Somaaliyaatti bombiin konkolaataa lamarratti kiyyeeffame namoota 100 galaafate

Haleellaa Sambata raawwateen 100 ajjeefamaniiru

Madda suuraa, Reuters

Bombiin konkolaataa lamarratti kiyyeeffame magaalaa guddoo Somaaliyaa Moqdishuutti dhohee yoo xiqqaate namoota 100 ajjeesuu, Pirezidant Hasan Sheek Mohaammud himan.

Bombiiwwan lamaan Ministeera Barnootaa magaalaa guddoo biyyattii Moqadishuu jiru irratti xiyyeeffatani.

Namoota du’an ala namoonni 300 boombii konkolaataarra hidhamee tureen madaa’u Pirezidant Hasan himaniiru.

Namoota miidhamaniif gargaarsi medikaalaa idil-addunyaa akka taasifamu gaafataniiru.

‘’Ummanni keenya akka dhuman taasifaman … haadholii mucaa harkara qabatan, abbootii rakkoo fayyaa qaban, barattootaafi namoonni biznasii dabalata,’’ jedhan ibsa Rooyitars waabeffateen.

Pirezidantiin biyyattii haleellaa kanaaf garee hidhattoota al-Shabaab himatani.

Marsariitin Somali Memo jedhamuufi jihaadummaa leellisu gareen al-Shabaab ajjeechaa kana akka raawwate ibseera.

Gareen al-Qaayidaatti hidhata qabu kuni mootummaa federaalaa Somaaliyaa waliin yeroo dheeraaf lolatti jira.

Dhoo’insi gaafa Sambataa garaagartee daqiiqaa lama gidduutti mudate.

Akka gabaasonni jedhanitti, boombiin tokko gara gamootti konkolaataan geeffame inni kaan immoo achumatti dho’e.

Kanneen ijaan argan qabeenyi guddaa manca’u, foddaan caccabuufi aarri guddaa yoo ol bahu viidiyoowwan waraabaman mul’isaniiru.

Badiin akkanaa lammataa akka hin raawwanne ummata Somaaleetti himuun barbaada jedhan Pirezidant Hasan.

‘’Dirree waraanaa irratti humnoota mootummaan mo’amanis boombiiwwan dhoofaman ergaa hidhattoonni jiraachuu isaanii dabarsuuf erganidha,’’ jedhan.

Haleellaan erga raawwate booda namoonni hedduu maatiin isaanii dhabame barbaachatti ka’aniiru.

Kanneen du’an keessaa gaazexeessaa beekamaafi qondaalli poolisii keessatti argamu.

Waggaa shan dura bakkee magaalattii kanatti haleellaa dhaqqabeen namoonni 500 ol ajjeefamanii turan.

Haleellaan yeroosis seenaa biyyattii keessatti badii guddicha dhaqqabedha.

Haleellaan kuni Ministeera Barnootaa biyyattiirratti xiyyeeffate

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaan kuni Ministeera Barnootaa biyyattiirratti xiyyeeffate

Mootummaa Somaaliyaaf deeggarsa taasisuf kan jiru ergamni Gamtaa Afrikaa AMISOM haleellaan raawwate 'al-Shabaab dadhabsiisuuf' gargaarsi saffisaa akka barbaachisu akeeka jedhe.

Ameerikaa, Turkii, Qataar fi Jarman balaa dhaqqabe balaaleeffataniiru.

Al-Shabaab waggoota 15 darbaniif mootummaa federaalaa Somaaliyaa Gamtaa Afrikaan deeggaramu lolaa jira.

Gareen kuni yeroo ammaa bakkeewwan Kibbaafi giddugala Somaaliyaa gara caalu to’ateera. Moqadiishuu kan mootummaan to’atuttis dhufee haleellaa dhaqqabsiisa.

Haleellaan kuni yeroo mootummaan biyyattii oppireeshinii waraanaa al-Shabaab irratti cimsee jirutti mudate.