Lammiilen Iraan 14 Somaaliyaatti al-Shabaabiin butaman marii waaggaa dheeraa booda gadhiifaman

Madda suuraa, AFP
Lammiileen Iraan qurxummii kiyyeessaa osoo jiranuu miseensoota gara al-Shabaabiin butaman waggootaan booda gadhiifamuun gara biyyaatti deebiifamuun gabaafame.
Jarreen butaman kunneen kan gadhiifaman erga marii ‘‘dheeran qondaaltoota mootummaa, dureewwan gosaa fi jaarroolii Somaaliiyaa jidduutti gaggeeffameen booda’’ ta’uu eejjansiin Oduu Iraan ISNA'n gabaase.
Namoonni waggootaan booda harka garee milishootaa kanneenii bilisa bahan kunneenis guyyaa Sambataa gara Iraaniitti balalii’uufi boodas gara bakka jireenyaasaanii kan taatee Chaabaahaari- Kibba biyyaattiitti argamuutti geeffaman jedhame.
Muraasni isaaniis galaana idil-addunyaa Somaaliiyaatti dhiyeenyaan argamurraa ukkamfamuun erga butamanii booda garee al-Shabaabin gara waggoota saddeetif hidhamanii turan.
Kiyyeessitoonni qurxummii kunneenis kan gadhiifaman erga poolisiin Somaaliyaa lammiilee biyya alaa 20 ta’an, lammiilee Iraan 14 fi kan Paakistaan jaha dhiheenyaa lafa milishootaan to’atameetti arguu ifa taasiseen baatii tokkoon booda ture.
Maddi oduu AFP akka gabaaseetti, yeroo sanatti poolisiin kiyyeesitoonni qurxummii muraasni kan al-Shabaabin bara 2014 keessaa butaman yoo ta’an, kaan isaanii ammoo bara 1019 keessaa butamaniidha jedhee ture.
Jarreen kunneenis wayita gara biyyasaaniitti deebii’aniitti muraasa isaaniitiif buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Teehraan keessaatti miseensoota maatiin Sambata alkan sirni simannaa taasifameefiira.
Gareen milishaa al-Shabaab baatiiwwan dhiheenya keessa Somaaliyaatti haleellaawwan hedduu raawwatunsaa ni yaadatama.
Fakkeenyaaf, haleellaa boombii Onkolooleessaa keessa magaalaa guddoo biyyattii Moqaadishootti konkolaataa irratti raawwateen namoonni 120 ta’an ajjeeffamaniiru.
Mootummaanis milishoota gosaa naannoo waliin ta’uun, garee kanarratti tarkaanfii cimaa labsuun ni yaadatama.
Milishoonni al-Shabaab kunneenis Somaaliyaa keessatti waggoota 15 oliif kan mootummaa biyyattii wajjin wal-lolaa jiru.












