidantii Keeniyaa Uhuuruu Keenyaatta waliin achuma Moqaadishooti wal-arguun hojii waloo misoomaa bu'uraan walitti hidhamuu, daldalaafi inveestimeentii guddisuurratti dubbachuu ibsaniiru.

Madda suuraa, Villa Somalia
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Al-Shabaab ammallee bakkeewwan Somaaliyaa gara caalu to’atee jira, haleellaas raawwataa jira.
Haa ta’u malee, erga mootummaan Somaaliyaa Ameerikaafi loltoota Gamtaa Afrikaan deeggaramuun Hagayya darbe eegalee haleellaa cimsan booda bakkeewwan hedduu dhabeera.
Marii dureewwan guyyoota lamaaf akka turu himame kanarratti, haala loltoonni Gamtaa Afrikaa kan bara 2007 irraa kaasee Somaaliyaa keessatti bobba’ee biyyattii keessaa itti bahurrattis akka mari’atan eegama.
Gareen hidhattoota Al-shabaab kanaan dura biyyoota ollaa kan akka Keeniyaa fa’a keessatti haleellaa kan raawwate yoo ta’u, daangaa Itoophiyaa ce’uunis Adoolessa keessa haleellaa raawwateera.
Yeroo sanattis humni addaa Naannoo Somaalee hidhattoota gara Itoophiyaa seenanii turan waliin wal waraanuun miseensoota garichaa hedduu ajjeesuu himun ni yaadatama.
Pirezidantiin naannoo Somaalee Musxafee Mohaammad ‘‘haleellaan Itoophiyaa irratti aggaamame haala qabatamaa qaxanichaa waliin walqabate qophiin cimee itti fufuu akka qabaatu kan agarsiisuudha’’ jedhanii ture.












