Lammii Ingilizii bara haaraatti lotoorii Birrii biiliyoona 3.9 argate

Kubbaa harkaa warra Yuromiiliyaansi

Madda suuraa, Getty Images

Sirna lootoorii guyyaa jalqaba waggaa haaraatti biyya Inglizii keessatti gaggeeffameen namitchi tokko paawundii miiliyoona 115 ykn qarshii biiliyoona 4 argachuun dhagahame.

Dhaabbanni Lotorii biyyattii akka beeksiiseetti, taateen kunis dhaabbatichaa keessatti seenaa qarshii olaanaa arfaffaadha. Sirna carraa fudhuu kana irrattis namoonni gara biraa 10 tokkoon tokkoo isaanii paawundii miiliyoona tokko argataniiru.

Namtichi abbaa caraa lototrii Kibxataa kan maqaan isaa hin eeramiin kunis lakkoofsa carraa sirrii argachuun ayyaana bara haaraa kennaa addaatiin eegaleera.

Seenaa lootorii awuroppaatti keessatt maallaqni olaanaa ta'unsaa galmaa'e paawundii miliiyoona 161, abbaa fi haadha warraa Koliin fi kiriis kaaba Ingiliiz jiraatanii bara 2011tti kan qaqabeedha.

Bara 2012 ammoo haadha warraa fi abbaa warraa Adiriyaan fi Giiliiyan Beyiford jedhaman paawundiin Ingilizii miiliyoona 148 kan qaqabe. Jarreen kunneenis erga lootoriin kun qaqabeen booda waggaafi baatii sadiin booda gaa;iilli isaanii diigameera.

Diigama gaa'ila isaanii kanaafis sababiin maallaquma osoo hin eegaamiin qaqabe kana akka ta'e himama.

'Xaba lootorii Yuromiiliyaansi' jedhamus kan lammiileen biyyoota sagal irratti hirmaatan yoo ta'u, Ingliizi, Awustiraaliyaa, Faransaayi, Ispeen, Siwiizarlaandi kanneen eeraman keessaayi.