Daa'imni waggaa afurii badee bosoona keessa guyyaa ja'a bule lubbuun argame

Guyyoota ja'a bosona keessa bokkaa cimaa roobaa ture dandamate

Madda suuraa, Roan Carr-Hartley

Keeniyaa naannoo Taanaa Riivaaritti mucaan umriinsaa ganna afurii bosona paarkii bineensotaa hedduu qabaachuun beekamu keessa bade erga guyyoota ja’a bulee booda argamuun addunyaa ajaa’ibsiise.

Naannoon kun lafa onaa bal’aa waan ta'eef namni yeroo dheeraa akkanaa badee lubbuun utuu jiru argamuun dhaga’amee hin beeku.

Hedduunsaanii beelaafi dheebuun du’u, kaan ammoo bineensaan nyaatamu. 

Daa'imni Ayyuub Ahmad jedhamu mandara baadiyyaa Assaa jedhamu naannoo Taanaa Deltaa Kaawontii, Taanaa Riivaar keessa maatiisaa walliin jiraata ture.

Mucaan kun akkamiin guyyoota ja’a bokkaan cimaa osoo itti roobuu bosona addunyaa bineensotaa ta'e keessa, nyaata malee, miila qullaa, uffata ho’aa malee qorra keessa akka tureefi bineensota bosonaa irra hafuun lubbuun argamuunsaa rajiidha jedhamaa jira. 

Badiin isaa ollaa horsisee-bulaa hawaasni Oromoo Ormaa jiraataniifi duraan beekmatii hin qabne kana kaartaa addunyaa keessa galche.

Daa'imni ganna afurii- Ayyuub akkamiin dhabame?

Sadaasa 29, 2022 akkuma ijjoollee baadiyaa kamuu ollaa keessa taphachuuf manaa bahe.

Achiin booda gara madda horiin bishaan dhuguu hiriyoota isaa wajjiin deeman.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Manatti utuu hin deebi’in garuu ijjoollee horii tiksitu faana deemuun jala badee lafa onaa Paarkii Biyyaalesaa Saavoo jedhamuun wal daangessaniifi bineensota bosonaa hedduu qabu keessa seene.

Saatiin torba yeroo laaqana nyaachuuf maletti deebi’uu dhabnaan haatisaa hin shakkine.

Sababiin isaa ammoo ollaa isaanii keessatti ijoolleen garuma taphachaa turtee nyaata argatti.

“Haadha xinnoo garaan rifate, ammoo garuma ijoollee waliin taphachaa turee nyaata jettee nyaata isaa qadaadde,” jedha abbaan daa'ima badee Obbo Ahmad Salaad Hiyyeessa.

Gara galgalaa yeroo horiin galu Ayuub dhabnaan barbaaduu eegalan maatiin. Ollaa keessaa dhabnaan, akka seeraa isaanitti hayyuu isaanii Chief Roobaa Raachaatti iyyatan.

“Gurbaan dhabame jedhanii areessa dhageenne, maatiinsaa galgala gara sa’aatii afurii na beeksifnaan ani jaarsaa ollaa kan barbaada namaatiifi horiin beekamu bilbilee yaame.”

Hawaasa kana keessa jaalala, tokkummaafi waliigaltee cimaati jira, keesumaa ammoo yeroo rakkoon namatti galtu waliin dhaabbachuun dirqama.

Yoo mana tokko keessaa namni bade, maatii achi jiraatu hunda keessaa namni barbaacha deemu tokko kennamuu qaba; ta'uu baannan maatiin yakkaa hamaa itti muran.

“Nama barbaacha deemuu dide, hawaasni hin dubbisu, utuu namni irraa du’ee hin gaafatanis, hin awwalanis. Gaafa namoonni barbaacha deeman deebi’an, namni bade du’us, lubbuun jiraate argamus maatiin barbaacha hin deemin tarkaanfii irratti fudhatu,” jedha hayyuun kun.

Hawaasa yeroo namni badu bahee kaan waliin hin barbaadne loon afurii hanga shanii irraa fudhatanii qalachuun adabuunis baramaadha.

Seerri kun jiraatus maatii namni jalaa bade hin ilaalatu. Aadaa isaanii keessatti, yoo namni badee maatiin nama badee sanaa barbaacha hin deeman.

Sababnisaa namni kun hin argamu jedhanii amanan. Dabalataan ammoo, namni barbaadamu yoo dhabame maatiinsaa marachuu dandeetti, yoo du’e argame irra hafuu hin dandeettu yaada jedhu irraa ka’uun akka ta'e himan. 

“Kanaaf, hanga namoonni barbaacha deeman deebi’anitti maatiin ollaa keessa bahuu ni dhorkan. Yoo namni sun argame qabatanii hanga manaa itti fidan, yoo inni du’e ammoo achumaatti awwaalu, wayyaasaa qabatani itti geessanii ijibaachisan. ”

Akkasumas, namoonni garii carraansaanii hamaa jedhanii amanaman nama barbaade keessatti hin hirmaachisan.

