Dubartiin lotorii $ mil 26 mo'atte tikkeettiisaa uffata wajjin miichuu himte

Qaamni lotorii kaaloforniyaa qindeessuu dhimmicha qorachaa jiraachu himeera

Madda suuraa, SMITH COLLECTION/GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa, Qaamni lotorii kaaloforniyaa qindeessuu dhimmicha qorachaa jiraachu himeera

Dubartiin tikkeettii lotorii badhaasa doolara Ameerikaa miliyoona 26 Lotorii Kaaliforniyaatti bahe injifachiisu bituu himte, tikkeettichi kofoo ishee wajjin miichamee manca’uu miidiyaaleen Ameerikaa gabaasan.

Tikkeeetti lotirii SupparLoottoo Pilaas jedhamu kun duukkana Loos Anjiliis, qarqara Noorwookitti Sadaasa darbe gurgurame ture.

Dubartiin maqaan ishee hin dhahamne wayita tikkeetti bitattu kaameeera CCTV’ duukkaana sana keessa tureen waraabamteetti.

Taatullee yeroon itti badhaasicha injifachuu qabdu Kamisa jalaa goolabameera.

Dhaabbanni lotorii kana qindeessuu akka himetti, namni badhaasicha injifate silaa lotorichi bahee guyyoota 180 keessatti injifachuu beeksisuu qaba ture.

Hojjataan dukkana Noorwook Ispiraanzaa Hernaandez miidiyaa biyyattiitti akka himetti, dubartiin dukkanna isaanii dhaqxee turte tikkeettii lotorii kana inijfachuu himte jedha.

Haata’u malee, dubartiin badhaasa kana injifachuu himte tikkeeticha gatuufi akka tasaatti uffata waliin miichuu hin oolle jedhamee shakkama.

Dubbi-himtuun Lotorii Kaalifoorniyaa Keetii Joonsan gaazexaa biyyaattiitti akka himanitti, kan dubartiin sun badhaasicha injifachuu mirkaneessuuf viidiyoon dukkaanatti waraabame qofti gahaa miti,‘’injifatte yoo ta’e tikkeecha dhiyeessun mirkaneeffamu qaba’’jedhan.

Haa ta’u malee, viidiyoon warreen lotoricha qindeessan wajjin qoodamefi waanti dubartii sun himatan qoratamutti jira jedhan Aadde Keetii Joonsan.

Yoo namni lotorii kana injifate adda hin baafamne garuu maallaqni badhaasaaf qophaa’e manneen barnoota hawaasa Kaaliforniyaaf qoodama jedha, qaamni lotorii sana qindeessu.

Namni tikkeetti badhaasa injifachiisu gurgure $130,000 akka ulaagaa lotorichaa eeyyamuun fudhateera jedha ibsi bahe.

Lotoriin bahee namni badhaasicha injfate hin baramiin hafe 23, 36, 12, 31, 13 ture.

Loos Anjiliis Taayimsi akka jedhutti, lotoriin Kaalifoorniyaa bahee, namni injifate wallaalamuun hedduu baratamaa hin turre jedhe.

Haaluma walfakkaatuun bara 2016 dubartiin lammii UK tikkeetti badhaasaa kofoo jiinsii wajjin miiccuun tikkiiittichi jalaa baduutu yaadatama.