Haleellaa boombii Somaliyaan maatii tokkoo keessaa namooti sagal ajjeefaman

qawwee

Madda suuraa, Getty Images

Somaaliyaa, bulchiinsa Hiraan keessatti, haleellaa boombii konkolaataarratti dhoofameen maatii tokkoo keessaa miseensoti sagal ajjeefamuu, namootni ijaan argan BBC’tti himan.

Dabalataan namootni 26 biroon ajjeefamuu isaanii, itti aanaan komiishinara poolisii naannichaa Reuters’tti himeera.

Al-Qaayidaa wajjiin hidhata kan qabu gartuun al-Shabaab haleellaa kana duuba akka jiru ibseera.

Komiishinarrii maagalaa Mahaas akka jedhutti, manni isaa fi mannii miseensa paarlamaa naannicha xiyyeeffannoo haleellaa kanaa turani.

Yerooma sana haleellaa lammaffaa gabaa irratti xiyyeeffatee akka gaggeefame, bulchaan Mahaas, Mumiin Mohammed Halanee BBC’tti himaniiru.

Kanneen ijaan argan akka jedhanitti, dhohinsi boombichaa cimaa waan tureef namootni fageenyarra turanillee caccabaa achirraa furguggifameen madaa’aniiru.

“Kun haleellaa hamaadha,” jechuun namni ijaan arge Adan Hassan, waa’ee reeffa namootaa arge yemmuu ibsu dubbachuu isaa AFP gabaaseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hooteela Moqadishuu beekamaa tokko irratti haleellaa gaggeeffameen namootni 20 ol ajjeeffamuu isaanii hordofee, PireezdaantiHassan Sheek Mahamud Haggayyaa keessa “waraana guutuu” gartuu Islaamummaa finxaaleessan irratti labsuu isaanii booda, ji’oottan dhiyoo keessatti al-Shabaab naannoo qabate dhabaa dhufeera. Ji’oota lamaan booda, haleellaan boombii konkolaataan fayyadamamu daandii namooti hedduu fayyadaman Moqaadishuu jiru irratti gaggeeffame, yoo xiqqaate namootni 100 ajjeefamaniiru. Al-Shabaab haleellaa kanaaf itti gaafatamummaa fudhateera. Itti aansuun Pireezdaant Mohamud, magaaloota fi gandoota al-Shabaab to’atee jiru gadhiisisuuf humna waraanaa Somaali fi milishaa gosotaa mootummaan deeggaraman bobbaasaniiru. Naannolee to’atanii turan dhaabaa dhufus, al-Shabaab gidduu galaa fi kibba Somaliyaa keessatti haleellaa gaggeessuu itti fufeera. Humnooti Walinii Afrikaa fi US lola Somaaliyaan al-Shabaab irratti bantee jirtu gargaaruuf fandiin baasaniiru.