Okkara Somaaliyaa: Muktaar Rooboow Baayidowaa keessatti qabamuun okkara kaase

Madda suuraa, Reuters
Hogganaan duraanii Al-shabaab Muktaar Rooboow to'annaa jala ooluun wal qabatee Kibba Somaaliyaa magaala Baayidowaa keessatti okkara uumameen looltootafi namoota nagaa dabalatee namootni 11 ajjeefaman.
Namoonni kun kan ajjeefaman deeggartoonni Muktaar Rooboow qabamuu isaa mormuuf karaatti bahan, humnoota nageenya waliin waliitti bu'anii akka ta'ee BBC'n odeeffateera.
Muktaar Rooboo kaleessa loltoota Itoophiyaa humna ergama addaa Gamtaa Afrikaa AMISOM'n to'annaa jala oolfame.
Akka mootummaan Somaaliyaa jedhutti Muktaar Rooboow kan qabame rakkoo nageenyaa uuma jedhameeti.
Bara darbe Al-shabaab keessa kan miliqe nami kun filannoo torbe dhufuu irratti pireezidantii kutaa biyyaa Kibba-Lixa Somaaliyaa ta'uuf dorgomaa ture.
Buufatni raadiyoo Somaalii tokko suuraa okkara magaalaa Baayidowaa keessatti uumame mul'isu Tiwiitara irratti maxxansee jira.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Akka Rooyitars jedhutti namoota ajjeefaman keessaa tokko miseensa paarlaamaa naannichaa kan ta'an manguddoo Saalee Isaaq jedhamani.
Eenyummaan loltoota okkara kanaan ajjeefamanii hin baramne jedha gaazexeessaan BBC Moqadiishu jiru Ibraahiim Adan.
Loltoonni Itoophiyaa ergama Gamtaa Afrikaa jala jiran magaalattii keessaa buufata qabu.













