Namicha lotoriin baheefii guyyaa tokkotti sooreyyii beekamoo caaluun biiliyanara tahe

Madda suuraa, Getty Images
Carraa qabeessi kuni seenaa UK'tti paawundii miiliyoona 184 (birria biiliyoona 11) lotooriidhaan nama mo'ate dha.
Namni maqaan hin eeramne kun lotorii Yuroomiliyans jedhamu jaakpootii (kan qarshii lotorii isa guddaa argamsiisu) mo'achuundhaani abbaa paawundii miiliyoona 184 kan tahe.
Lakkoofisi mo'ataa kaleessa ifa tahe 3,25,27,28 fi 29 dha. Akkasumas lakkoofsi 4 fi 9 illee lakkoofsawwan mo'atan tahaniiru.
Lotoriini Yuroomiiliyans bara 2004 kan eegale yoo tahu hamma yoonaa carraa-qabeeyyii 15 qofatu paawundii miiliyan 100 ol argate.
Abbaan carraa kun weellistuu beekamtuu UK Adeelii fi atileetii bunyaa Antoonii Joshuwaa caala guyyaa tokkoon duroomeera.
Namni kunis erga qarshii isaa fudhateen booda eenyummaasaa ifa baasaa, hin baasuu kan jedhu ofiin kan murteessu taha.
Bara 2011 lotorii abbaa paawundii miiliyoona 161 kan mo'atan Kooliiniifi Kiriis Weeyir eenyummaa isaanii ifa baasanii turan.
Weeyirfaa qarshii lotorii kanaan argataniin kilaba kubbaa miilaa deeggaran bituuf yaada akka qaban himanii turan.
Bara 2019 paawundii miiliyoona 115 kan mo'atan Firaansis Konolii fi abbaan warraashee Paatriik hamma yoonaa lotoriidhaan namoota qarshii olaanaa mo'atan tahanii turaniiru.
Maatiin kuni qarshii lotorii irraa argatan baayyeesaa namoota kaan gargaaruuf akka oolchan beeksisanii turan.













