Badhaasa lotorii $ biliyoona 1.3 Ameerikaatti bahe eenyutu injifate?

Badhaasa lotorii guddicha USAtti bahe

Madda suuraa, Getty Images

Lammiin Ameerikaa carraa-qabeessi badhaasa lotorii Jimaata darbe bahe kana injifate Doolara Ameerikaa biliyoona 1.3 hammaarrata.

 Lotoriin kun badhaasa isa miliyoona heddu nama hammaarsisuu keessaa isa guddinaan lammaffaadha.

Namni badhaasa lotorii kana injifate maallaqicha al takkaatti ykn ammoo fuulduratti yeroo murtaa'e keessatti suuta jedhee fudhachuu danda’a ykn guutummasaa ganna 29 keessatti fudhachuu danda’a.

Waanti badhaasicha adda taasisu garuu, carraan badhaasicha injifachuu garmalee xiqqaadha- namoota miliyoona 300 keessa nama tokkotu carraa injifachuu qaba.

Amma yoonaatti badhaasni ‘Mega Millions prize’ Doolaara Ameerikaa hedduu nama hammaarsise bara 2018 kan bahe yoo ta’u, Doolara biliyoona 1.53 ture. Badhaasicha Kibba Kaaroliyinaatti tikkeetti tokkicha qofa nama bitetu injifate.

Bara 2016 badhaasni lotorii ‘Powerball’ bahe seena Ameerikaa keessatti badhaasa isa hunda caala guddaa ta’ee hafe.

Baadhaasni isaa Doolara biliyoona 1.586 yoo ta’u, namoota Kaalifoorniyaa, Filooredaa fi Teenisiiirra badhaasicha inijifatanitu gargar qoodatte.

Badhaasa lotorii Jimaata galgala bahe kana lakkoofsi nama injifachiisu 13, 36, 45, 57 fi 67 dha.

Amma yoonaatti namni lotorii kana injifate hin baramne, tarii namni tikkeetii kana harkaa qabu dhabamuu mala -Yoo akkas ta’e lotorii biraatu Kibxata baha.

Namni marroo xumuraatiif lotirii maallaqa Doolara miliyoona heddu nama badhaasisu‘Mega Millions jackpot’ kan injifate Ebla 2022 ture.

Yeroo sanarraa kaasee lakkoofsi lammilee Ameerikaa tikkeetti lotorii bitachuutti fiiganii haalan dabaleera.

Tikkeettiin lotorii maallaqan gudda nama badhaasisu kana bulchiinsota Ameerikaa 45, Waashingten DC fi odola Varjinitti gurgurama.