Somaaliyaa: Hoteelli beekamaan Moqadishootti argamu hidhattoota al-Shabaabiin haleelame

Madda suuraa, Reuters
Hoteelli beekamaan magaalaa guddoo Somaaliyaa Moqadiishootti argamuufi aangawoonni mootummaa keessa akka turan beekamu haleellaan irratti baname.
Akkuma haleellaan hoteela Villa Rose irratti banameen, Ministeerri Naannoo Adam Aw Hirsii jedhaman haleellaa kanarraa ooluu ibsan.
Gabaasonni hin mirkanoofne Ministeerri Nageenyaa Somaaliyaa Mohaammad Ahimad jedhaman akka miidhaman mul’isu.
Hoteelli kuni masaraa mootummaa Somaaliyaa irraa adeemsa miilaa xiqqoo booda argama.
Hidhattooti al-Shabaab waggoota 15’f mootummaa giddugaleessa Somaaliyaa lolaa jiran hoteelicha irrati haleellaa banuu ibsaniiru.
Akka poolisiin Rooyitarsitti himetti, kanneen haleellaa raawwataniifi lakkoofsaan hin ibsamne qawweefi dhodhootuu qabatanii turan.
Nami ijaan arge tokko waan mudate yoo ibsu jalqaba ‘’dho’insa guddaa eegasii dhukaasa jabaatu adeemaa ture’’ jedhe.
‘’Baay’ee rifanne,’’ jedhe nami bakka haleellaan raawwate dhihootti jiraatu Ahimad Abdullaahi. ‘’Mana keessa teenyee dhukaasa dhagahaa turre.’’
Aangawooti mootummaa muraasni eega karaa foddaa bahan booda baraaramuu qondaalota poolisii keessaa tokko Mohaammed Abdii himaniiru.
Baatii Hagayya keessa hoteela beekamaa Moqadiishuu keessa namootni 20 eega ajjeefaman booda Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Shek Mohaammud al-Shabaab irratti waraana bananiiru.
Taaten suni aangootti bahanii ji’oota sadii booda mudate.
Ji’a lama boodammoo boombiin konkolaataarratti kiyyeeffaman lama magaalaa bakka namni baay’atutti dhohee yoo xiqqaate namoota 100 ajjeese.
Badii kanaafis al-Shabaab itti-gaafatamummaa fudhateera.
Pirezidant Mohaammud waraanaa Somaaliyaafi milishoota gosaa sochoosuun yeroo hidhattoota al-Shabaab irratti haleellaa bananii jiranitti kuni dhaqqabe.
Kaayyoon hidhattoota al-Shabaab mootummaa Somaaliyaa buqqisuun mootummaa ofii ijaaruudha.