Jaarsi barbaacha namaafi horii irratti gurra guddaa qabu Abdallaa Godaanaa jedhamu daa'ima waggaa afurii badee guyyaa ja'a booda lubbuun argame kana keessatti gahee guddaa qaba.

Jaarsi faan-dhooftuu beekamaa ta'e kun namaafi horii bade barbaadee arguu isaarraa kan ka'e maqaan ‘Gugul’ [Google] jedhu kennameef.

Amma maqaa kanaan beekama Abdallaan.

Maqaan kunin dhaabbata Ameerikaa Intarneetiin kompiitaroota hedduutti fayyadamee odeeffannoowwan biliyoonaan lakkaaʼaman weebsaayitii hedduurratti dhiheessu ‘Google’ irra moggaafameef.

“Dandeettii yookaan ogummaa faan nama badee fuudhuu/dha’uu irraa maqaan kun natti moggaaffame,” jedha Gugul kan waggoota 30 ol naannoo kana keessatti nama bade hedduu barbaadee arge.

Daa'imni waggaa 4 bade yeroo argamutti

Madda suuraa, Roan Carr-Hartley/Sheldrick Wildlife Trust

Abdallaa Godaanaa- 'Gugul' eenyu?

Abdallaa Godaanaa, ‘Gugul’ , ganda Assaa Taanaa Rivaaritti bara 1964 maatii horsise-bulaa irraa dhalate.

Xiqqeenna isaa irra kaasee hanga gaafa maatii ofii godhateetti horiisaanii tiksaa ture. 

“Nuti dur maatiin keenya warra horii guddaa qabanidha. Baddaa keessa godaanaa turre. Yoo bona kan akkanaa kiiloomeetira hedduu miilaan deemnee bishaaniifi marga horiitti barbaadaa guddanne,'' jedha. 

“Gaafa ijoolleen koo gurguddatan umrii barumsaa gahan naannoo magaalaa qubachuuf dirqamne. Maaliif jennaan addunyaa ammaa namni barumsa hin qabne rakkoo argata, akka durii horiin jiraatee jireenyi baadiyyaa namatti hin tolu,” jedha Gugul.

Namni nama, horii bade faana-dhahuun/barbaaduun beekame kun abbaa ijjoollee saddeetiiti. Isaanis gurba tokkoo malee hundisaanii nama fuudhee warra ofii qabudha jedha.

Beekamtii guddoo qabu tana umrii ganna 25tti argachuu ibsa Gugul. Gaafas akkumaa aadaa ollaa isaanii arreessi nama badee dhaga’amnaan maatiisaa keessa isaa barbaachaaf ergan.

Bara 1989, Gugul dhiirota dhibbaan lakka’aman wajjiin mucaan umrii ganna 5 barbaacha deeman, guyyoota sadii guutuu utuu ollaatti hin deebi’in bosona keessa buluu yaadata.

“Aadaa barbaachuu keessatti duubatti hin deebi’an, yoo lafti galgala taate bakka faanNI itti dhaabbateetti kaampii godhataniI rafan akka faanNI sun nama jalaa hin banneef.”

Namooti barbaacha deeman nama tokkoti dursa, kaan faana isaa guula deeman. Guyyaa saddaffaan booda akka tasaa Gugul akka garee kana dura deemu godhan.

Akkuma dur ka’ameen faana gurbaafi kan bineensa adda baasuun argate, gurbaa laafee muka jala ciisu biraan bahuu ibsa.

“Gammachuu guddooti ture, namoonni gurbaa qabatanii geeraraa hanga ollaa deeman. Carraasaa dansaa jedhanii akkanan uummanni na fudhatee eegii gaafasii yoo namni bade maanguddoon gurbaan kaan fudhadhaa jetti akkanaan barbaacha hunda keessa ture.”

Jireenyasaa keessatti namoota baay’ee barbaadee argeera. Nama du’ee argame dabalatee ijoollee baddee guyyootaaf bosona keessa turte hedduu barbaaduu hima. 

“Daa’imman ammatti ani barbaadee arge lakoofsan ibsuu hin danda’u, baay’eedha. Takkaa nama barbaadee hin dhabne, garuu daa’imman garii utuu nu barbaadaa jirruu nu duraa du’anii reeffa argine jiru.”

Gugu beekumsa kana Waaqaa irra argachuu hima.

Faan fuudhuu/dha’uun maalii?

