Namoonni jaha Chaayinaa bulchaa jiran eenyu isaan?

Madda suuraa, EPA
Paartin Kmonustii Chaayinaa namoota waggoota shanan dhufaniif biyyattii bulchan ifa godhee jira.
Koreen namoota jaha qabatu kun Koree Dhaabbii Poolitbiiroo yoo ta'u kaabinee pirezidaantitiin tokkuma.
Koree kana keessatti namoonni dabalaman akkuma salphaatti osoo hin taane dhaabicha keessatti seenan gaarii kan qabanii fi baay'ee amanamoo ta'aniidha.
Namoonni miseensa Koree Dhaabbii ykn kaabinee pirezidaantii nama jaha of keessatti qabu keessa jiran yeroo heddu hin jijjiiraman, baranas kanumatu ta'e.
Namoonni kunneen pirezidaantichan kan filataman yoo ta'u pirezidaanichaaf amanamoo warra ta'aniidha jedhama.
Namoonni jahaan wiirtuu aangoo bulchiinsa Chaayinaa harkaa qaban kanneen arman gadiitiu.
Lii Yanng

Madda suuraa, Reuters
Aangon isaa barreessaa olaanaa paartichaati.
Pirezidaanta Shii Jiin Piingif nama baay'ee amanamaa yoo ta'u, bulchiinsa Zyeyijaang keessattis kaawuntiiwwan xixiqqaa keessattis hojjateera.
Bulchiinsa Shaangayi keessatti gareen isaa akkaatan itti weerara Kovidii hambisuuf hojjatan hawaasa irratti dhiibbaa guddaa kan uume ture.
Aangon Koree Dhaabbii kanaa bara itti aanu kan ragga'u yoo ta'u gara fuulduratti Shii Jiin Piing kan bakka bu'u isa jedhanii yaadu.
Zhao Leji

Madda suuraa, Reuters
Angon isaa amma To'anna Namuusatti Duree Komishinii Giddu Galeessaa yoo ta'u umuriin isaa 63.
Gaggeessummaa Chaayinaa keessatti akka urjiitti namoota ilaalaman keessaa tokko yoo ta'u, akkuma pirezidaant Shii bulchiinsa Shaanxii wajjin hidhata guddaa qaba.
Siyaasa keessatti hirmaachuu akkuma egaleen bulchiinsa naannoo tokkotti bulchaa ta'ee filatame. Umurii xiqqaatti nama bulchaa naannoo ta'eedhas jedhama.
Biiroo farra malaammaltummaatti Zhao Leji namuumsa paartii kabachiisuf itti gaafatamummaa qaba, aangawoonni olaanon matta'aa fudhachuu isaanis yeroo garaa garaatti saaxileera.
Wang Huning

Madda suuraa, Reuters
Nama umurii 67 yoo ta'u, amma aangon isaa Barreessaa Duree Sekretaariyatii Paartii Komunistiiti.
Pirofeesar Waang suura anga'oota olaanotti dhiyaataa amma barcuma aangotti ol bahe.
Yaad-rimeewwanii fi tiworii sirna siyaasa Paartii Komunistii heddu kan maddisuusu isa jedhama.
Walitti hidhamiinsa bu'uura misooma daandii Belt and Road Initiative jedhamu yaada isaa kan maddisiise Wang Huning dha jedhama.
Cai Qi

Madda suuraa, Reuters
Yeroo ammaa kantiibaa magaala Beejing yoo ta’u pirezidaantii Chaayinaatti baay’ee dhiyaata jedhama.
Yeroo bulchiisawwan akka Fuujiyaan fa’aatti hojjatu amanamummaa cimaa agarsiisuu isaatin gara aangotti dhufe.
Bara kana Beejing Winter Olympics qopheessiti. Kana ammoo Kovidiidhan wal’aansoo qabaa qophii taasisaa jirachun ishee akka milkaa’ina bulchiinsa Cai Qi tti ilaalama.
Bara 2017tti lakkoofsa namoota Beejing keessa jiraatanii hir’isuuf karoora baasen baay’ee qeeqamee ture. Kanarraa ka’uun namoonni harka qaleeyyii ta’an heddu magalattii keessaa bahuuf dirqaman.
Ding Xuexiang

Madda suuraa, Reuters
Umuriin nama ganna 60 ti. Amma aangon isaa Itti Gaafatamaa Biiroo Barreessaa Olaana fi Biiroo Pirezidaantiti.
Ogummaadhan injinara barate, booda wiirtuu qorannoo mootummaaf hojjatu Shaangayitti argamu keessatti siyaasan wal bare.
Akka warra kaanii sadarkaa gadii irraa aangoo siyaasaa shaakalaa dhufuu baatus, bara 2007 tti barreessaa Shii ta’uudhan muudame.
Yaada Pirezidaant Shii Jiin Piing namoota deeggaran keessaa tokkoodha, pirezidaantichaafis baay’ee amanamaa akka ta’etu himama.
Li Xi

Madda suuraa, Reuters
Amma aangon isaa Bulchiinsa Guwwangdongtti Barreessaa Paartiti.
Pirezidaantii Chaayinaaf amanamaa yoo ta’u maatii angawoota Chaayinaa waliin walitti dhiyeenya cimaa qaba.
Bara 2017 tti bulchiinsa Liyaanoyingitti dhimma diinagdee irratti odeeffannoo sobaa bahe sirreessuu isaatin nama rakkoo furu jedhamee jajame.
Bulchiinsa Guwwangdongtti guddina industirii teeknolojii fi qonnaa irratti jijjiijrama guddaa fideera jedhama.












