Ogeessi baankii kaffaltii olaanaa argatu 'nyaata hatteetta' jedhamuun hojiirraa ari'ame

Saanduchii

Madda suuraa, Getty Images

Baakiin Inveestmeentii Siitiigiruup Landan, hojjetaa isaa gameessa restoraantii waajiraa keessaa nyaata hatteetta jechuun hojii irraa isa dhorkeera.

Hojjetaan Paaraas Shaah jedhamu nama waggaatti qarshii miiliyoona 35 argatu dha.

Hojii hoggantummaa baankichaa Awurooppaa, Gidduugala Bahaa, fi Afrikaa daldalaan wal qunnamsiisuu irraa ka'uusaa Faayinaanshaal Taayims gabaaseera.

Baankiin Siitiigiruup dhimmicha irratti yaada hin kennu jedheera.

Akka gabaasni jedhutti Shaah namni ganna 31 restoraantii waajira Landan argamu irraati kan inni saanduuchii hatee nyaate jedhame.

Gochi hannaa kun irra deddeebiin akka mudateefi yeroo hangamii keessatti amala akkasii akka agarsiise waanti beekame hin jiru.

BBC LinkedIn(marsariitii hawaasaa namoonni hojii irratti barbaaddatan) nama kanaa ilaaluu haa yaaluyyuu malee argachuu hin dandeenye.

Shaahin hanna xixiqqootiin shakkamuun yoo himatamu hojjetaa baankichaa kan jalqabaa miti.

Bara 2014tti hojjetaan Pool Biroos jedhamu hojii faayinaansii irraa, sababii baabura gara Landan geessu yoo fayyadamu yeroo baayyee tikeetii kutuu dhiisuun ari'ameera.

Shaah yeroo waajirrisaa hojjettoota gameeyyiif kaffaltii bonasii yeroo kennuuf jedhetti ari'ame.

Namni kuni bara 2017tti dha waajira kana gale. Waajira kanatti namni kun boondii gurguruu,faa dabalata ture.

Waajira olaanaa Baankii Siitiigiruup

Madda suuraa, Reuters