Daa'imni bade yeroo bosona keessa deemaa jiru

Madda suuraa, Roan Carr-Hartley/Sheldrick Wildlife Trust

Uummanni Oromoo dur irra kaasee horii fi nama bade faan dha’ee arguun beekamadha. Addunyaa amma kan namoonni harka caalan magaalotaatti galanii teknoolojii fayyadamu kanatti garuu wanti akkanaa hin dhaga’amu.

Amma bakka hedduu keessatti nama bade gara poolisiitti erga dabarsanii qorannoon taasifama. Maatiin hedduun utuu nama irra bade hin argatin, kan reefasaanii hin argin ijibatanii hafan. Garuu mandara baadiyyaa Assaa kana keessatti jireenyi akkuma durii jira.

Yoo namni bade, Gugul fi dhiiroonni ollaa san keessa jiraatan hundi gurma’anii nama ykn horii barbaaduu. Gugul garee kana dursuun bakka namni kuni yeroo dhumaa itti himan irra kaasee faan dha’uu jalqaba.

Adeemsi kun salphaa miti, faan nama tokkoo kan jiraattota karaa san darban irraa adda baasuun ogummaa barbaada. 

Yoo faanni namaa, bellaadaafi bineensota bosona baayyate, warra barbaacha deemu yaaddoo guddaa itti dhagaʼama jedha Gugul

“Faanni daa’imaafi kan nama guddaa tokko mitti, akkasumas kan bineensa irraa adda. Kana yoo adda baafadhe, namni bade tokko yoo ta’e, faan tokkotti tana barbaadee hordofa, yoo nama lama sadii akkasuma bakka isiin deemte deemna.”

Waqtiin namni bade, barbaacha isaani ulfaataa yookaan salphaa gochuu danda'a jedha ogeessi kun. Waqtii bonaa/hongee nama arguun salphaadha sababa faanniisaa argamuuf garuu dheebuun du’unsaa akkasuma salphaa ta'a.

Yoo roobaa ammoo faana isaanii lolaan waan balleessuuf argaan isaanii ulfaataa ta'a. Yeroo akkanaa mallattoon faanaa waan hin jirreef marga ilaalaa, bakka margi cabe yookaan ciisee hordofna.

“Yoo garii bineensa faati cabse, garuu yeroo baay’ee nama bade kanatti bahe,” jedha 

Namni barbaadamu yoo argame dhiirti sirbaa gala, akkanaan lubbuun jiraachusaa ollaan beekaa. Yoo namni sun du’e garuu hin geeraran, callisanii gara mana isaanii deemuun maatii ijibaachisan. 

Barbaacha Ayyuub

Namoota Ayyuub barbaadaa jiran

Madda suuraa, Roan Carr-Hartley/Sheldrick Wildlife Trust

Arreessi badii Ayyuub Ahimed galgala sa’aa afur isa qaqqabuu hima Gugul.

Nama badee alatti dhiisuun aadaasaanii keessaa waan hin jirreef, dhiiroonni 71 Guguliin durfaman barbaacha deeman. 

Faana isaa madda bishaanii irra dha’uun kiiloomeetira torba ollarraa erga fagaatanii booda bokkaan roobuu eegale faana isaa balleesse.

“Bokkaan sun akka malee guddaa, nami deemuu dadhabe, kaan dhukkubsatee gara ollaa deebi’un maatiisaani keessaa nama biraan bakka buusaa turre.”

Bokka kanas barbaadii hin dhaabanne, abdii utuu hin kutatiin kan faannii hin mul’anne, mallattoo biroo ilaalun halkaniifi guyyaa bosona kana keessa deemaa turan.

Rakkina argame kana hordofee, hayyuunsaanii Roobaa Raachaa Paarkii ollaansaanii Saavoo keessa kan jiraatu dhaabbata bineensota bosonaa eegu Sheldrick Wildlife Trust irra gargaarsa gaafachuun xiyaara argate. 

Bokkaan cimaan yeroo sanatti roobee ture, haala barbaadasaa ulfaataa godhe -Gugul faana isaa arguu hin dandeenye, akkasumas balaliisaan yeroo dheeraf lafa onaa mucaan keessai bade irra marsuus arguu hin dandeenne. 

Balaliisaan Roan Carr-Hartley jedhamu kuni guyyaa san si’a lama erga irra mareen boodaa abdii kutate. 

Ibsa Miidiyaaleef laate keessatti, “haala ture san keessatti mucaa miti arba argunis hin danda’amu ture,” jedha

Balaliisaan abdii kutatee deebi’e, "faanni haaraan argamu dhababamuufi naannoon beekamte kan barbaadan waan hin turiiniif, qilleensa keessa wanti adda kan godhamu hin jiru ture,” jedha Roan 

Gugul fi gareensaa ammoo bokkaa cimaa guyyaa shanaffaaf roobaa ture kana keessa deemuun barbaaduu itti fuufan.

