Loltuun gootummaan meedaaliyaa argate, waahillan isaan gaaffiin irratti ka'e

Madda suuraa, Getty Images
Loltuun Biriteen duraanii gocha gootummaan medaaliyaa badhaafame, warreen isa waliin duulaniin gaaffiin irratti kahe.
Kunis kan tahe loltuun Deacon Cutterham jedhamu meedaaliyaawwan walitti qabe, caalbaasiin gurguruuf wayita guyyootni muraasni hafanitti.
Loltuun duraanii kun, boombii Taalibaan lafaa kaasuun, deebisee darbachuun badhaasa 'Conspicuous Gallantry Cross' argate.
Haatahu malee, loltuuwwan nama kana waliin Afgaanistaan, kutaa biyyaa Helmaanditti bara 2011tti duulan, BBCtti oggaa dubbatan, waan loltuun kun jedhu gaaffii keessa galchaniiru.
Aabba Cutterham garuu jarri kun sobaa jiru jedha.
Aabba Cutterham meedaaliyaa torba Paawundii 120,000 yookaan Birrii Itoophiyaa miiliyoona jahaatti siqutti caalbaasiin gurguruuf akka tahe miidiyaaleen gabaasan.
Waahillan duraanii nama kanaa, gartuu baataaliyoonii 1ffaa 'Rifles' jedhamu keessa waliin tajaajilan, erga gabaasaalee miidiyaa kana arganii booda BBCtti dubbataniiru.
''Meedaaliyaan sun isaaf mala jedhee hin yaadu. Ammammoo inumaayyuu maallaqa irraa argachuuf jira,'' jedhe loltuun tokko.
Caalbaasii kanas guyyaa goototni itti yaadataman 'Remembrance Day' Sadaasa 11tti dhiyeessee gochuun isaa daran na aarseera jedha.
Loltuun biraa ammoo: ''Goota akkamii akka tahe namootatti himuusaatti baayyee itti hin dhimmamne ture. Amma garuu kanarraa bu'aa maallaqaa argachuuf deemuunsaa nu yaaddeseera.''
Namni ganna 37 Cutterham, Biristol irraa yogguu tahu, waraana biyyattiitti kan dabalame ganna 16tti. Turtii isaa waraana keessaa waggaa 19 keessa, Iraaq fi Afgaanistaanitti duuluun tajaajileera.
Taateen boombii kan mudate Baataaliyooniin 1ffaa Rifles, kibba Afgaanistaan, naannoo Nahr-e-Saraj jedhamtutti dura bu'uun gaggeessaa wayita turetti.
Deacon Cutterham waa'ee taatee kanaa gaaffiifi deebii garagaraa taasiseera.
2012tti waa'ee taatee kanaa BBCtti wayita dubbatu: ''Boombichi gama gubbaan dhufe. Anis battaluma 'boombii' jedheen iyye. Achis itti dhiyaadhee kaase. Oggasuus nan darbadhe. Battaluma na harkaa bahetti dhooye. Kanaanis anaafi waahillan koo miidhaa ooluun, lubbuun hafneerra,'' jedhe.
Gaaf biraa ammoo boombichi karaa dallaarraan darbatamee booyii bishaan keessa bu'e jedhe: ''Eessa akka bu'e argeen ture, garuu bishaan keessatti salphumatti argachuu hin dandeenye.
''Achis battalumatti harka koo bishaan keessa kaa'uun barbaachuutti ka'e. Harki koos boombiicharra bu'e. Boodas iyyuun dhokadhee, ofirraa achi darbadhe''.
Loltoonni BBCn dubbise kunniin, erga Taalibaan akkasitti dhiyeenyaan itti dhiyaatee kan boombii darbatu tahe, maaliif dhukaasa banuu dhiisan jechuun gaafata.
''Boombii darbatameera, garuu kanuma isaati,'' jedhe waahilli isaa duraanii tokko.
Loltuun biraa, kan meeshaalee waraanaa lakkaa'uun galmeessu ammoo, gara buufataatti deebiyuun wayita sakattaanu, boombiin tokko hanqateera jedha.
Badhaasni 'The Conspicuous Gallantry Cross' badhaasa sadarkaa jalqabaarra jiru 'Victoria Cross' ittaanee kan jiru yogguu tahu, kanneen waraanarratti gootummaa olaanaa agarsiisaniif kan kennamudha.













