Mamoudou Gassama: Daa'ima gamoorraa kufaa jirtu baraaruusaatiin Pirezidaanti Macron galateeffatan

Madda suuraa, Facebook
Baqataan lammii Maalii magaalaa Paaris jiraatu Mamoudou Gassama, daa'ima waggaa afurii utuu isheen gamoo afraffaarraa kufaa jirtuu dursee baraaruun lammummaa biyya Faransaayii argate.
Erga masaraatti gurbicha waliin wal arganiin booda Pirezidaantiin biyyatti Imaanuel Maakroon lammummaa akka argatu akka taasifamu dubbataniieu.
Dhunfaa isaattis Mr Gassama galateefachuun cimina isaatiif meedaala badhaasuun tajaajila ittisa ibiddaa keessatti hojiin kan keemanuuf ta'u himaniiru.
Viidiyoon Mamoudou Gassama wayita inni haala ajaayibsiisaa ta'een daa'imattii dursee baraaru miidiyaa hawaasummaa dhuunfateera.
Daqiiqaa tokko utuu hin guutin gamoorraa gamootti of furguggifatee daa'ima namoonni qabuuf dacha'anii lafatti eegaa turan dursee baraareera.
Kantiibaan magaalaa Paaris Anne Hidaalgoo dardara waggaa 22 kana gootummaasaatiif nan galateeffadha jedhaniiru.

Madda suuraa, Facebook
Aanga'oonni mootummaa muuxannoo fi gootummaan akkanaa Firaansi keessatti heddummaachuu akka qabu himanii, namni lammii Maalii ta'e kun nama jabaa bara 2018 ta'a ittiin jedhaniiru.
Taateen kana booda poolisoonni biyyattii abbaa mucaa eegumsa malee bakkeetti dhiisee balaa akkanaaf saaxile gaaffiif dhiyeessaniiru, haati mucaa wayita sana magaalaa Paaris keessa akka hin turres beekameera.
Oduun kun kan inni babal'achuu eegale Sanbata darbe irraa kaaseeti.












