Namni lotorii Birrii miliyoona 200 ol badhaasisu mo'ate wallaalame

Biyya Ingiliz Bermiingiyaam keessatti namni lotorii badhaasa Paawundii miliyoona shan baasu ykn Birrii 280,648,000 ta’u baasisu mo'ate wallaalame.
Namni badhaasa maallaqa hanga kana gahu mo'ate ni dhiyaata jedhamee eegamus gara sanaan bahuu waan dideef eenyummaansaa walallame.
Lakkoofsi badhaasa maallaga guddaa nama badhaasisu kun lotorii Fulbaana 28, 2022tti baherratti kan carroomee ture.
Namni badhaasicha mo'ate hanga Bitootessa 27'tti dhiyaachuu qaba jedhameera.
Qindeessitoonni lotorii ‘Camelot’ jedhamuu, tikkeettin lotorii Paawondii miliyoona 7.4 baasu kan biraallee Ingiliz Wolver Hamptanitti bitamee namni’’ mo'achuu isaa dhiyaate himate dhabameera jedhe.
Namoonni tikkeettii lotorii badhaasicha mo'achiisu qaban yoo hin dhiyaatiin hafan maallaqichi tajaajila gaarii biroo kan akka gargaarsaaf gumaachamuu mala jedhameera.
Tikkeettiin Bermiingiyaamitti badhaasa nama argamsiisu 3, 15, 20, 48, 57, 58 fi lakkoofsi boonasii 9 qabate yoo ta'u, badhaas Paawundii 5,070,357 nama hammaarsisa jedhame.











