Hogganaan duraanii al-Shabaab Somaaliyaatti ministira ta'e

Muktaar Roboow

Madda suuraa, Reuters

Hogganaa itti-aanaa fi dubbii himaan duraanii garee hidhattotaa Somaaliyaa keessa socho’u al-Shabaab ministira tahuun muudame.

Muktaar Roboow ministira dhimma amantii tahuun kaabinee haaraa mootummaa Somaaliyaa keessatti filatameera.

Hoggansa mootummaa Somaaliyaa duraanii keessatti garee hidhataa al-Shabaabiif hojjechuun himatamuun waggaa afuriif hidhaa mana keessaatti dabarseera.

Yaada fiinxaalessummaa dhiisuu diduunillee himatamaa ture.

Erga inni to’annoo jala ooleen booda hokkora ka’een namoonni 20 ta'an ajjeefamaniiru.

Bara 2015tti garaagarummaa ejjennnootiin al-Shabaab irraa adda bahuun garee hidhattootaa ofiisaa hundeessees ture.

Yeroo tokko Ameerikaan tarree shororkeessummaan namoota barbaadaman jalatti eertee ture.

Nama akka qabamu gargaareefis doolaara miliyoona shan nan kenna jettee turte. Bara 2017tti garuu tarree kana jalaa baasteetti.

Nama kana ministira dhimmoota amantii gochuun filachuun al-Shabaab irratti waraana ilaalchaa banuu tahuu mala.

Haatahu malee filatamuunsaa yakka wayita garee al-Qaayidaa wajjin hidhata qabuuf hojjetu dalage dhoksuudha kanneen jedhanis jiru.

Al-shabaab mootummaa Somaaliyaa hawaasa addunyaan deeggaramun faallaatti, biyyatti keessatti irra deddeebiin haleellaa raawwata. Biyyoota ollaatti ce’unis haleellaa raawwateera.