Somaaliyaan "al-Shabaab" akka maqaa isaatiin hin waamaneef maaliif dhorkite?

Loltoota al-Shabaab

Madda suuraa, AFP

Ministeerri Dhimma Amantii Mootummaa Somaaliyaa garee hidhataa “al-Shabaab” jedhamu maqaa isaatiin akka hin waamamne dhorke.

Maqaan garee hidhataa kanaa “al-Shabaab” jedhu kun jecha afaan Arabaa yoo ta’u hiikkaan isaa ammoo “dargaggoota” jechuudha.

“Ka’umsa isaa Somaaliyaa bakka keessa maadheffate godhachuun biyyoota ollaa keessas kan socho’u al-Shabaab, shororkeessummaan farrajameera.

Mootummaan Somaaliyaa garee kana dadhabsiisuuf duula cimaa gaggeessaa kan jiru yoo ta’u, fudhatamummaa gareen kun qabu hir’isuuf tarkaanfiiwwan gara garaa fudhachaa jira.

Ministeerri Dhimmoota Amantii biyyattii maqaa gareen hidhataa al-Shabaab itti gargaaramaa ture dhorkuutiin ala uummanni garee kana maqaa “Khawarij” jedhuun akka waamuufis gaafateera.

Maqaan “Khawarij” jedhu kun ammoo maqaa gareen Islaamummaa irraa gore ittiin waamamu yoo ta’u, Musliimota hedduu biratti fudhatama kan dhabsiisudha.

Dabalataanis Ministeerri Dhimmoota Amantii Somaaliyaa kun ibsa baaseen gaggeessitoonni amantii hidhattoota al-Shabaab waliin hidhata qaban waliin waliigaltees ta’e hariiroo akka hin qabaanne dhorkeera.

Mootummaan Somaaliyaa akka jedhutti, akkaataa qajeelfama haaraa baheen al-Shabaab maqaa “Khawarij” itti moggaasuun kan barbachiseef duula garee kana dadhabsiisuuf taasisaa jiru cimsuufidha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Maqaan kun garee hidhataa al-Shabaab kanaaf mootummaa Somaaliyaatiin kennamuun yeroo jalqabaatiif miti.

Waggaa torba duras garee kana uummatarraa adda baasuuf moggaasni haaraan kennameefiif ture.

Bara 2015 keessas mootummaan Somaaliyaa dhaabbanni sabaa himaalee al-Shabaabiin jecha gabaajee "Ugus", jedhuun akka waamaniif ajaja dabarsee ture. Hiikni jecha gabaajee kanaas, “Garee uummata Somaaliyaa fixu” ibsa jedhurraa kan fudhatamedha.

Kana hordofee ammoo al-Shabaab gaazexeessitoota dabalatee namni kamiyyu ajaja mootummaa fudhatee garee kana maqaa moggaafame kanaan kan waamu yoo ta’e tarkaanfii akka fudhatu akeekkachiisee ture.

Tarkaanfiiwwan mootummaan Somaaliyaa al-Shabaab irratti fudhachaa jiru keessaa jalqaba ji’a kanaa irra sabaa himaaleen biyya keessaa kamiyyu sochii garee kanaa ilaalchisuun gabaasa kamillee akka hin hojjenne dhorkuun isa ani yaadatama.

Pirezidantiin haaraa Somaaliyaa Caamsaa darbe erga gara aangootti dhufaniin booda, duula al-Shabaab irratti gaggeeffamaa ture humnoonni mootummaa milishoota gosaa waliin ta’uudhaan cimsanii itti fufaniiru.

Al-Shabaab eenyu?

Al-Qaeda waliin hidhata akka qabu kan himamuuf al-Shabaab, Somaaliyaatiin alatti biyyoota Gaafa Afrikaa keessatti haleellaa raawwatuun beekama.

Al-Shabaab, Afaan Arabaatin, Dargaggoota jechuudha.

Jihaadistoonni biyyoota alaarraa al-Shabaab gargaaruuf gara Somaaliyaa akka dhaqan hedduu gabaafameera. Biyyoota ollaa jiran dabalatee, Ameerikaa fi Awuroppaa irraas kan dhaqan jiru.

Ameerikaa fi Ingiliizin garee kana shororkeessaa jechuun galmeessaniiru. Gareen kun Loltoota 7,000 hanga 9,000tti qaba jedhamee amanama.

Al-Shabaab gosa Islaamummaa Saawudii Arabiyaa, Waahaabii Ennaa leellisan; Somaalonni hedduun Suufiidha.

 Naannoowwan to'atettis seera Shariyaa hojiirra oolcheera.

Dubartii sagaagalummaan himatamte, dhagaan reebanii ajjeesuu fi hattuu harka irraa kutuu dabalata.

Akka damee warra Yuniyeenii Manneen Murtii Isalaamaa (Union of Islamic Courts) kan bara 2006 keessa Moqaadishoo to'atanii turaniitti ijaarame.

Miseensonni neetiwoorkii basaasaa keessa jiran ammoo lakkoofsi isaanii 500 hanga 1,000 ni ta'a Maddi galiin guddaan gibira sassabuufi maallqa eegumsaa