Qarshii qusachuudhaan duroomuun ni danda’amaa?

Qarshii Itoophiyaa

Madda suuraa, AFP

Ofii isni qarshii qusachuudhaan duroomuun ni danda’ama jettenii yaadduu?

Qusannoon waliigalatti maallaqa galii gara baasiittii hin jijjiramne ykn baasii hir’isuudhaan kan argamudha.

Afaan qor-diinagdeetiin yoo ibsinu ammoo galiin ida’ama baasii adda addaa fi qusannaati.

Teshooma Tafarraa Tolaa (PHD) ogeessa diinagdee fi Yunivarsiitii Finfinneetti barsiisaaa dhimma kanarratti waan jedhan qabu.

Akka Ogeessi kun jedhanitti,’’ qarshiin baasiirraa hafu hundi qusatamuu qaba.’’

Haa tahu malee, qusannaaan amala namootaa wajiin akka wal-qabatu dubbatu.

'‘Namoonni tokko tokko baasii isaanii irraa xiqqeessanii gara qusannootti geessuu danda’u, kaan immoo kan baasii irraa hafe qofa gara qusannaatti geeddaru. Kanaaf qusannaan amala namootaa wajjiin kallattiin wal-qabata,’’ jedhu.

‘Gaaffii gammachuu’

Dr Tashoomaan akka jedhanitti murtoon diinagdee kamiyyuuu waan namni tokko '‘na gammachiisa’’ jedhee yaadurratti hirkata jedhu.

'‘Namni tokko fakkeenyaaf har’a waanta itti tolu, uffata bitachuun gammachuu argachuu danda’a, kaan immoo booodaaf yaadee qusachuun gammachuu argachuu mala,’’ jedhan.

Akka isaan jedhanitti isa qarshii qisaasus tahe isa qusatus nama kaantu bakkeedhaa maqaa kennaafi malee, ''jarri lameenuu qarshii isaaniidhaan hojii gammachuu bitachuu dha hojjetaa jiru,’’ jedhan.

Kanaaf qabeenyas tahe qarshii haala hubannaan guutameen fayyadamuun madaala qarshii qusachuufi qisaasuu gidduu jiru tahuu akka malus himan.

Qala’insa gatiifi qusannoo

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qusannoon kan bu’aa fiduu danda’u qaala’insi gatii bu’aa nuti qarshi qusannee argannurraa gadi yoo tahe dha jedhu ogeessi diinagdee kuni.

Fakkeenyaan gaafa hubachiisanis, ''namni tokko qarshii 100 baankii keewwatee waggaa tokko booda yoo cime cime qarshii jaha dhalaaf,’’ jedhan.

Itoophiyaa keessa haala amma jiruun qala’insi gatii parsantii 34 ol tahee jira. Dr Tashoomaan akka jedhanitti, '‘qarshiin dhibba tokko waggaa darbe qusanne bara kana humni waa bituu danda’uusaa harka 34 gadi-bu’a,’’

Kanaaf akka ogeessi kuni jedhanitti biyya gatiin jireenyaa qaala’aa tahe keessatti qusannoon badaa waan nama baasu miti.

Qaala’insa gatii kanaa jalaa qusannoo isaanii milqsuudhaaf namoonni, ''qabeenya kan akka lafaa irraati qarshii isaanii oolchuun fooyya’aa dha,’’ jedhan.

Garuu dimshaashatti qusannaan bu’aa kan argamsiisu, ''qaala’insi gatii biyya tokko keessa jiru dhala baankii irraa argannuun gadi yoo tahe qofa dha,'' jedhu.

Haala kanaan qusannaa keenya akka ka'umsaatti fayyadamnee qarshii ofii ‘invest’ gochuu wayya jedhu Dr Tashoomaan.

Qarshii ‘invest’ gochuu jechuun qarshiin keenya akka dabaluuf qabeeya, ykn qooda baankii fa’i ittiin bituu dha jedhu.

''Fakkeenyaaf baankoti Itoophiyaa sheerii tokkoof parsantii 20 ol kaffalu, kanaaf qarshii isa qusannu caalaa irraa fayyadamna,’’ jedhan.

Biyya kan akka Itoophiyaa keessatti inveestimantiin xiqqoo gatii taheef bu’aan ‘invest’ gochuurraa argamu guddaa dha jedhan.

Biyyoota kanneen akka Jaappaan keessa gatiin miyaa baayyee gadi bu’aa waan taheef,’’qarshii qabachuu ykn qusachuuti irra nama baasa,’’ jedhan.

Qusachuudhaan duroomuu dandeenyaa?

Biyya diinagdeen tasgabbaa'aa jirutti qarshii keenya maayi koo jennee yoo qusannee gara duroomaatti nu geessuu danda'a jechuun ogeessa kanaaf gaaffii dhiyeessine turre.

Qusannoon qarshii keewwachuu gatii taheef qabeenya ofii guddisuuf carraa akka banu dubbatu.

Dr Tashoomaan biyyoota guddatan keessatti qarshii qusachuun gatii hin jajjabeeffamneef baankiitti herrega qusannoo banachuun kaffaltiidhaani jedhan.

Qarshiin bahee akka ‘invest’ godhamee hojiirra oolu waan barbaadaniifi dha jechuunis ibsu.

Kan biyya keenyaa garuu, ''baankoliin na biratti qusadhuutii qarshii kee inveestaraaf liqqeesseen bu’aa irraa argadhaa dha kan isaan jedhan,’’ jedhu.

Kanaaf qarshii qusachuun qofaasaatti gara duroomaatti nu geessuu dhiisuu mala jedhan ogeessi diinagdee kuni.

Akka fakkeenyattis, ‘’namni qacaramee hojjetu tokko qarshii qusatullee akka biyya keenyaatti gatiin qarshii isaatii qaala’insaa nyaatamaa adaeema,’’ jedhu.

Garuu namni, ''suuqii qabu tokko bittaafi gurgurtaasaa qaala’insa wajjin waan sirreefatuuf nama isa qacaramee caalaa qala’insarra of oolchuu akkasumas carraan guddachuusaa guddaa dha,’’ jedhan.

Kanaaf walumaagalatti qarshii qusachuun ‘invest’ gochuudhaaf karaa banuu danda’a malee ''ofiisaan gara duroomaatti nu geessuu dhiisuu mala,’’ jedhan.

Qusannoo fi Investimentii

Qorattoonni diinagdee akka jedhanitti garaagarummaan guddaa qusannoofi invastimantiii kuufama maallaqaa yeroo gabaabaafi dheeraa tahuu isaaniti.

Qabxiileen dabalataa garaagarummaa qusannoofi investimantii:

  • Qarshiin qusannu yeroo barbaadanutti argachuu dandeenya, carraan qarshii keenya dhabuu xiqqoo dha
  • 'Invest' gochuun bu'aa yeroo dheeraa guddifachuuf qarshii yeroof baasnu dha
  • Garaagarummaan guddaa qusannoofi 'invest' gochuu yeroo 'invest' goonu kasaaraa dhufuu maluuf qophii tahuu qabna
  • Yeroo qusannoo qarshii keenya ni keewwanna, gaafa 'invest' goonu garuu qarshii ni guddisna garu bu'aansaa kan yeroo dheeraatti dhufu dha.