Ajajaan Alshabaab duraanii filannoo pirezedaantummaa irratti hirmaachuuf

Madda suuraa, Getty Images
Ajajaan waraanaa garee Jihaadistootaa Alshabaab duraanii filannoo naannoolee ji'a dhufu Somaaliyatti gaggeefamu irratti hirmaachuun akka barbaadu hime.
Muktaar Rooboo garee Alshabaab keessaa bara 2012 bahuun mootummaatti harka kenne.
Muktaar Rooboo filannoo pirezedaantummaa Somaaliyaatti ji'a dhufu gaggeefamu irratti hirmaachuun pirezedaantii Naannoo Kibba Lixaa tahuu akka barbaadu himeera.
Filannicha irratti yoo mo'ates mootummaa federaalaa Moqaadishoo jiru waliin hariiroo cimaa uumuu akka barbaadu himeera.
Naannoon Kibba Lixaa kun mootummaa federaalaa waliin dhimmmoota bulchiinsaa tokko tokko irratti walii galtee guutuu hin qaban.
Muktaar Rooboo namoota Alshabaab hundeessan keessaa tokko yoo tahu, bara 2000 al-Qaayidaa waliin Afgaanistaanitti leenjii fudhateera.
Haa tahu malee, akka inni dubbataa turetti garaagarummaa faalasama siyaasaa gidduu isaaniitti uumameen garicha dhiisee bahuun garee mataasaa hundeeseera.
Gareen Muktaar kun garee Alshabaab waliin wal waraanaa tureera.
Bara darbe yeroo gabaasonni Muktaar Rooboo mootummaa Somaaliyaa waliin mari'ataa jira jechuun bahan, mootummaan Ameerikaa galmee shororkeessitootaa keessaa haquun maallaqa nama Muktaar qabeef jedhee ramadee ture, doolaAra miiliyoona shan [$5] akka haqamu taasiseera.
Filannoon naannolee Somaaliyaa ji'a dhufu keessa kan gaggeefamu taha.














