Tikeetiin carraa 1ffaa lootorii bara haaraa badee ture ji'a ja'a booda argame, akkamiin?

Madda suuraa, KINDEE ASRAAT
Ji’oota ja’an darbaniif eegamaa kan ture injifataan carraa tokkoffaa lootorii bara haaraa Kindee Asraat tikeetota sadii qabatee dhiyaachuu isaa Hogganaan Komunikeeshinii Dhaabbata Lootorii Biyyaalessa Obbo Tewodiroos Newaay BBCtti himaniiru.
Obbo Kindee tikeetota sadii qofa waan dhiyeesseef birri miiliyoona 12 akka badhaafamu Obbo Tewodiroos BBC’f mirkaneessaniiru.
Injifataan tikeetii isa tokkoo waan hin dhiyaanneef maallaqni inni hafe mootummaaf galii akka ta’us ibsaniiru.
Injifattoonni lootarii kanaa kan beeksifaman ALI Qaammee 5, 2012 irratti ture.
Injifattoonni carraa kanaa badhaasa isaanii fudhachuu kan danda’an hanga Bitootessa 30/2013tti akka ture Hogganaan Komunikeeshinii Dhaabbata Lootorii Biyyaalessa kun BBCtti himaniiru.
Kanaafis Dhaabbati Lootarii Biyyaalessa injiffatoota lootarii bara haara kana badhaasaa akka ture himaniiru.
Carraan inni lammataa magalaa Marhabeetee Maranyaa tti namoota sadiif kan hirame ta’uu kan himan Obbo Tewodiroos, namni inni tokko miiliyoona ja’a, namootni hafan lamaan ammo miiliyoona lama lama badhaafamu dubbataniiru.
Injifataan carraa sadaffaa ammoo jiraataa magaala Baatuu ta’uu himaniiru.
Injifataan carraa tokkoffaa lootarii bara haaraa garuu utuu hin badhaadafamiin waan tureef ji’a sadii dura dhaabbatichi injifataan hanga ammaatti akka hin dhiyaanne ibsuun beeksisa baasee akka ture himeera.
Gara torban lamaa dura lotoriin badhaasa birri miliiyona 20 argachiisu lakkoofsi isaa 0216884 ta’uu fi nannoo Kibbaatti gurguramuu isaa himuun injifataan akka hin dhiyaanne ibsuu himeera.
Sana booda Bitootessa 26/2013 irratti garuu nannoo sa’aatii sagal irratti tikeetii sadii qabatee dhiyaachuu himaniiru.
Obbo Kindee Asraat garuu tikeetii sadii kan dhiyeesse ta’us hanga ammaatti badhaasa isaa akka hin arganne hima.
Sababni isaas injifataa isa sirri ta’uu fi dhiisuu isaa adda baasuuf hojiin tikeetii isaa qorachuu dursa waan taasifamuuf ta’uu dhabbatichi ibseera.
Injifataan kamuu yeroo tikeetii qabatee dhiyaatu hojiin adda baasuu Lootariin Biyyaalessaa akka taasifamu dabaluun ibsaniiru.
“Injifataan carrichaa guutuu anadha”
Kindee Asraat jiraataa Godina Gaamoo magaalaa Arbaa Minciidha. Maaglicha keessatti hojii tola ooltummaan tajaajila.
Tikeeti amma injifataa isa taasise kana eessa akka bite amma sirritti hi yaadatu. “Shaashamannee ykn Arbaa Minciitti ta’a kanan bite,” jechuun BBCtti himeera.
“Walumaagalatti tikeetiiwwan birri 360 ta’aniin bite,” jedha.
Kindeen tikeetii carraa hunda argatan shaan birrii 100’n bituu isaa yaadachuun “injifataan carrichaa guutuu anadha,” jechuun hima.
Yeroo hunda tikeetii carraa gutuu akka bitu kan himu Kindeen, tikeetiin lama garuu yeroon waan dheerateefi qalbii dhabuu isaan jalaa baduu dubbata.
Tikeetota bite kana gariin kiisii korojoo isaa keessa kaan ammo mana ka’ee akka ture himuun hojiif gara Dirree Dhawaa deemee waan tureef akka dagate hima.
Ammas taanaan Kindeen tikeetii bituu isaa kan yaadate yeroo kaffaltii mana baruumsaa mucaa isaa karaa baankii kaffalee hin kaffalee waan jedhameef waraqaa raga yeroo barbaadaa turettidha.
Yeroo lootaricha argatetti warra gurguran bira deeme galmee injifattoota ilaaluuf yaaluuf waan baayyee ture waan ta’eefa nama galmee lootaricha qabatee argachuuf akka rakkate hima.
Kindeen tikeetoota sadan injifataa carraa tokkoffaa isa taasisan kan argate Bitootessa 22/2013 ta’uu hima.
Guyyaa lama guutuu tikootota jala badan lamaan barbaada ture. Ta’us garuu waan hin arganneef tikeetota kana lamaan gatuu isaan hanga har’aatti ni gaabba.
Feesbuukii yeroo hedduu akka fayyadamu kan ibse Kindeen injifataan carraa tokkoffaa lootarii bara haaraa barbaadama akka jiru achirratti akka dubbise hima.
Ta’us garuu injifataan sun ana ta’a jedhee hin yaadne jedha.
Bitootessa 24 irratti Kindeen gara Finfinnee dhufee Bitootessa 26 irratti gara Lootarii Biyyoolessaa deemuun gaabasaa goochuu isaa hima.
Kindeen tikeetii injifataa birria miiliyoona 12 isa taasise qabatee akka jiru yeroo baru rifateera.
“Rifadhee waanan tureef tasgabba’uun narra jira,” jechaa akka ture ibsa.
“Maallaqaa guddaa waan ta’eef xiqqoo nama rifaasisa. Eenyuuttuu osoo hin himiin ofummattin odeessaa ture.”
Amma tikeetii lootarii isaa dhabbata lotarii itti kennee, ashaaraa isaas kennee hanga isaan deebisanii isa waamanitti eegaa jira.
Dhaabbati Lootarii Biyyaalessaas tikeetichi sirrii ta’uu fi dhiisuu isaa adda baasaa akka jiru ibsuun dhiiyootti injifataa ta’uun isaa akka mirkanaa’een badhaasaa isaa akka argatu himeera.
Injifataan guutuun anadha kan jedhu Kindeen, birrii miiliyoona sadii isa hafe namoota naannoo Tigraay irraa buqqa’aniif naa kennaa jechuun gaafateera.













