Al-Shabaab Somaaliyaa keessaa: Haleellaan Ameerikaa hidhattoota '60 galaafate'

Madda suuraa, AFP
Akka Humni waraanaa Ameerikaa jedhutti qilleensarraan haleellaa erga Sadaasa bara darbee isa jabaadha jedheen jimaata darbe loltoota al-Shabaab 60 ta'an galaafachuu hime.
Haleellaa naannoo Harardeeree jedhamutti raawwate kanaan hidhattootaan alatti namoota nagaarratti miidhaan gahe akka hin jirrees ibsameera.
Haleellichi waliigaltee mootummaa Somaaliyaa waliin godhameen garee al-Shabaab dadhabsiisuuf qindoominaan raawwatame.
Sadaasa bara darbee haleellaa akka kanaan loltootni al-Shabaab 100 ajjeefamaniiru jedha ibsi waraana Ameerika.
Al-Qaayidaa waliin hidhata kan qabu al-Shabaab miidha irra gahe kana ilaalchisee hanga ammaatti yaada hin kennine.
''Deeggartoota keenya Somaaliyaa fi kanneen idila addunyaa waliin taanee al-Shabaab carra argatee ummata Somaaliyaa akka hin miine ittisuuf kutannoon hojjenna'' jedhan ajajaan Amerikaa damee Afrikaa.
Humni waraanaa Ameerikaa erga Sadaasa bara darbee Xayyaara nama hin fe'annee fi kaaniin haleellawan lamaa ol raawwateera.










