Lammiileen Itoophiyaafi Sudaan DV argatanii jalaa ture bulchiinsa Baayidan himatan

Madda suuraa, Getty Images
Maatiin lammiilee Sudaaniifi Itoophiyaa Lootorii Daayiversitii Vizaa (Diversity Visa) yeroo hedduu Diivii jedhamuun beekamu argatan, bulchiinsi Pireezidant Joo Baayidan yeroon nu fudhachuu dide jechuun mana murtiitti himatan.
Maatiin kuni lootorii bara 2022 Ameerikaa itti seenan kan argatan yoo ta'u, Ameerikaan garuu daftee nu simachuu didde jechuun himataniiru.
Galmeen maatii himannaa kana dhiheessanii Tesfaye Vs Blinken jedhamuun mana murtiitti dhiyaate. Kunneen motummaan Ameerikaa adeemsa Visa argachuu keenya seeraan ala harka isaarra turseera jechuun dubbatu.
Dabalataan, adeemsa Visa argachuu isaanii embaasii Kaartumiifi Finfinnee jiruun ala kaanitti dabarsani jechuun himatu. Imbaasiin Finfinnee adeemsa Visa hin eegalle.
Yoo manni murtii jijjiire malee akka seera baqattummaafi Lammummaa US [Immigration and Nationality Act] jedhutti kanneen DV argatan gaaffiifi deebii Visa argachuuf yeroon daangeeffame jira.
Kunis, warra amma himannaa dhiheessaniif Fulbaana 2022 dha.
''Kanneen himannaa dhiheessan kuni Ameerikaa keessa jiraachuuf carraa jireenya isaanii keessa si'a takkaa qofa dhufu qabu. US isaan simachuun hedduummina keenya cimsuuf carraa qabdi.
''Haa ta'u malee, bulchiinsi Baayidan dhimma Visa irra deddebbiin dursa kennuufi dide.
''Fulbaana 30'tti isaan yoo Visa hin arganne isaaniis Ameerikaanis carraa guddaa kana dhabu,'' jechuun himattoota kan bakka bu'an Kartiis Lii Moorisan dubbataniiru.
Visa jechuun waraqaa eenyummeessaa biyyaa ala tajaajilu, paasportii, irratti nami tokko biyya akka seenu, bahu, yookiin turu eeyyamamu isaa kan agarsiisudha.
Nami biraa waa'ee maatii kanaa kan dubbatan Rafaa'el Ureniyaa ''bulchiinsichi diyaaspooraa Afrikaaf waadaa seenuus, hamma jedhe hin geenye. Keessumaa kanneen Visa argachuuf iyyataniif,'' jechuun himan.
Mudde darbe lammiin Iraaq DV argatan bakki maatiin dhaqanii Visa argachuu dura gaaffiifi deebii taasisan jijjiirameera.
Sagantaan lotorii Diversity Visa (DV) jedhamu lammiileen Afrikaa hedduu gara Ameerikaa akka imalaniif carraa uumeera.
Gabaasa kanatti dhihaatan:

















