Keeniyaatti namoonni shan haala suukaneessaan 'hidhattoota al-Shabaabiin' ajjeefaman

Madda suuraa, AP
Keeniyaatti garee haleellaa al-Shabaabiin raawwatame jedhamee shakkameen namoonni shan haala suukaneessaan ajjeefamuun gabaafame.
Taateen kunis bulchiinsa Keeniyaa Laamuu qarqara Garba Guddaa Hindii biyya Somaaliyaatti dhihaattutti mudate.
Gochaa gareen Islaama al-Shabaab raawwachuu akka hin oollee shakame kanaan namoota haala sukkaneessaan ajjeeffaman shaniin alattis, manneen hedduun gubataniiru.
Hidhattooti kuni lammiilee Keeniyaa morma qaluutu ibsame.
Maddeen poolisii namoonni haleellicha raawwatan lakkoofsaan 20-30 akka ta’an agarsiisa.
Gareen haleellaa kana raawwatanis Sambata halkan lafa gabaa naannichatti argamu tokko erga to’atanii booda dhiirota shan mana isaanii keessaa harkisanii baasuun haala suukaneessaa ta’en ajjeesan.
Namoonni ijaan argan akka jedhanitti, namoonni haleellaa kana raawwatan koofiiyyaa loltootaa kaawwatanii turan.
Torban lamaan dura ammo konkolaataan boombii daandiirratti awwaalame irra bahee miseensoonni waraana Keeniyaa lamaa ajjeefamanii namoota biraa hedduurra ammo miidhaan qaqqabee ture.
Akkasumas baatii darbe keessa daandiiwwan daangaa Somaaliyaa fi Keeniyaa irratti boombiin walfakkaataan akka awaalaman gabaasaaleen ni mul’isu.
Haleellaa akkasii kanaatiinis miseensota nageenyaa dabalatee namoonni kudhan ajjeeffamuutu ibsame.
Bakka Laamuu jedhamuufi qarqara Garba Guddaa Hindii fi dhiheenya iddoowwan Somaaliyaatti argamaniitti, hidhattoonni al-Shabaab yeroo garaa garaatti haleellaa raawwataa jiraachutu gabaafama.
Waggaa sagaliin duras bakka Peektoonii jedhamuutti haleellaa raawwateen yoo xinnaate namoonni 90 ajjeefamun isaanii ni yaadatama.
Keeniyaan daangaa karaa Laamuutiin Somaaliyaadhaa walitti fidu erga cuftee waggaa 10 lakkoofsiseera.
Baatii darbe garuu Ministeerri Dhimma biyya keessaa daangaaleen gama Laamuu, Gaarriisaa fi Maandeerraatiin jiran guyyoota 90 itti aanan keessatti ni banamu jedhee ture.