“Takka hin ijibaanne, ji’a tokko yoo inni hin argamin barbaaduf turre. Hanga maatiinsaa geetee deebi’aa jetutti aadaan teenna nama bade dhiifte gara ollaa hin deebitu. Yoo jiraate nagaan galchina yookaan ammoo reeffa awwaalla.”

Sadarkaa kanatti kiiloomeetira 17 deeemuun paarkii Saavoo kan bineensota hamaa qabutti dhihatanii turan.

Mudde 3, guyyaa ja’an booda sa’aatii lama galgala Gugul faana gurbaa arge, “lafa xinnoo marga hin qabne irratti faana nyaraqa/xinnoo arge, guddoo gammanne, namni duraan dadhabiifi beela qabu kaan abdii horate,” jedha.

Lafti lafa baddaa kan margi bahe namni wal arguu hin dandeenye jedha ogeessi kun. Akkuma faanni argameen gara hayyuun bilbiluun beeksisan. 

Inis, balaliisaatti bilbiluun beeksise.Isaanis hojii biraa waan irra turaniif, guyyaa itti aanuu balaliisaa ergan. Sababa bal’ina lafaa, bokkaa fi bosonichi badda ta’eef akkuma si’a duraa rakkachuu ibsan.

Garuu sa’aatii tokkoon booda, mucaa xiyaara sana sodaachuuf jalaa baqachaa ture arge. Networkiin hamaa ta'us namoota miillan barbaadaa turanitti bilbiluu hin dandeeye. Bakkicha mucaan jiru irra marruu eegale akka isaan jala argan.

Haata’u malee, Gugul fi gareen isaa bakkicha irra faggoo hin turre, faana isaa xinnoo hordofuun, itti dhihaatanii turan.

“Faana gurbaa marga inni cabse irra ilaaluun bira geenyee turre. Yeroo balaliisaan bira ga’e nutis kurmaana kiiloomeetira irraa fagoo jira. 

Daqiiqaa muraasan booda, gurbaa arganii geeraruu eegalan.

Yoo namni sun lubbuun jiraate barbaadduun geeraraa galti, oo…hoo…woo…jechuun yoo sirban namni ollaa jiru, kan tiksaa jiruufi kan badda keessa jiru akka namni bade argame beekuu danda’u.

Hundi isaanii bakka sagaleen dhufteetti dhufanii nama badeefi warra barbaade simatu. Namoonni kunneen bakka mana maatiisaatti qajeelan. 

Gaafa mana gahan, maatiinsaa gammachuu guddaa qabachuun horii qalanii dhiirota barbaacha deeman kana akka gaariitti qubsanii eebbisaniifi isaanis akkasuma maatii kana eebbisu.

Kopheen irraa badee, faana qoraattiin waraaneera...

Daa'ima badee argame

Madda suuraa, Roan Carr-Hartley/Sheldrick Wildlife Trust

“Gammachuu guddooti ture, eebbiisaa cidha fakkaate, nyaata baay’eeti ture.”

Gurbaa balaliisaa re’ee badhaasanii, gurbaa badee maqaasaa itti moggaasan.

Kopheen irra badee, faanni qoraattiin waraanamuu malee, miidhaa tokkollee Ayyuubiin hin mudanne.

Akka Gugul himutti, dhiirota barbaadasaa deemtetti isa caala miidhame.

Barbaacha kana irratti dhiirota hedduu miilli buqqa’e, kaan dhukkuba buusaan qabaman yaalamaa jiru.

“Gama tokkoon ani cirreessa, namoota sadii afur kan dukkana keessatti gufatanii buqqa’an miillasaani hidhaa jira,” jedha Gugul

Naannoon inni keessatti bade, sababa hongeef baay’ee gogaa, daa’ima umrisaa utuu hin ta’in namni guddaan nyaataafi dhugaatii malee hangas turuu hin danda’u.

Bokkaan cimaan erga inni badee roobuu eegale, akka inni dheebuun hin duuneef gargaare garuu barbaacha iaa rakkisaa godhe. 

“Bishaan bokkaafi baala nyaachaa ture, akkas malee silaa reeffa isaa argina .” jedha.

Haadhaafi abbaasaa erga inni badee nyaata dhugaatii lagachuun baay’ee hubaman. Haadhasaa mana fincaanis qabanii geessan waan humna dhabdeef. 

Ayyuub ilmasaanii sadaffaa kan ta’e argamuuf baay’ee gammadan.

Guyyaa lama erga inni argameen booda, geggeessan paarkii ollaa isaanii kan tureefi deeggarsa xiyaaraa kana kan mijeesse Mark Jenkins fi ilmisaa Peter Jenkins balaa xiyaaran lubbun isaaniidarbuu dhaga'ame.Kun ammoo gammachuun arhame kun osoo hin turiin ollaan kun deebiyee gadda keessa seene.